Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.39.0-wmf.22
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Gadget
Gadget talk
Gadget definition
Gadget definition talk
Nikolaa Teslaa
0
3939
38034
37999
2022-07-29T03:55:30Z
MaykilH45
9446
Afaan Sarbiyaa
wikitext
text/x-wiki
{{Barruu gaarii}}
{{Saayintistii|
| Maqaa = Nikolaa Teslaa
| File = [[File:Tesla Sarony.jpg|210px]]
| Ogummaa = [[kalaqaa]], [[injiinera elektirikaalii]], [[injinera makaanikii]], [[fiizisistii]]
| Biyya = {{SRB}}<br>{{USA}}
| Guyyaa dhalootaa = Adoolessa 10, 1856
| Bakka dhalootaa = [[Isimiilyen]], [[Oostiriyaa]]
| Guyyaa du'aa = Amajjii 7, 1943
| Bakka du'aa = [[Niwuu Yoorki]], [[USA]]
}}
'''Nikolaa Teslaa''' ([[Afaan Sarbiyaa|Afaan Sarbiyaatin]]: ''Никола Тесла''; A.L.A Adoolessa 10, 1856 – Amajjii 7, 1943tti jiraate) lammii Sarbiyaa-Ameerikaa fi kalaqaa(inventor), injiinera elektirikaalii (electrical engineer), injinera makaanikii, fi fiizisistii yoo ta'u kalaqa inni ittiin beekkamu keessaa tokko elektirikii danbali'uuni (alternating current).
Teslaan hojii elektirikii fi bilbilaa kan jalqabe gara [[USA|Ameerikaatti (USA)]] bara 1884 [[Toomaas Edisen]]iif hojjachuuf odoo hin godaanin dura ture. Ameerikaatti odoo baayyee hin turin gargaarsaa fi waliigaltee namoota gara garaa wajjin godheen laabiraatorii qorannoo waa'ee meeshaalee elektirikii keessattii geggeessu dhaabe. Mirga paatentii motora elektirikii (AC induction motor) fi tiraanisfoormerii (transformer) kan inni qabu dhaabbanni Joorji Westiingihaawus (George Westinghouse) jedhamu eeyyama kan argate yoo ta'u, akkasumas dhaabbanni kun Teslaa akka gorsaatti elektirikii danbali'uuni (alternating current) hojjachuuf akka isaan gargaaru qacare. Dabalataanis, Teslaan, qorannoo voolteejii guddaa fi firiquweensii guddaa naannoo [[Niwuu Yoorki]] fi [[Koloraadoo Ispiriingis|Koloraadoo Ispiriingisitti]] geggeesun kan walqunnamtii raadiyoo, qorannoo [[eksi-reyii|eksi-reyii (X-ray)]], fi mala humna elektirikii wadaroo malee (wireless transmission of electricity) ittiin tamsaasu oomishuuf isa gargaarun ni beekkama.
Bu'aawwan qorannoo gara garaa kan raajii fakkaatan kun Teslaan addunyaarratti akka beekkamu isa godhe. Teslaan, qorannoosaarraa qarshii baayyee yoo argatellee, horiisaa kana qorannoowwan gara biraa irratti balleesse. Kanarraa ka'uun bara dullumsaa keessa hoteela Niwuu yoorki Hoteel keessa kutaa 3327 kessaa jiraachaa ture; darbe darbee maxxansaalee gara garaatif yaada adda ta'e ni kennas ture. Sababaa yaada inni kennuu fi qorannoo inni geggeessuun kan ka'e, Teslaan maqaa saayintistii maraataa jedhamu kennameefi. Dhumarrattis, bara 1943 hiyyoomee fi liqaa keessaa jiraachaa turee du'e. Hojiiwwan Teslaa baayyeen sana booda dhokatanii turanillee bara 1990n keessaa kaasee beekkamtummaan isaa fi aadaa keessatti kaafamuun isaa dabale. Bara 2005tti, Teslaan Ameerikaanota Gurguddoo 100 filaman keessatti maqaan isaa dabalame.
Bara 1960tti, kabajaa fi yaadannoo Teslaatif, walgayiin ''General Conference on Weights and Measures for the International System of Units'' safartuu jabinaa human maagineetii safaruuf gargaaru ''teslaa'' jehee moggaase.
==Dahloota Isaa==
[[File:Nikola Tesla Memorial Center.JPG|thumb|Mana Teslaan keessatti dhalate, [[Isimiilyen]], Kirooshiyaa keessa kan jiru kan lammata ijaarame, fi waldaa abbaansaa keessatti tajaajilaa ture, kan lammata ijaarame. Yeroo waraana Yugoslaav, gamoo baayyeen ibiddaan gubatee ture. Bara 2006, deebi'ee haareffamee baname. ]]
[[File:Balkan man in national costume.png|left|thumb|Teslaan uffata aadaa yoo uffatu, 1880]]
[[File:Nikola Tesla birth certificate.png|thumb|Galmee cuuphamuu Teslaa, Waxabajjii 28 1856]]
[[File:Milutin Tesla.jpg|thumb|Abbaa Nikolaa Teslaa, Miluutin, luba waldaa Orotodoksii mandara [[Isimiilyen]] kan ture.]]
Nikolaa Teslaan bara 1856tti Adoolessa 10 maatiisaa lammii [[Sarbiyaa]] ta'an irraa mandara [[Isimiilyen]], biyya [[Oostiriyaa]] (biyya amma [[Kirooshiyaa]] jedhamtu) keessatti dhalate. Abbaan isaa, Milutin Teslaan, luba waldaa [[Ortodoksii Sarbiyaa]] turan. Haati Teslaa, Dukaa Teslaa, kan abbaan ishiis luba waldaa [[Ortodoksii Sarbiyaa]] turan, dandeettii fi kennaa meshaalee mana keessaa hojaachu fi walalooo Sarbiyiffaa dhedheera ta'an yaadachuu qabdi. Haa ta'u malee barumsa hin qabdu turte. Sanyiin maatii Teslaa Dhihaa Sarbiyaa naannoo [[Moonteneegroo|Moonteneegrootii]] maddan.
Teslaan maatii isaa ijoollee shan qabaniif mucaa afraffaa ture. Obollessa angafasaa kan Deen jedhamuufi obboleeyyan durbaa Milkaa, Anjeliinaa fi Maarikaa jedhaman qaba. Obboleettiin isaa Deen balaa farda yaabbachuutin yeroo inni umuriin isaa waggaa shani duute. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti farda dammaqsuun balaa kana kan uume Nikolaa Teslaati. Bara 1861tti, Teslaan mana barumsa sadarkaa 1ffaa mandara [[Isimiilyen]] keessa jirutti barumsa gale. Achittis [[Afaan Jarmanii]], [[Herreega|Herreegaa]] fi [[amantii]] barate.
Bara 1862tti, maatin Teslaa gara Goospiich, biyya [[Oostiriyaa]], bakka abbaan isaa akka lubaatti tajajiltti galan. Nikolaanis barumsa sadarkaa 1ffaa fixee akkasumas barumsa giddu galeessaas fixe.
Bara 1870tti, Teslaan Kaarlovaak, [[Kirooshiyaa|Kirooshiyaatti]] barumsa sadraka lammaffaa xumuruuf gale; achittis barsiisaa Herreegaa Maartiin Sekuliichin baayye booji'ame. Teslaan integiraal Kaalkulesii waraqaa malee sammuudhumaa isaa keessatti hojjata ture, barsiisonni isaa garuu waan goowwoomsu itti fakkaata ture. Achittis barumsa waggaa afurii waggaa sadi'i keessatti xumuree bara 1873tti eebbifame.
Bara 1873tti, Teslaan gara mandara [[Isimiilyen|Isimiilyenitti]] deebi'e. Erga deebi'ee odoo hin turinis, dhukkuba [[koleeraa]]tiin qabamee ji'aa sagaliif sireerra ciise. Yeroo baayyes inni du'a jedhamee sodaattamee ture. Abbaan Teslaa, abdii kutuun yoo inni fayyee mana barumsaa injineriingii beekkamaa akka isa galchu waadaa galeef (duraan abaan isaa akka inni luba waldaa ta'u barbaada ture).
Bara 1874tti, Teslaan dirqama loltuu waraanaa ta'uu jalaa gara Tomingaaj, naannoo Girachaakitti baqate jalaa ba'e. Achitti tulluu baayye akka adamsituuti koree yaabee arge. Teslaan ummaamaan wajjin wal arguunsaa qaamaanis ta'ee sammuun jabaataa akka isa godhe dubbata. Yeroo Tomingaaj ture kana kitaaba baayyee dubbise, boodarra yoo dubbatus barreeffamni [[Maark Tiween]] dhibee isaarraa akka fayyuuf na gargaareera jedha.
Bara 1875, Teslaan Pooliiteekniikii Oostiriyaa kan Giraaz jirutti iskoolaarshiippii waaraanatiin galmaa'e. Waggaa jalqabaa, Teslaan daree tokkollee odoo hin gubin barate, qaaphxii baayyee olaanaa ta'es fide, qormaata sagalis darbe (kunis qormaata darbuun isarraa eeggamu dachaa lamaan caala), Gumii Aadaa [[Sarbiyaa]] bane. Dabalataan xalayaa jajuu kan diinii teeknikaal faakaltiitin abbaasaaf barreeffame kan "Ilmi keessan urjii sadarkaa tokkoffaa ti" jedhu argate. Teslaan halkan keessaa sa'aatii 9 hanga galgala keessaa sa'aatii 5tti, Dilbataa fi guyyaa ayyaanaa dabalatee, hojjachaa (dubbisaa) akka ture dubbata. Yeroo abbaansaa milkii fi kabaja inni dhamaatii guddaadhan argate kana harkatti busheessu Teslaan baayyee qaaneffate. Erga abbaasaa bara 1879tti du'ee booda, Teslaan xalayaa hidhaa tokko kan pirofeesaroonni Teslaa abaasaaf barreessan argate. Xalayaan kunis, Teslaan yeroo barumsa akka addaan kutu yoo godhamuu baate garmalee hojjachuurraan kan ka'e akka du'u dubbata. Waggaa lammaffaarratti, Teslaan pirofeesar Poeschl wajjin waa'ee Gramme dynamo irratti wal dhabe; sabaabiin wal dhabdees Teslaan "Gramme dynamo"f komuteeteriin(commutators) barbaachisaa miti waan jedheefi. Dhuma waggaa lammaffaarratti, Teslaarraa iskolaarshiippiin isaa irraa fudhatame; innis araada qarshiidhaan taba tabachuu(gambling) keessa seene. Waggaa sadaffaatti, Teslaan qarshii isaaf kennamee fi kaffaltii mana barumsaa tabaan nyaachisee fixe. Boodarra garuu deebisee qarshii isaa amma tokko nyaatee maatii isaattii deebisee kenne. Teslaan yeroo dubbatu "dharraa koo gara dhabaa gaafasii fi achittan moo'adhe" jedha; ta'us erga gara USA dhaqeeyis taba biiliyaardis jedhamu ni tabata ture. Gaafa yeroon ga'u, Teslaan waan hin qophoofneef yeroon barnootaa akka isaa dheereffamuuf gaafate, garuu hin didame. Kanaafuu, semisteera dhumaarratti qabxii (grade) hin argannee; yuunivarsiitiicharraayis hin eebbifamne.
Mudde 1878 keessa, Teslaan Giraaz gadi lakkisee deemee, walqunnamtii maatiisaa wajjin qabu addaan kute; kunis barumsaa dhiisuusaa (addaan kutuusaa) dhoksuuf ture. Hiriyoonni isaa Laga Murtu isa nyaate jedhanii yaadaa turan. Teslaan gara Mariibor(amma [[Isloveeniyaa]] keessa kan jiru) deeme, achitti akka diraaftismaanitti ji'atti florins 60n hojjachaa ture. Yeroo boqonnaasaammoo jiraattoota wajjin karaarratti kaardii tabachuun dabarsa ture. Bitootessa 1879 keessa, abbaan Teslaa Miluutin Teslaa mucaansaa gara qe'eetti akka deebi'uuf kadhachuuf gara Maribor dhaqe, garuu Teslaan hin dide. Naannodhuma kan keessa kana Teslaa dhibeen sammuu isa mudate.
[[File:Tesla young adjusted.JPG|thumb|Teslaan yeroo umuriinsaa 23, 1879]]
Gaafa Bitootessa 24 1879, Teslaan eeyyama jireenyaa waan hin qabneef, poolisiin hooffamee gara Gospiichtti deebie. Gaafa Ebla 17, 1879, abaansaa Milutin Teslaan umuriisaa waggaa 60tti dhibee hin beekkamneen qabamee du'e. Bara sana, mana barumsaasaa durii kan Higher Real Gymnasium jedhamutti, Teslaan barattoota daree baayyee barsisaa ture.
Amajjii 1880, wasiilli Teslaa lama qarshii walitti buusanii Teslaan gara Piraag deemee akka baratu ergan. Carraa dhabeessa ta'ee, yeroo inni Yuunivarsiitii Chaarles-Ferdinaand ga'u, yeroon galmee darbee ture. Kana malees, [[Afaan Giriik]] kan barbaachisaa ture hin baranne; [[Afaan Cheek|Afaan Cheekis]] dubbisuu fi barreessuu hin danda'u ture, garuu yuunivarsitiichaaf barbaachisaa ture. Haa ta'u malee, Teslaan daree seenee barachaa ture, akka yaaliitti, garuu qabxii itti hin arganne.
Bara 1881, Teslaan Ferenc Puskas jalatti, kaampaanii Budaappesti Telefoon Eksicheenji(Budapest Telephone Exchange) jedhamuu, kan tajaajila bilbila kennuuf hojjachuuf, gara [[Budaappesti]] deeme. Erga achi ga'ee booda, Teslaan kaampaaniin kun ijaarsarra akka jiruu fi hojii kan hin jalqabin ta'uu hubate. Kanaafuu akka diraaftismaaniitti Central Telegraph Officetti hojjacha ture. Ji'a muraasa booda, kaampaanichi hojii waan jalqabeef, Teslaanis gita hojii elektirishaanitiin hojjachuu jalqabe. Yeroo kana, Teslaan meeshaalee sentiraal isteeshinii (central station) baayyee fooyyesse; rippiiterii bilbilaa (telephone repeater) ykn ampilifaayeerii (amplifier) akka qajeeltotti akka hojjatu akka godhe dubbata. Kanaaf garuu paatentii itti hin arganne ykn ifatti hin wanti ibsame hin jiru.
=== Ediiseniif Hojjachuusaa ===
Bara 1882, Teslaan Continental Edison Company kan [[Firaansi]] jiruutti hojjachuu jalqabe; hojiinsaas meeshaalee eleektriikii saxaxuu fi fooyyesuu ture. Bara 1884tti, gara [[Niwuu Yoork|Niwuu Yoorkitti]] godaane; achittis [[Toomaas Edisen|Toomaas Ediseniin]] Hojii Maashinii Edisen (Edison Machine Works) akka hojjatuuf qacaramee. Tajaajilli Teslaan Ediiseeniif kennu hojii elektrikaal injineeringii salphaadhan kan jalqabe yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti gara rakkoowwan gurguddaaf fala barbaadutti guddate.
Teslaan jenereeteroota DC kan Kaampaanii Edisen (Edison Company) guutumaan guutuutti akka haaraatti akka saxaxuuf haffeerran godhameef. Bara 1885tti, Teslaanis [[jenereetera|jenereeteroota]] fi [[motora|motoroota]] [[Toomaas Edisen|Edisen]] kan duraanii akka haaraatti saxaxuu akka danda'uu fi tajaajila isaanii fi bu'aa qabeessa ta'u isaanii akka fooyyessu dubbate. Akka Teslaan jedhetti, Ediisen "Yoo kana gochuu dandeesse doolaara kuma shantama argatta" jedhee waadaa galeefi - jechi kuni garuu kaampaanii Edisen kan kaffaltiirratti baayyee waakkatuu fi kan qarshii amma kana baayyatu hin qabneef adda ture. Dhamaatii ji'a baayyee booda, Teslaan hojii kana hojjatee fixe; itti aansee kaffaltii isaaf waadaa galame gaafate. Ediseen garuu jechi sun qoosaa akka ture dubbachaa "Teslaa, ati qoosaa warra Ameerikaa kana hin barre" jedheen. Bakka sana, Edisen Teslaadhaafa kaffaltii isaa kan torbanii kan $18 ture irraatti $10 dabaluufiif yaada dhiyeesse. Teslaan yaada kana diduudhaan hojii isaas gadi lakkisee baye.
== Umurii Giddu-galeessatti (1886–1899) ==
Erga Kaampaanii Edisen gadi lakkisee bayee booda, Teslaan namoota bizinesii lama wajjin bara 1886tti waliin hojjachuuf walii galan; jarri lamaan kun qarshii barbaachisuu dhiyeessanii kaampaanii ifa elektriikii kan maqaa isaatin moggaafame kan Ifa Elektirikii fi Warshaa Teslaa (Tesla Electric Light & Manufacturing) jedhamu dhaabuf murteessan. Kaampaaniin kunis ifa aarkii eleektriiki irratti hundaa'e kan Teeslaan saxaxee dhaabuu jalqabe. Dabalataanis motoroota humna elektriikiitiin hojjatanis saxaxa isaa qaba ture. Paatentiin(patent) jalqaba Teslaadhaaf USA keessatti kennameef kana ture.
Investeroonni kun yaada motoroota haaraa fi mala ittiin humna elekriikii dabarsan haaraa kan Teslaan kalaquuf yaade baayyee hin fudhanne. Irra caalaa, isaan waan haaraa uumuurraa elektiriikii ummataaf dhiyeessuu wayya jedhanii yaadu turan. Dhumarratti, Teslaa dhiibanii akka inni kaampanicha keessaa ba'u godhanii harka duwwaa hambisan. Sirumayyuu [[paatentii]] isaallee fudhatama kaampaanichaa dabaluuf jecha maqaa kaampaanichaan waan galmeesseef hin dhabe. Teslaan sana booda hojii eleektriika suphuu adda addaa hojaachuuf dirqame, keessa darbee guyyaatti $2n boolla qotuulle hojjate. Teslaan gana bara 1886/1887 yeroo "mataa bo'aa hamaa fi boo'icha hadhaawaa" jedhee ibsa. Yeroo kana, Teslaan faayidaan barumsa koo maali jedhee of gaafata ture.
=== AC fi Motora Indaakshinii ===
[[File:RMFpatent.PNG|thumb|Suura kaafamaa Paatentii 381, 1968 irraa, kan piriinsippilii motorri indaakshinii Teslaa kan karantii dambali'uun hojjatuu ibsu. ]]
Bara 1886 gara dhumaa, Teslaan Alfireed Biraawun, suupper intendentii Westerni Yuuniyeen (Western Union) fi abukaatoo [[Niwuu Yoorki]] Chaarles Peekin wal bare. Jarri lamaan kaampaanii dhaabuu fi kalaqa fi paatentii bu'adhaaf beeksisuurratti muuxannoo kan qaban turan. [[Paatentii]] Teslaarrattiifii yaada dabalataarratti hundaa'un Teslaa maallaqaan deeggaruufii paatentii isaa too'achuuf walii galan. Waliin, Ebla 1887tti Teslaa Elektriiki Kaampaanii(Tesla Electric Company) dhaaban. Bu'aan kaampaanii kanarraa argamus 1/3 Teslaadhaaf, 1/3 Peek fi Biraawun, fi 1/3 ammoo guddinaaf akka ooluuf walii galan. Teslaadhaafis laabraatorii Manaataanitti dhaabaniif; achittis Teslaan [[motora eleektriikii]], [[jenereeterii]], fi meeshaawwan biraa fooyyessuu fi haaraa kalaquurratti xiyyeeffate hojjata ture.
Wantoota Teslaan laabraatorii kana keessatti kalaqe keessaa tokko motora indaakshinii kan elektirikii danbali'uuni hojjatu isa tokko. [[Elektiriikii danbali'uu|Elektirikiin danbali'uu]], sirna anniisaa lafa fagootti tamsaasuuf mijatu waan ta'eef, [[Yuurooppi]] fi [[USA]] keessatti ijaarramaa ture. Motorri indaakshinii kun karantii pooliifeezii (polyphase current) kan maagineetiik fiildii naannawu uumuun motoricha naannessa (yaada kana Teslaan bara 1882tti akka burqisiise dubbata). [[Motora eleektriikii]] kalaqa cimaa ta'e kanatti Teslaan paatentii ji'a Caamsaa 1888tti itti argate. Motorri kun saxaxa ofumaaf naanna'uu jalqabuu fi kan komutaaterii hin qabne ture; kunis qaanqeen (spark) akka hin ummamne waan godhuuf suphaa yeroo yeroodhan barbaachisa ture hambise.
Bara 1888, gulaalaa magaazina ''Electrical World'' kan ta'e Toomaas Komerford Maartin (hiriyasaa fi ummatatii kan beeksiisuun beekkamu), Teslaan hojiisaa karantii danbali'uu, indaakshin motoriis dabalatee, [[Inistiitiyuutii Elektirikaal Injineroota Ameerikaa|Inistiitiyuutii Elektirikaal Injineroota Ameerikaa (American Institute of Electrical Engineers (amma IEEE))]] irratti akka ummatatti agarsiisuuf qindeesseef. Injineroonni [[Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus]] hojjatan [[Joorji Westiingihaawusitti]] Teslaan motora AC sirna humnaa isa wajjin walqabatu kan sirriitti hojjatu akka qabu itti himan — Westiingihaawus pateentii waan akkasii argachuuf dhama'aa ture. Westiingihaawus paatentii walfakkaataa indaakshin motorii maagineetiik fiildii naanna'uu komiteeterii-maleessa ta'e kan fizisistii [[Xaaliyaanii]] [[Galiiliyoo Feraaris]] bara 1988 maxxanse baase irratti paatentii fudhachuu barbaadee ture garuu paatentiin Teslaa gabaa akka too'aatu tilmaame.
[[File:US390721.png|left|thumb|Maashinii AC Dinaamoo-elektirikii (jenereeterii elektirikii AC) kan Nikolaa Teslaa, kan Paatentii 390,721 bara 1888 irra jiru.]]
Adoolessa 1888, Biraawun fi Peek waliigaltee [[Joorji Westiingihaawus]] wajjin saxaxa motora indaakshinii fi tiraanisfoormerii Teslaatif kaffaltii fi aksiyoonaa $60,000 baasu fi motorri tokkoonsaa humna-fardaa tokko oomisheef kaffaltii fayyadamaa (royalty) $2.50 akka kennan walii galan. Westiingihaawus dabalataan Teslaa miindaa ji'aa guddaadhan $2,000 ($52,000 qarshii ammaatti) waggaa tokkoof mindeesse; kunis Teslaan gorsaa ta'ee Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus jalatti laabiraatorii Piitisbargi keessatti akka hojjatuuf ture.
Waggaa sana keessa, Teslaan Piitisbargitti keessatti, karantii dambali'u kan konkolaataa magaalatiif (streetcars) anniisaa kennu uumuu irratti hojjachaa ture. Yeroo achi keessa turetti, sababa mormii humna AC tooftaan baayeessi ittiin oomishan kami jedhurratti injineroota Westiingihaawus fi isa gidduu tureef turmaata isaatti hin gammadne ture. Isaan gidduutti, sirna karantii AC marsaa 60 qabu (60-cycle) kan Teslaan dhiyeesserratti waliigalan, kunis ammamtaa motora Teslaa wajjin tokko akka ta'uuf ture. Garuu, odoo hin turin motorri indaakshinii kan Teslaan kalaqe saffisa seranaan waan deemuuf, konkolaataa magaalaatiif akka hin hojjanne baran. Bakkasaa motora tiraakshinii DC (DCtraction motor) fayyadaman.
=== Waraana Karantii ===
Hojiin Teslaan karantii dambali'urratti hojjate, Teslaa "waraana karantii" jedhamu keessatti garee "AC" jala isa galche. Waraanni karantii kun [[Toomaas Edisen|Toomaas Edisenii]] fi Joorji Westiingihaawus gidduutti elektirkii kan isaanii fudhatamaa akka ta'uuf kan isaan godhan ture. Paatentiin Teslaa, paatentiiwwan kanneen biroo kan Westiingihaawus bite ykn kalaqe wajjin, Westiingihaawus sirna anniisaa AC kan sirna anniisaa DC Toomaas Edisen oomishu wajjin wal morku hojjachuu dandeessise.
Bara 1893, Joorji Westiingihaawus caalbaasii ''World's Columbian Exposition ''kan bara 1893 Chikaagotti geggeeffameef elektirikii dhiyeessuu moo'ate, kunis AC fayyadamuun kan dhiyaatu yoo ta'u caalbaasii kanarratti aannisaa DC Edisen mo'atan ture. Kunis seenaa AC keessatti kun waan ijoo ture, sababiinsaas Westiingihaawus ummata [[USA|Ameerikaatti]] karantiin dambali'u namarraan balaa kan hin geesifne, amansiisaa, fi ta'uu agarsiise. ''Columbian Exposition'' kanatti, Teslaan galtee elektirikii kan sana dura Yuurooppii fi ameerikaa keessatti hojjatamaa ture agarsiise, kan keessaa tokko AC voolteejii guddaa ammamtaa guddaa qabuun ampuulii gaaz-dischaarji wadaroo-maleessaa ta'e akka ifu gochuu ture. Namni laale tokko akkana jedhe:
<blockquote>Kutaa sana keessa tirii pilaastikii irraa hojjatamee fi tiinidhaan gubbaan dibame lamatu ture. Titiin kun lamaan fiitii 15 addaa fagaatu ture, akka moggaa (terminal) shiboo gara tiraanisfoormerii irraa dhufuutti tajaajilu ture. Yeroo karantiin akka yaa'u godhamu, ampuulonni shiboon wayiitinuu elektrikiitti hin qabanne, garuu minjaalarra tirii lamaan gidduu taa'aa jiran, kan harkaan baatamanii kutaa san keessa eessayyuu geeffamuu danda'an, ifuu jalqaban. Yaalin kunii fi meeshaalen kun waggaa laam dura Landanitti yeroo Teslaan agarsiisu "ajaa'ibsiifannaa fi dinqisiifannaa guddaa uuman".</blockquote>
Teslaan piriinsipillii maagineetiik fiildii naanna'uu fi indaakshin motorii ibse, kanas meeshaa hanqaaquu kolombos jedhamutti fayyadamee hanqaaquun koopparii moggaa tokkoon akka dhaabatugochuun agarsiise.
Bara 1892tti, Kaampaanin Ediisen [[Jeneraal Elektiriikii|Jeneraal Elektiriikiiitti]], kan hojii adda addaarratti hirmaatutti, nama maallaqa dhiyeesu (financer) J. P. Morgaanin makame. Kaampaanii haaran kun (gara humna ACtti jijjiiramuun) Elektrikii Westiingihaawus wajjin falmii paatentii fi Westiingihaawus of jala galchuuf yaalii gochuu jalqabe. Paatentii waliin qooddachuuf kaampaanonnii lamaan waliigaltee bara 1896 mallatteessaniyyuu Westiingihaawus falmii diinagdee sanarraan kan ka'een hirrinni maallaqaa isa mudate. Liqaa dabalataa argachuuf Westiingihaawus paatentii Teslaa irra deebi'ee laalun dirqama itti ta'e, sababiinsaas baankonnii paatentiin kun kaampanichaaf hidhaa diinagdee itti ta'a jedhanii yaadu turan (yeroo sanatti Westiingihaawus Teslaa, Biraawunii fi Peekif kaffaltii fayyadama kalaqaaf naannoo $200,000 kaffalee ture). Bara 1897tti, Westiingihaawus Teslaatti rakkina diinagdee jiru ifatti itti hime, yoo duraan ture akkaata duraa sanaan itti fufe Teslaan Elektirikii Westiingihaawus isa harkaa waan bahuuf Teslaan kaffaltii fayyadamaa fudhachuuf warra baankii wajjin qabsaawuu akka qabu itti himame. Westiingihaawus Teslaan kaampaanii isaa kaffaltii fayyadama kalaqaa kan paatentii AC Teslaa akka dhiisu amansiise, bakkasaa Elektikiin Westiingihaawus ampuulii dimshaashatti $216,000 baasu irraa bituuf walii gale. Kunis Westiingihaawus kaffaltii guddaa fayydama kalaqaa kan humna-fardaa tokkoof $2.50 ta'e sana, kan karantii dambali'u baayyee fudhatama argachaa waan dhufeef maallqa guddaa ta'uuf ture, irraa bilisa ba'e.
=== Lammummaa Ameerikaa ===
Adoolessa 30 1891tti, umurii 35tti, Teslaan lammummaa [[USA]] argate, Laabiraatorii ''South Fifth Avenue laboratory'' dhaabe, boodarra laabiraatorii kan biraa'' 6 E. Houston Street,'' in [[Niwuu Yoorki|Niwuu Yoorkitti]] dhaabe. Teslaan iddoo lachanittuu ampuulii elektirikii wadaroo odoo hin fayyadmanin ibsa ture, kanaanis anniisaa wadaroo-malee dabarsuuf abdiin akka jiru agarsiise. Baruma sana, meeshaa [[kooyilii Teslaa]] jedhamuutti paatentii fudhate.
Teslaan akka hoogganaa ittaaanaa [[Inistiitiyuutii Elektirikaal Injinerootaa Ameerikaa]] ta'ee bara 1892 hanga 1894tti hojjateera. Dhaabni kun dhaabbata amma [[IEEE]] jedhamuuf ka'umsa (Inistiitiyuutii Injineroota Raadiyoo waliin) ture.
=== Yaalii eksi-reyii ===
[[File:Рэнтгенаўскі здымак рукі Тэслы.jpeg|thumb|Eksi-reyii harkaa kan Teslaan kaase]]Bara 1894 jalqabee, Teslaan kan inni gosa anniisaa hin mullanne jedhee waamu qorachuu jalqabe; kunis yaaliisaa isa darberratti fiilmiin laabiraatoriisaa keessa jiru akka bade (gubate) waan argee fi. Kunis boodarra Roontigen reyi ykn [[eksi-reyii]] jedhamee adda baafame. Yaalin jalqabaa Teslaan naannoo kanarratti hojjate tuubii kiruuksii, dischaarjii elektirikii kaatodii qorraadhaan ture. Sana booda odoo hin turin, qorannoon Teslaa jalqabaa baayyen —ilaallata kalaqaa, saxaxa, yaadannoo, daataa laabiraatorii, meesaa, suuraa kan dimshaashatti naannoo $50,00 baasanii fi dhibbaa olitti lakkaawwaman— ibiddaa laabiratoorii ''5th Avenue laboratory'' keessatti ka'een gubate, bara 1895tti. Teslaan kana ilaalchisee "Amma gadda guddaa keessa waanan jiruuf dubbachuuyyuu hin danda'u. Maalan jedha?" akka jedhe Za Niwuu Yoorki Taayimsi (The New York Times) gabaase ture. Teslaan odoo hin yaadin suuraa eksi-reyii (odoo [[Viilheelmi Roontigan|Viilheelmi Roontigen]] bara 1895 [[eksi-reyii]] argachuusaa hin beeksisin torban muraasa dura) yeroo ''Geissler tube, ''dischaarji tuubii gaazii kan duraa, akka madda ifatti fayyadamee Maarki Tiween suura kaasuuf yaalu suura eksi-reyii kaase. Suurri fiilmirratti kaafame sibiila leensii kaameraarraa jiru qofa ture.
Bitootessa 1896, erga [[Viilheelmi Roontigan]] akka [[eksi-reyii]] fi eksi-reyiin suura kaasuu (raadiyoogiraafii) argate dhagayee booda, Teslaan qorannoo eksi-reyiin suura kaasuu kan mataasaa hojjachuu jalqabe, kanaafis [[vaakiyuum tuubii]] anniisaa guddaa moggaa (terminal) tokkoo qofa qabu, kan elektiroodii hin qabnee fi kan baha kooyilii Teslaarraa dhufuun hojjatu kan mataasaa saxaxee uume (jechi ammayyaa kan wanta meeshan kun uumu ibsuuf fayyadamnu ''bremsstrahlung'' ykn ''braking radiation'' dha). Qorannoo isaa keessatti, Teslaan karaa ittiin [[eksi-reyii]] uumaan adda addaa haaraa uume. Teslaan, sarkiyuutii isaatti fayyadamuun "meeshlen eksi-reyii... reyii Roontigan kan humni isaa meeshaalee baramaan baayyee caalu oomishuu nama dandessisiisa" jedhee amana.
Teslaan balaa sarkiyuutiinsaa fi meeshaale eksi-reyii noodii-tokkoo uumman irratti hojjachuun qabu hubate. Qorannoosaa jalqabaa kanarratti yaadannoo isaa baayyerratti, miidhama gogaa qaamasaa kan uume waan adda addatti qabsiise. Jalqaba miidhaan gogaasaarraa kun [[carallaa Roontigan|carallaa Roontiganiin]] kan dhufe miti jedhee amana ture, garuu yeroo eksi-reyiin gogaa tuqu [[ozoonii]] uummamutu fida, amma tokko ammoo naayitiras asidiitu fida jedhee amana ture. Teslaan dogoggoraan eksi-reyiin dambalii loogiitiyuuditi jedhee amana ture, kunis akkuma dambalii [[pilaazmaa]] keessatti uummamuu jechuu dha. Dambaliin [[pilaazmaa]] kun maagineetiik fiildii humna-maleessaa keessatti uummamu danda'a.
Adoolessa 11 1934, ''New York Herald Tribune'' barruu waa'ee Teslaa irratti maxxanse, kana keessatti yeroo Teslaan [[vaakiyuum tuubii]] elektiroodii-tokkoo irratti yaalii hojjatu waan wayita baayye isa muudate yaaddate; paartikilii xiqqoon kaatodiirraa cabdee, tuubii keessaa baatee, Teslaa rukutti ture. Teslaan "bakka itti wanti kun qaamaa seenetti dhukkubbii akka hiddaa fakkaatu, karaa ittiin qaama keessa ba'es akkasuma. Paartikiliin kun yeroo cabaa sibiilaa kan "rasaasa elektirikii" furguffameen wal dorgomsiifamu, Teslaan "paartikiloonni humna ifaa kallatti qabuu kana keessa jiran ... paartikiloota sana caala saffisaan deemu ... fi tuuta'insaan waliin deemu".
=== Raadiyoo ===
[[File:TeslaWirelessPower1891 adjusted.png|thumb|Agarsiisa wadaroo-malee humnaa fi anniisaa dabarsuu kan bara 1891 yeroo barnoota ammamtaa guddaa if poteenshiyaalii irratti kennu geggeesse.]]
Tiyoorin Teslaa kan dambalii raadiyootin tamsaasuun akka danda'amu ibsu barnoota gabaabaa (lecture) fi agarsiisa bara 1893 Seenti Luwiis, Mizuuirii, Inistiitiyuutii Firankiliin kan Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaa fi Dhaabbata Ifa Elektirkii Biyyaalessaa (National Electric Light Association) keessatti kennenn jalqaba. Agarsiisnii fi piriinsippiliin Teslaa meeshaalee sabqunnamtii adda addaatin baayye barreeffamee ture. Meshaalee baayyeen kan akka kooyilii Teslaa raadiyoo guddisuu keessatti baayyee tajaajilarra oole.
Yaalin dambalii raadiyoo irratti Teslaan bara 1896 godhe, bakka inni jiraachaa ture Hoteela Gerlaach (boodarra Gamoo Dambalii Raadiyoo jedhamee moggaafame) keessatti godhame.
[[File:Tesla boat1.jpg|left|thumb|230x230px|Bara 1898, Teslaan bidiruu raadiyoon-too'atamtu (paatentii US 613,809) agarsiise. ]]
Bara 1898, Teslaan bidiruu raadiyoon too'atamtu ummatatti ekzibiishinii elektirikaalii kan Medisen Isquweer Gaardenitti geggeeffamerratti agarsiise — maqaasaa teelee-otomeeshin jedheen. Ummanni agarsiisa Teslaa kan laale waa'e akkamitti akka bidiruun sun hojjattuu irratti yaada dhugaarraa fagaate kan akka maajikii, telepaazii, jaldeessa hoofuu leenji'ee kan bidiritti keessa dhokateen hooffamaa jirti jedhee dubbata ture. Teslaan yaada kana waraaran USAttii akka torpeedoo raadiyoon-too'atamtuutti itti gurguruuf yaale, garuu isaan fedhii xiqqaa agarsiisan. Fagoodhaa raadiyoon too'achuun hanga Waraana Addunyaa I fi sana boodaatti waan haaraa ta'ee ture, sana booda garuu biyyoonni baayyeen sagantaa waraanaa keessatti itti fayyadamuu jalqabana. Teslaan carraa kanatti fayyadamuun haasaa walgayii Gumii Daldalaa Chikaagoo keessatti godhamerratti "teelee-otoomaatiksi" agarsiise, kunis Caamsaa 13 1899 yeroo gara Koloraadoo Ispiriingisitti deemaa turetti ture.
1900tti, Teslaan paatentii "tooftaa ittiin anniisaa elektirkii tamsaasan" fi "tamsaasaa elektirkii" fudhate. Yeroo [[Guliyeelmoo Maarkoonii|Guliyeelmoo Maarkooniin]] bara 1901tti tamsaasa raadiyoo atilaantikiirra kan jalqabaa ta'e geggeessu, Teslaan paatentii koo 17 fayyadameeti hojjate jedhe dubbate. Kunis jalqaba falmii waggaa baayyee fudhatee fi kan paatentii raadiyoo irraatti godhamee ta'e. Bara 1903tti paatentiin Teslaa yoo kabajamuuf, bara 1904tti ammaoo kuni garagalfamee Maarkoniidhaa murteeffame. 1943tti, manni murtii olaanaan [[USA]] mirga paatentiwwan Teslaa, Oliiver Loojii, fi Joon Istoone deebise murteesseef. Manni murtii murtiin isaanii kun Maarkooniin "ani nama jalqaba raadiyoo tamsaasee" jedhurratti dhiibbaa akka hin fidne, garuu [[Guliyeelmoo Maarkoonii|Maarkooniin]] paatentii tokko tokkorratti abbummaan Maarkoonin dhiyeessu kan mormisiisu waan ta'eef, paatentiiwwan sun na jalaa tuqaman jedhee iyyachuu hin danda'u (Kaampaaniin Maarkoonii Waraana Addunyaa I irraatti gaaffii mirgaa mootummaa [[USA]] irratti dhiyeessee ture, paatentii Teslaa kan duraanii deebisuun gaaffii kana bu'uura dhabsiisuuf godhame kan jedhan ni jiru).
=== Koloraadoo Ispiriingis ===
[[File:Nikola Tesla, with his equipment Wellcome M0014782.jpg|thumb|Teslaan laabiraatorii Kolaraadoo Ispiriingis keessa yeroo taa'uu fi "Magnifying transmitter" isaa vooltii miliyoona ta'u fi aarkii meetira 7 dheeratu yeroo uumu.]]
[[File:Experiment in wireless power transmission by Nikola Tesla at his laboratory in Colorado Springs in 1899.png|thumb|An experiment in Colorado Springs. This bank of lights is receiving power by means of electrodynamic induction from an oscillator 100 feet (30 m) from the bulbs]]
[[File:TeslaWirelessIllustration.png|left|thumb|A Colorado Springs experiment: here a grounded tuned coil in resonance with a distant transmitter illuminates a light near the bottom of the picture.]]
Caamsaa 17 1899, Teslaan Koloraadoo ispiriingisitti gale, achittii kutaa yaalii voolteejii-guddaa, ammamtaa-gudaa keessatti geggeessu qaba ture; laabiraatoriin isaa naannoo karaa Foot fi karaa Kiyoowaa jira ture. Naannoo kana kan filateef, naannoo kanatti karantiin dambali'u kan pooliifeezii ta'e hojiirraa oolee waan turee fi hiriyoota anniisaa inni barbaade hunda kafaltii malee isaaf kennuuf murteessan achii waan qabuuf ture. Achi akkuma ga'een, Teslaan gabaastotaan yaalii telegiraafii wadaroo-maleessaa geggeessaa akka jiru, kanaanis asattoo Paayiksi Piikii irraa [[Paaris|Paarisitti]] ergaa akka jiru dubbate. Kitaabni bara 1978 ba'e kan ''Colorado Springs Notes, 1899–1900'' jedhamu ibsa yaalii Teslaan godhaa turee qaba.
Fudhattoota (receiver) isaa fayyadamuun asattoo [[bakakkaa]] ilaalun Teslaan elektirikummaa atimosferii qorate. Teslaan yeroo kana dambalii hin sochoone (stationary waves) akka arge dubbate. Fageenyaa guddaanii fi amalli wanti bakakkaa guddaarraa argaa jiruu kun, amantii Teslaan dacheen ammamtaa rizonaantii qabdi jedhu mirkaneesseef.
Teslaan bakakkaa namtolchee uume(dischaarjii vooltii milyoonatti lakkaawwamu qabuu fi dheerina hanga fiitii 135 ta'u qabu). Sagaleen bakakkaa namtolchee kanarraa ba'e maayilii 15 fagaatee kan jiru Kiriippil Kiriik, [[Kolaraadoo|Kolaraadotti]] ni dhaga'ama ture. Namoonni karaarra deemaa turan qaanqee miilaasaanii fi lafa gidduu utaalu argu ture. Qaanqeen ujummoo bishaanii yeroo tuqan ni ummama ture. [[Ampuulii|Ampuulin]] laabiraatorii kanarraa hanga fiitii 100 fagaatee argamu hundi oduma dhaamee jiruuyyuu ni ifa ture. [[Farda|Fardeen]] dallaa fardaa keessa jiran kophee sibiilaa lukasaanirra jirurraa shookii elektriki waan isaan tuquuf dallaasaanii keessaa utaalanii ba'u. Billaachi [[Elektirikii|elektirikiin]] ifte, wanti geengoo fakkaatu gubbaa koochoo ishiirraa ifa ture.
Yaalii hojachaa odoo jiruu, Teslaan odoo hin beekin jenereeterii humna elektrikii maddisiisu miidhee elektirikiin akka badu godhe. Adoolessa 1917, maaltu akka uummame yeroo ''The Electrical Experimenter'' irratti ibsu: "Akka fakkeenya anniisaa ammamtaa guddaa kan kiilowaatii dhibba baayyee ta'u yeroo gadi lakkifame, dinaamoon maddaa elektrikii maayilii 6 fagaatee argamu keessa jiru yeroo baayyee irra deddeebi'ee gubate, kunis sababa karantii ammamtaa guddaa qabu isaan keessatti uummameef ture, karantiin kunis qaanqee guddaan maraa shiboo gidduutti uumee pilaastikii isaan aguugee jiru gube".
Yeroo laabii isaa keessa ture, asattoo adda ta'e fudhattuu isaarraatti arge, kanas walqunnamtii pilaaneetii birarraa dhufe jedhee murteesse. Teslaan kanas xalayaa Mudde 8 1899tti gabaasaa Juuliyaan Haawutoornii kan ''Philadelphia North American'' keessa hojjatuu barreesserrattii fi xalayaa waa'ee argannoo jaarraa haaraa keessatti argamuu danda'an odeessu kan Mudde 1900tti Dhaabbata Qaxxaamura Diimaatiif barreesserratti "ergaa addunyaa biraarraa dhufe" kan "1...2...3..." jedhu jedhee ibse. Gabaastonni kana seenaa guddaa godhanii waan ilaalaniif Teslaan asattoo Maarsiirraa dhufe dhaga'aa jira jechuun dubbatan. Asattoo dhaga'e kanarratti baballisuun gaafa Gurraandhala 9 1901tti barruu ''Collier's Weekly article'' irratti mata duree "Pilaaneetota wajjin haasa'uu" jalatti yoo ibsu jalqaba asattoo beekumsaan too'atamaa jiru akkan dhaga'aa jiru battalumaatti ifa naa hin taane ture, asattoon kun Maarsii, Veenusii, ykn pilaanetota biraarraa dhufuu danda'a. Asattoo Teslaan dhaga'e kana ibsuuf yaadni adda addaa ka'eera. Teslaan yaalii Maarkoonin Yuurooppitti Adooleessa 1899 geggeessee ture fudhattuu isaarratti arge — Maarkoonin yaalii galaanarraaf qubee S (tuqaa/tuqaa/tuqaa) tamsaasee ture, kunis asattoo Teslaan Koloraadoo keessatti dhaga'e wajjin tokko— ykn asattoo yaalii tamsaasa wadaroo-maleee namani biraa godhaa jiru dhaga'e kan jedhu ture.
1899 keessa, Joon Jaakoob Astor IV doolaara $100,000 Teslaan akka sirna bakakkaa duraanii akka fooyyessuu fi haaraa akka hojjatuuf investii godhe. Teslaan qarshii kana yaalii Koloraadoo Ispiriingisitti hojjatuuf itti fayyadame.
Amajjii 7 1900tti, Teslan Koloraadoo Ispiriingis gadlakkisee deeme.Laabinsaa 1904tti diiggame, waggaa lama booda qabeenyi achi keessa tures liqaa kaffaluuf jecha gurgurame.
Yaalin Teslaan Koloraadotti godhe telekoominikeeshinii qaxxaamura-atilaantiki wadaroo-malee kan Wardenclyffe jedhamu naannoo Shoreham, Loong Islanditti akka dhaabuuf isa qopheesse.
== Wabii ==
# Jonnes, Jill (2004). ''Empires of Light: Edison, Tesla, Westinghouse, and the Race to Electrify the World''. Random House. ISBN 978-0-375-75884-3.
# Burgan, Michael (2009). ''Nikola Tesla: Inventor, Electrical Engineer''. Mankato, Minnesota: Capstone. p. 9. ISBN 978-0-7565-4086-9.
# [http://news.bbc.co.uk/1/hi/world/europe/5167054.stm "Electrical pioneer Tesla honoured"]. BBC News. 10 July 2006. Retrieved 20 May 2013.
# [http://www.history.com/topics/inventions/nikola-tesla "Nikola Tesla"]. History Channel. Retrieved 15 June 2014. "Serbian-American engineer and physicist Nikola Tesla (1856–1943) made dozens of breakthroughs in the production, transmission and application of electric power."
# [http://www.britannica.com/EBchecked/topic/588597/Nikola-Tesla "Tesla, Nikola"]. ''Encyclopædia Britannica''. Retrieved 7 June 2014.
# Laplante, Phillip A. (1999). ''Comprehensive Dictionary of Electrical Engineering 1999''. Springer. p. 635.
# [http://www.teslasociety.com/teslatower.htm "Tesla Tower in Shoreham Long Island (1901–1917) meant to be the "World Wireless" Broadcasting system"]. Tesla Memorial Society of New York. Retrieved 3 June 2012.
# Cheney, Margaret (2001). ''Tesla: Man Out of Time''. Simon & Schuster. ISBN 0-7432-1536-2.
# O'Shei, Tim (2008). ''Marconi and Tesla: Pioneers of Radio Communication''. MyReportLinks.com Books. p. 106. ISBN 978-1-59845-076-7.
# [http://www.teslasociety.com/mri_digest.htm "Welcome to the Tesla Memorial Society of New York Website"]. Tesla Memorial Society of New York. Retrieved 3 June 2012.
=== Kitaabota ===
# Seifer, Marc J (2001). ''Wizard: the life and times of Nikola Tesla: biography of a genius''. Citadel. ISBN 978-0-8065-1960-9.
# O'Neill, John J (2007). ''Prodigal Genius: The Life of Nikola Tesla''. Book Tree. ISBN 978-1-60206-743-1.
# Cheney, Margaret (2001) [1981]. ''Tesla: Man Out of Time''. Simon and Schuster. ISBN 978-0-7432-1536-7.
# Cheney, Margaret; Uth, Robert; Glenn, Jim (1999). ''Tesla, Master of Lightning''. Barnes & Noble Books. ISBN 978-0-7607-1005-0.
# Pickover, Clifford A. (1999). ''Strange Brains and Genius: The Secret Lives Of Eccentric Scientists And Madmen''. HarperCollins.
# Childress, David (1993). ''The fantastic inventions of Nikola Tesla''. Adventures Unlimited Press. ISBN 978-0-932813-19-0.
# Jonnes, Jill (2004). ''Empires of Light: Edison, Tesla, Westinghouse, and the Race to Electrify the World''. Random House Trade Paperbacks. ISBN 978-0-375-75884-3.
# Bock-Luna, Birgit (2007). ''The past in exile: Serbian long-distance nationalism and identity in the wake of the Third Balkan War''. LIT Verlag Münster. ISBN 978-3-8258-9752-9.
# Van Riper, A. Bowdoin (2011). ''A Biographical Encyclopedia of Scientists and Inventors in American Film and TV since 1930''. Scarecrow Press. ISBN 978-0-8108-8128-0.
[[Category:Kalaqxoota]]
[[Category:Saayintistii]]
8q3bfvlz91qiijv7jvp3wmypjdsdr3s
Sheek Bakrii Saphaalloo
0
4201
38029
38000
2022-07-29T03:08:01Z
MaykilH45
9446
*
wikitext
text/x-wiki
{{Saayintistii|
| Maqaa = ''Sheek'' Bakrii Saphaalloo
| File =
| Ogummaa = [[hayyuu]], [[walaleessa]], [[barsiisaa]]
| Biyya = [[Itoophiyaa]]
| Guyyaa dhalootaa = h 1895
| Bakka dhalootaa = [[Harar]], [[Itoophiyaa]]
| Guyyaa du'aa = Ebla 5, 1980
| Bakka du'aa = <nowiki>[Mooraa baqattuu Biyya hidhinka, Hargeeysa, Somaaliyaa]]</nowiki>
}}
'''Sheek Bakrii Saphaalloo''' (maqaa dhalootaa: ''Abubakar Garad Usmaan''; A.L.A Sadaasa 1895 – 5 Ebla 1980) hayyuu [[Oromoo]] fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.
==Jireenya Isaa==
Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo [[Minilik]] [[Harar]] qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii [[Islaama|Islaamaa]] fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii [[Afaan Oromoo]] kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara [[Carcar]] deemee barsiisaa amantii [[Islaama|Islaamaa]] Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee [[Harar]] deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik [[Harar]] qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii [[Islaamaa]] fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii [[Afaan Oromoo]] kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara [[Saphaalloo|Saphaallootti]] debii'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootin]] walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'i [[Hortuu]], naannoo [[Dirre Dhawaa]], magaalaa [[Dirre Dhawaa]] mataasaa, fi Addelle, [[Dirre Dhawaa|Dirre Dhawaarraa]] km 25 kan fagaattu fi karaa [[Harar|Hararirratti]] kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Hadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baayyee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaa [[Musliima|Musliimaa]] eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture.
Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo [[Hagi Qome]] jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootumma [[Afaan Oromoo|Afaan Oromoon]] qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta'u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo [[Harargee|Harargeetti]] argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun "Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa" jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos [[Dirre Dhawaa|Dirre Dhawaatti]] hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitii si'a lama ykn sadi'i [[Adelle]] akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.
Bara 1978tti, erga [[Hayila Sillaasee|Hayila Sillaasen]] aangorraa bu'ee [[Dargii|Dargiin]] angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaa [[Goola Diimaa]] (Red Terror) baqachuun gara [[Somaaliyaa]] deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara [[Moqaadishoo]] akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara [[Moqaadishoo]] deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e.
==Hojii Isaa==
Sheek Bakriin barreeffama baayyee amantiirratti fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'ee; barreffamni baayyeen harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreessee kessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis heeraniiru: ''Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan'', barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lama ''Janaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh'' kan fuula 95 qabu, and ''Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh'', kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii'' sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya'', ''Muqaddamat taysir al-zari'a ''(fuula 48 qaba), fi ''Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a''; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame.
Mahaammad Hasan yeroo kitaaba ''The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860'' barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse "seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba". Mahaammad wa'ee [[sirna Gadaa]] yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e.
==Yaaddannoo Isaa==
Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa [[Oromoo]] beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, "Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate.
Hojiin Sheek Bakri Saphaallloo inni guddaan qubee [[Afaan Oromoo]] ta'u uumuu isaati. [[Afaan Oromoo]] sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaani ni beeka ture; innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kana [[Afaan Oromoo]] barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko [[Afaan Oromoo]] dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u [[Amaariffa|Amaariffi]] garuu dubbachiiftu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan baranne ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwan [[Afaan Oromoo]] tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu. Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akka [[Arabiffa|Afaan Arabaa]] walitti hdihamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmoo [[Arabiffa|Afaan Arabaarraa]] caalaa [[Gi'iizii|Gi'iizitti]] kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immoo [[Gi'iizii]] keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan lamaanittu hidhata kan hin qabnee fi kalaqa mataa isaati.
==Wabii==
* Hayward and Hassan, "The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalō", Bulletin of the School of Oriental and African Studies, 44 (1981), p. 551
* The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 (Trenton: Red Sea Press, 1994), p. 234
==Liinkii Alaa==
* [https://web.archive.org/web/20140328095123/http://www.gadaa.com/language.html "Oromia and the Oromo People: The Language"], Gadaa website. (Contains a table of Sheikh Sapalo's writing system with values.)
* [http://www.jstor.org/stable/616613 The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalō]
* [http://www.gulelepost.com/2013/06/13/seenaa-barreefama-afaan-oromootiifi-shoora-dr-sheek-mahammad-rashaad/ Seenaa Barreefama Afaan Oromootiifi shoora Dr Sheek Mahammad Rashaad]
[[Category:Qabsaawota Oromoo]]
[[Category:Oromoo Beekkamoo]]
nc4nxxhkjjzs5amago40h18cjn45oqg
Chaarlii Chaappiliin
0
4901
38024
37979
2022-07-28T20:26:00Z
MaykilH45
9446
Afaan Ingiliish
wikitext
text/x-wiki
{{Saayintistii|
| Maqaa = Chaarlii Chaappiliin
| File = [[File:Charlie Chaplin portrait.jpg|210px]]
| Ogummaa =
| Biyya = [[Ingilaandi]]
| Guyyaa dhalootaa = 16 Ebla 1889
| Bakka dhalootaa =
| Guyyaa du'aa = 25 Mudde 1977
| Bakka du'aa =
}}
'''Chaarlii Chaappiliin''' ([[Afaan Ingiliish|Afaan Ingiliish]]: ''Charlie Chaplin''; A.L.A 16 Ebla 1889 – 25 Mudde 1977) taatoo, komediyaanii, fi hojjataa fiilmii lammii [[Ingilaandi]] kan bara fiilmin sagalee hin qabne keessa beekkamtii guddaa argatedha. Chaappiliin eenyumaa fiilmirratti tabatuu kan "za tiraampi" jedhamuun addunyaa mara keessatii baayyee beekkamaa ta'e, seena industirii fiilmii keessattis akka nama addaatti ilaallama. Chaappiliin ogummaa kana keessa waggaa 75 ol ture, kunis ijoollummaa isaa kan bara Viiktooriyaa keessatii kaasee hanga umurii 88 du'aan boqotutti ture. Hojiinsaa dinqisiifannaa baayyee kan argate yoo ta'u wantoota mormisiisa ta'anis of keessaa qaba.
[[Category:Ummata]]
flhodgrlztqamswo4yf9u3bu11h45et
Galiiliyoo Galiilii
0
4908
38035
37948
2022-07-29T04:03:11Z
MaykilH45
9446
Xaaliyaaniffaan
wikitext
text/x-wiki
[[File:Justus Sustermans - Portrait of Galileo Galilei, 1636.jpg|thumb|220px|right|Galiilii bara 1636]]
[[File:Galileo facing the Roman Inquisition.jpg|thumb|220px]]
'''Galiiliyoo Galiilii''' (Xaaliyaaniffaan yoo dubbifamu: [ɡaliˈlɛːo ɡaliˈlɛi]; 15 Gurrandhala 1564 – 8 Amajjii 1642), yeroo baayyee maqaa Galiiliyoo jedhamuun kan waammamu, fiizisistii, abbaa herregaa, injinerii, qorataa urjii, fi filoosoofera [[Xaaliyaanii]] kan warraaqsa [[saayinsii]] keessatti ga'ee guddaa tabatedha. Hojii isaa keessaa [[teleskooppii]] fooyyessuu fi kanaan qorannoo astiroonoomii gochuudha, kunis tiyoorii kooppernikas deeggare. Galiiliyoon "abbaa daawwannaa astiroonoomii kan ammayyaa", "abbaa fiiziksii ammayyaa", "abbaa saayinsii", fi "abbaa saayinsii ammayyaa" maqaan jedhamu kennameeraafi.
Gumaachi inni astiroonoomii daawwannaa keessatti godhe keessaa marsaa [[Veenusii]] mirkaneessuu, ji'a [[Juuppiterii]] gurguddaa arfan argachuu (kabaja isaaf jecha j'ioota Galiiliyoo jedhamanii kan moggaafaman), fi xuqaa-aduu (sunspot) daawwachuu fi qaaccessuu dha. Galiiliyoon [[saayinsii]] fi [[teknooloojii]] hojiirraa oolu irrattis hojjateera, kana keessaa koompaasii waraanaa fooyya'aa kalaquu fi meeshaalee kan bira hojjachuu ture.
== Wabii ==
[[Category:Kalaqxoota]]
8fncxo0sgruwl7jwzrbrs514o8s9m2j
Ernesti Raazerfoordi
0
4918
38032
37982
2022-07-29T03:35:59Z
MaykilH45
9446
Afaan Ingiliish
wikitext
text/x-wiki
[[File:Ernest Rutherford LOC.jpg|thumb|right|210px|Ernesti Raazerfoordi]]
'''Ernesti Raazerfoordi''' ([[Afaan Ingiliish]]: ''Baaron Raazerfoordi Nilsan''; A.L.A 30 Hagayya 1871 – 19 Onkoloolessa 1937) fiizisistii [[Biriiten]] kan dhalootan Niwuu Ziilanditti ta'e yoo ta'u abbaa fiiziksii niwukilaaraa jedhamee beekkama. Insaayikiloppidiyaan Biritaanikaa Raazerfoordi nama yaalii hojjatu kan [[Maayikil Faradaay]] booda dhufe isa guddaadha jedha.
Hojiisaa isa jalqabaatin, Raazerfoordi walakkaa-jireenyaa (half-life) raadiyoo'aaktivitii argate, raadiyoo'aktiiviitin [[elementiin]] keemikaalaa tokko gara elementii kan biraatti jijjiiramuu ta'uusaa mirkaneesse, akkasumas raadiyeeshinii [[aalfaa]] fi [[beettaa]] adda baasee maqaa kanas kenneef. Hojiin kun [[Kanaadaa]] [[Yuunivarsiitii Makgiil]] keessatti hojjatame. Argannoo kanaafis [[Badhaasa Noobelii]] kan [[Kemistirii]] kan bara 1908 "''qorannoosaa caccaba elementotaa fi kemistirii wantoota raadiyoo'aktiviitii irratti godheef''" argate.
Bara 1907 Raazerfoordi gara Yuunivarsiitii Viktooriyaa kan Maanchister (amma [[Yuunivarsiitii Maanchister]]) YKtti (UK) godaane, achittis Toomaas Rooyidsi wajjin raadiyeeshiniin aalfaa niwukilasii hiiliyemii ta'uu mirkaneesse. Raazerfoordi hojiisaa hunda caala beekkamu erga looreetii Noobelii ta'ee booda hojjate. Bara 1911, yoo chaarjin sun poozatiivii ykn nageetivii ta'uusaa mirkaneessu dadhabeyyuu, Raazerfoordi chaarjiin [[atomii]] [[niwukilasii]] kan xiqqoo taate keessaatti baayyinaan kuufamee akka jiru tiyooresse. Kanaanis modeelii atomii Raazerfoordi bu'uuresse, kanas argannoo yaalii fooyilii warqee hojjate hiikun raawwate. Raazerfoordi "atomii cabsuu" kan jalqabaa bara 1917tti ri'aakshinii niwuukilaaraa [[naayitiroojinii]] fi paartikilii [[aalfaa]] gidduutti godheen hojjate, kana keessattis pirootoonii argate maqaa kanas kenneef.
Raazerfoordi bara 1919 daarekterii Laaboraatorii Kavendiish kan Yuunivarsiitii Kaambiriiji ta'e. Geggeessummaa Raazerfoordi jalatti [[Niwuutiroonii|niwuutiroonin]] bara 1932 Jeemsi Chaadwiikin argame, baruma sana yaaliin jalqaba [[niwukilasii]] haala too'atamaa ta'een addaan cabsuun hojjatame, kunis barattoota qajeelcha isaa jalatti hojjatan Joon Cockcroft fi Ernesti Waltonin hojjatame. Bara 1937tti erga du'ee booda, saayintistoota gurguddoo YK wajjin, awwaala [[Isaaq Niwuuten|Isaaq Niwuutenitti]] dhihoo Westiminister Abiitti, awwaallamuun kabajame. Elementiin keemikaalaa [[raazerfoordiyem]] (elementii 104) bara 1997 maqaa isaatti moggaafame.
== Wabii ==
[[Category:Ummata]]
8sr35gnabna46sowdol0x5zy8px7lav
Maarlin Moniroo
0
5220
38023
37985
2022-07-28T20:24:21Z
MaykilH45
9446
Afaan Ingiliish
wikitext
text/x-wiki
[[File:Marilyn Monroe photo pose Seven Year Itch.jpg|thumb|Moniroo bara 1954tti]]
'''Maarlin Moniroo''' ([[Afaan Ingiliish|Afaan Ingiliish]]: ''Marilyn Monroe''; maqaa dhaloota Noormaa Jiin Mortensen; A.L.A Waxabajjii 1, 1926 – Hagayya 5, 1962) aakterii Ameriikaa fi weellistuu, kan mallattoo walqunnamtii saalaa guddittii ta'uu dandeessedha. Bara 1950n fi 1960n keessaa fiilmii gabaarratti baayyee milkaa'an hedduu keessatti hojjateerti.
[[Category:Ummata]]
m2i6qso6vbnroa4gwz8jpqtrxpt07df
Faaxumaa Roobaa
0
5358
38033
28494
2022-07-29T03:46:24Z
MaykilH45
9446
r→R
wikitext
text/x-wiki
'''Faaxumaa Roobaa''' (Mudde 18, 1973) atileetii [[Itoophiyaa]] fiigicha dheeradhaan beekkamtu.
[[Category:Atileetota Oromoo]]
[[Category:Oromoo Beekkamoo]]
04d8obcdi4h3nx3lvbrpjbjxts3j5kz
Keeti Peerii
0
6554
38030
37942
2022-07-29T03:24:47Z
MaykilH45
9446
Afaan Ingiliish
wikitext
text/x-wiki
'''Kaazriyn Ilizaabet Haadsen''' ([[Afaan Ingiliish]]: ''Katheryn Elizabeth Hudson''; A.L.A Onkololeessa 25, 1984 dhalatte) maqaa ogummaa ''Keeti Peeri'' ({{Lang|en|Katy Perry}}) kan beekamtu, weellistuu [[Ameerikaas|Ameerikaa]], sirbituu, fi haadha murtii televijiiniiti. Yeroo ijoollummaa ishee Waldaa keessatti faarfataa erga turte booda, muuziqaa Wangeela keessatti hojii jalqabde. Keetiin ''Reed Hiil Ricardis'' ({{Lang|en|Red Hill Records}}) walin mallattessuun albama istudiyo maqaa dhaloota ishe ''Keeti Haadsenin'' ({{Lang|en|Katy Hudson}}) bara 2001 gadhiiftee hin milkoofneef. Waggaa booda muuziqaa amantii kan hintaaneetti seenuuf gara Loos Anjeles imaluun [[pirooduusar]] Gilen Belaard, Dr. Luqaas, fi Maaks Maartin waliin hojjechuu jalqabdee. Erga ''garee muuziqaa Aayland Deef Jaam'' ({{Lang|en|Island Def Jam Music Group}}) fi ''Kolombiyaa Rikardis'' ({{Lang|en|Columbia Records}}) irraa hirrifamte booda, waliigaltee ''Kaapitol Rikardis'' ({{Lang|en|Capitol Records}}) waliin Ebla 2007 keessa mallatteesite.
[[File:Katy Perry 2019 by Glenn Francis.jpg|alt=Keeti Peeri bara 2019|thumb|Keeti Peeri bara 2019tti]]
Keetiin bara 2008 albamii ishee lammaffaa, ''dhiirota keessaa tokko,'' jedhuun beekkamtuu taate. Sirba [[rook]] kan ta'e albamiin ishee, sirboota falmiisisaa Ameerikaa lakkofsa tokko ta'an ''dubara dhungadhe'' fi ''Ho 'aa fi qorra'' of keessaa qaba . Albamiin kana aanan hundi [[Billboordi|Billboordi U.S. 200]] irra aananii jiru. Albamii [[diskoo]] kan ta'e ''{{Lang|en|Teenage Dream}}'' ( 2010 ) (''abju Ijoollee)'' Billboordi Ho'aa U.S qeenxee 100 keessatti chaarti shan siboota {{Lang|en|California Gurls}} (Dubra Kaaliforniyaa), {{Lang|en|Teenage Dream}} (Abjuu Ijoollee), {{Lang|en|Firework}} (dhamaashaa), E. T. fi {{Lang|en|Last Friday Night}} (T.G.I.F.) (Jimaata darbe galgalan) durfamu oomishuun galmee [[Maykil Jaakson]] {{Lang|en|Bad}} (Badaan) qabame waliin qixa ta'e. Albamiin kana aane {{Lang|en|Prism}} (2013) hiikkaa gaa'ela isheetin kaka'uun pop fi shubbisaan hariiroo, jirenya guyya guyyaa fi calaqqii jireenya ishee kan itti ibsatteedha. Keetiin muuziqaa sursagale chaartii irra aanan {{Lang|en|Roar}} (baroodi) fi Dark Horse (Farda gurraachaan) artistii jalqaba sursagalee lama Vevo irratti daawwii biliyoona tokko qaqqabe qabdu taate. Albamii elektiropoppii bara 2017 kan ta'e Witness (Ragaa), kan siyaasaa fi bilisummaa qabuudha. Qeenxee guddaan Albamicha Chained to the Rhythm, galmee sirba artistii dubaraan guyyaa jalqaba baay'ee dhageeffamu Spotify (Ispootifaay) yeroo sani cabseera. Albamii istuudiyoo ishee jahaffa gaafa Hagayya 28, 2020 seeqxe.
Keetiin sirba qeenxe Billboordii ho'aa 100 U.S. tokkoffa ta'e sagal qabdi. Keetiin {{Lang|en|Guinness World Records}} afur, badhaasa muuziqaa billboordii shan, badhaasa muuziqaa Ameerikaa, badhaasa Brit, badhaasa Juno fi badhaasa adda addaa argattee jirti. Tarree dubartoota muuziqaa mindaa gudda argatan wagga waggaa Forbes bara 2011-2019 keessa jirti. Tilmaamni galii ishee bara 2016 miliyoona $125. Albamii miliyoona 18 fi qeenxee miliyoona 125 ol addunyaa guutu gurguruun, artistoota akkaan muuziqaa gurguran addunyaa keessaa isheen tokko. Keetiin bara 2018tti hadha alanga Ameerikaa ta'uun tajaajiluu eegalte.
oo2o1hfwxw89v4u2z7nzllvxriujggq
Maark Tiweeyn
0
6570
38025
37283
2022-07-28T21:00:53Z
MaykilH45
9446
Afaan Ingiliish
wikitext
text/x-wiki
[[File:Mark Twain.jpg|thumb|Maark Tiweeyn]]
'''Maark Tiweeyn''' ([[Afaan Ingiliish]]: ''Mark Twain''; 1885 – 1910) barreessaa [[Ameerikaa]] haasawa onnachiisoo fi qoosaa godhuun beekamuudha. Akkuma barreffamootni isaa jaallatamaa deemaniin beekamtii fi fudhatamni inni Ameerikaatti qabu dabalaa dhufe. Yeroo sanatti Ameerikaan biyya reef hundeeffamtu ta’uu irraan kan ka’ee aadaa himattu hagas mara waan hin qabneef warrii [[Yuurooppi]] maqaa masoo warra fokkatoo jedhanii waamuun isaanii kan baratame ture. Maark yeroo beekamtiin isaa guddatu gara biyyoota garaa garaa deemuun dhaggeffatoota isaa dandeetti qabuun afaan qabachiisaa ture.
“[[Paaris]]itti yeroon [[Afaan Faransaay]]iin haasa’u afaan bananii ana dhqggeeffatu ture. Gowwoota sana akka isaan afaan isaanii hubatan gochuu irratti naaf milkaa’ee jira” jedha. Namni kun kan inni guddate Hannabil, Missori yeroo ta’u bakka kanatti ture hojii isaa gurguddo lamaan {{lang|en|Huckleberry Finn}} fi {{lang|en|Tom sawyer}} jedhu kan eegale. Hojiiwwaan akka wirtuu gaazeexaaf taaypi sirreesuu, piriintera irra dalaguu , doonii oofuu fi warqee baasuu hojjetee jira. Achumaan kana hundaa ofirraa dhiisuun xiyyeeffannoo isaa gara gaazexeessumma naanneesse. Yeroo kana ture kan inni addunyaa barreffamaatti seene.
Ogummaan isaa addunyaa barreffamaa kan isa sooromse yoo ta’eyyuu isa ofirraa dhiisuun fuula isaa gama investmantiitti jijjiiruun isaa hiyyummaa itti fide. Bu’aa barreeffama irraa argateefi dhaala haadha warraa isaa gara investimentiitti dhangalaasus, maallaqa yartuu kan inni irratti baasee maashinii taaypii qofatu xiqqoo abdachiiseen ture. Maashinichii bu’aa kan argamsiisu ta’ullee yeroo baay'ee waan cabee hammaateef gabaa inni gama sanaan qabus jalaa kufe. Rakkoo maallaqaa isa quunname kana irraa kan inni dandamatee gargaarsa liqaa ''Henry H.Roggers'' irraa argateen ture. Sanaan booda suuta waan kasaaraa isaa irraa dandamachuun gara barreffama isaatti waan deebi’eef liqii isaa cufa offirraa baasuu danda’eera.
==Jechamoota Maark==
Maark jechamoota isaan ni yaadatama. Jechamoota isaa keessaa muraasni kan armaan gadiiti!
# Dhugaan gati jabbeessa. Kanaaf kunuunsi!
# Sammuu ofi qaroomsuun hammam baay’isnee waa’ee keenya akka yaadnuufi dhimma nama biroo ammoo baay’ee akkaa dhimma itti hin qabne mul’isuuni.
# Jireenya keessatti waan nu barbaachisu dhimma qabaachuu dhiisuufi offitti amanamummaa qabaachuudha. Milkaa’inni haala kanaan ofiin dhufa.
# Midhamuu yoo barbaadde hiriyaafi diinaa kee waliin hojjechuutu si barbaachisa. Yeroo dinni kee maqaa kee xurressu hiriyaan kee ammoo akka dhufee siif himuuf.
#Wantootni xixiqoo hedduun kan isaan guddatan beeksisnii sirriin hojjetamuuniifi.
# Akka gowwaa turteettis ta’u akka miseensa koongireesii turteetti of yaadi. An garuu waanan sitti himu ofii kiyya akkan turetti.
#Addunyaa keenya irratti gootummaan cimina qaamaanii baay’inaan jira. Gootummaan sammunii garuu yartuudha.
#Odeesitee waa’ee kee shakkii namootni qaban dhabamsiisuuf ifaajuurra Afaan kee cufachuun namootni gowwaadha jechuun akka siyaadaan gochuutu caala.
#Yoo saree beela’ee kaastee nyaata yeroo hundaan duroomsitee deebi’ee si hin ciniinu. Garaagarumman namaaf saree kana.
#Battalumaan gaaffii deebisi jedhanii yeroo ana gaafatan natti tola. Hin beeku waanan jedhuuf.
#Namaa wajjin waldhabuu hin barbaadu. Yoo namni sun sirra hin deebi’u jedhe kabajaafi dhiifamaan fudhee ergan bakka dhoksaan gahadhee boodaa niin ajjeesaan.
# Yeroon mana barumsaa koo akka innii barumsa koo waliin na jalaa maku hin fedhu.
# Awwaalcha koo irratti hin hirmaadhu. Garuu xalayaa baay’ee bareedu du’ii sun ta’uu akka qabu mirkaneessuu koo ibsu barreesseen erga.
# Dursa dhugaa jiru barbaadii argadhu. Achiin boodadha kan ati hamma itti quuftutti jallisuu dandeessu.
# Barnootnii: ogeessootaaf nii ifa, dadhaaboota jalaamoo nii dhokata.
# Namni Ingilizii kan inni waa dalagu hojjetee waan beekuufi. Namnii Ameerikaa ammoo kan inni hojjetu hojjetee waan hinbeekneefi.
# Yeroo hundaa badii saaxiluunf ifaaji. Kana gochuun kee warra aangoo irra jiran itti gaafatamumma irra akka darbatamaan gochuun akka ati irra caala hojjettu si godha.
# Yeroo hundaa waan sirrii hojjedhu. Akkas gochuun kee namoota yartuu akka isaan si galatoomfatan gochuun warri hafan ammoo akka isaan si dinqisiifatan godha.
# Baankeerii jechuun nama uffata bokaa isaa yeroo aduun jirtu siif ergisuun yeroo roobni eegalu ammoo akka ati deebistuuf barbaadudha.
# Sobni dhugaa qophee isaa keessa kaawwachuun addunyaa nanna’uu danda’a.
#Jannata ykn si’ooliinan dhaqa jedhee filachuu hin fedhu. Sababni isaas bakka lamaan isaatiiyyuu hiriyaa waanan qabuuf. Jaalala biyyaa jechuun biyya kee yeroo hundaa gargaaruu yeroo ta’u motummaan garuu yeroo inni gargaaramuu qabu gargaaruudha.
# Iccitiin dura bu’aa ta’uu eegaluudha.
# Yeroo yaadnikee kan argamuun ol fagaatee deemu ija kee amanuun sitti ulfaata.
# Sodaan du'aa sodaa jireenyaa irraa madda. Namni jireenya jiraachuuf uumame du'i mataa dhukkubbi isaa miti.
#Kabaja qabaachuun sagalee duudaan dhagahuufi jaamaan arguu danda’uudha.
==Wabii==
[[category:Seenaa jireenyaa]]
[[category:Lammii Ameerikaa]]
[[category:Barreessaa]]
p1u0hi3krcdjpczm0l2ikm0u8b8b239
Katsushika Hokusai
0
6604
38031
37968
2022-07-29T03:27:49Z
MaykilH45
9446
-→–
wikitext
text/x-wiki
[[File:Great_Wave_off_Kanagawa2.jpg|right|thumb|''Dambalii guddaa Kanagawa'']]
'''Katsushika Hokusai''' (Jaappaan: / kætsuːˈʃiːkə hoʊ kəˌsaɪ /, A.L.A Onkololeessa 31, 1760 – Caamsaa 10, 1849) aartistii [[Jaappaan|Jaappaanii]]. Inni rogeessa istaayilii ukiyo-en kan muka boocuu fi halluu dibuudha.
Aartiistiin kun kan beekamu maxxansa mukaa ''Dambalii guddaa Kanagawaani''.
[[File:Red_Fuji_southern_wind_clear_morning.jpg|right|thumb|''Qilleensa mijataa, barii ifaa'']]
== Geessituu alaa ==
* Artencyclopedia.com, [http://www.artcyclopedia.com/artists/hokusai_katsushika.html Hokusai]
==Wabii==
[[Category:Lammii Jaappaan]]
[[Category:Halluu dibaa]]
[[Category:Artistoota]]
pu4oaa81gi95pyydx5obedxxi6ue2wr
Deeviid Wuudaardi
0
8052
38026
2022-07-29T02:57:57Z
MaykilH45
9446
D. Wuudaardi
wikitext
text/x-wiki
[[File:DW2018.jpg|thumb|right|290px|Wuudaardi bara 2018tti]]
'''Deeviid Wuudaardi''' ([[Afaan Ingiliish]]: ''David Woodard''; A.L.A Eebla 6, bara 1964 Saantaa Baarbaaraa, Kaalifoorniyaa keessatti dhalate) lammii biyya [[Yunaayitid Isteetsi|Ameerikaa]] gaggeessaa Orkeestiraa (garee sirbaa) fi barreessaa ammayyummaa booddee (falaasama xiyyeffannaa garaagarummaa muxanno ilmaa namaa fi hedduuminaa ilaalcha irratti kennuu) yoo ta’u, sanyii maatii koloneeffattoota Ameerikaa beekamoo ta'anii dha.<ref>Kaarpeentar, S., [https://latimes.com/archives/la-xpm-2001-may-09-cl-60944-story.html "In Concert at a Killer's Death"], ''Loos Aanjalas Taayimsii'', Caamsaa 9, 2001.</ref><ref>Eeppisteeyinii , J., [https://sfgate.com/opinion/article/Rebuilding-a-pure-Aryan-home-in-the-Paraguayan-2723542.php "Rebuilding a Home in the Jungle"], ''Saan Firaansiiskoo Kirooniikilii'', Amajjii 13, 2005.</ref>
Wuudaardi hojii Nu’eevaa Jarmaniyaa, [[Paraaguwaay|Paaraaguwaayi]] keessatti kan jiratuu, deggartuu sochi dhiirii fi dubartiin wal qixxe dha kanaafu mirga fi carraa qixxe argachuu qabuu/namaa kudura qofa nyaatu, kan foon hin nyaane, deggartuu/hordooftuu falaasama hawaasa fi mootumma kan barbaadamu yookiin kan hanqina/fafa hin qabne ijaaruun ni dandaa'ama jedhuu kan amaantuu, waliin hojjeteenis beekama. Kitaabni walta'iinsa isaa kan afaan Jarmanii, ''Five Years'', kan barreessaa [[Siwiizerlaandi|Siwiizarlaandii]] Kiristaan Kiraachitii waliin barreesse, hojiiwwan gargaarsa namoomaa achitti hojjetaman tokko tokko ibsa.<ref>Kiraachitii, C., & Wuudaardi, D., [https://wehrhahn-verlag.de/public/index.php?ID_Section=3&ID_Product=577 ''Five Years''] (Haanoovarii: Weehirhaahinii Veerlaagi, 2011).</ref>
==Wabii==
<references/>
==Geessituu alaa==
* {{commonscat|David Woodard}}
* {{official website|https:davidwoodard.com}}
[[Category:Artistoota]]
[[Category:Lammii Ameerikaa]]
[[Category:Ummata]]
h8smpbmi6ns7tmodpyk7yfidmttszlv
38028
38026
2022-07-29T03:05:25Z
MaykilH45
9446
/* Geessituu alaa */
wikitext
text/x-wiki
[[File:DW2018.jpg|thumb|right|290px|Wuudaardi bara 2018tti]]
'''Deeviid Wuudaardi''' ([[Afaan Ingiliish]]: ''David Woodard''; A.L.A Eebla 6, bara 1964 Saantaa Baarbaaraa, Kaalifoorniyaa keessatti dhalate) lammii biyya [[Yunaayitid Isteetsi|Ameerikaa]] gaggeessaa Orkeestiraa (garee sirbaa) fi barreessaa ammayyummaa booddee (falaasama xiyyeffannaa garaagarummaa muxanno ilmaa namaa fi hedduuminaa ilaalcha irratti kennuu) yoo ta’u, sanyii maatii koloneeffattoota Ameerikaa beekamoo ta'anii dha.<ref>Kaarpeentar, S., [https://latimes.com/archives/la-xpm-2001-may-09-cl-60944-story.html "In Concert at a Killer's Death"], ''Loos Aanjalas Taayimsii'', Caamsaa 9, 2001.</ref><ref>Eeppisteeyinii , J., [https://sfgate.com/opinion/article/Rebuilding-a-pure-Aryan-home-in-the-Paraguayan-2723542.php "Rebuilding a Home in the Jungle"], ''Saan Firaansiiskoo Kirooniikilii'', Amajjii 13, 2005.</ref>
Wuudaardi hojii Nu’eevaa Jarmaniyaa, [[Paraaguwaay|Paaraaguwaayi]] keessatti kan jiratuu, deggartuu sochi dhiirii fi dubartiin wal qixxe dha kanaafu mirga fi carraa qixxe argachuu qabuu/namaa kudura qofa nyaatu, kan foon hin nyaane, deggartuu/hordooftuu falaasama hawaasa fi mootumma kan barbaadamu yookiin kan hanqina/fafa hin qabne ijaaruun ni dandaa'ama jedhuu kan amaantuu, waliin hojjeteenis beekama. Kitaabni walta'iinsa isaa kan afaan Jarmanii, ''Five Years'', kan barreessaa [[Siwiizerlaandi|Siwiizarlaandii]] Kiristaan Kiraachitii waliin barreesse, hojiiwwan gargaarsa namoomaa achitti hojjetaman tokko tokko ibsa.<ref>Kiraachitii, C., & Wuudaardi, D., [https://wehrhahn-verlag.de/public/index.php?ID_Section=3&ID_Product=577 ''Five Years''] (Haanoovarii: Weehirhaahinii Veerlaagi, 2011).</ref>
==Wabii==
<references/>
==Geessituu alaa==
* {{commonscat|David Woodard}}
* {{official website|https://www.davidwoodard.com}}
[[Category:Artistoota]]
[[Category:Lammii Ameerikaa]]
[[Category:Ummata]]
8by4lrryx2ljlvr5uoi5dd4mg68ps6n
David Woodard
0
8053
38027
2022-07-29T03:00:45Z
62.115.255.163
rd
wikitext
text/x-wiki
#REDIRECT [[Deeviid Wuudaardi]]
m62aur7dof0c8saqg4uyrqv3k9gxfks