Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.39.0-wmf.22
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Gadget
Gadget talk
Gadget definition
Gadget definition talk
Mobile
0
2584
38070
33634
2022-08-03T04:48:50Z
Mashkawat.ahsan
9464
suuraa itti dabalame #WPWP
wikitext
text/x-wiki
[[File:Mobile phone PHS Japan 1997-2003.jpg|thumb|200px|right|Mobile]]
'''Mobile'''
"Mobile" Meeshaa qunnamtii kan elektroniki ta'e yoo ta'u, tajaajilli isaas </br> Dambalii GSM kkf qilleensarra darbu fayyadamu sagalee iddo lama ykn heddu jidduu geejiba.
7bhkh5qonbciyckf7m9ngeyt5zwyqsf
Onesmoos Nasib
0
3535
38067
37120
2022-08-03T03:53:24Z
Ahrada2021
8027
/* Wabii */
wikitext
text/x-wiki
{{Saayintistii|
| Maqaa = Onesmoos Nasib
| File =
| Ogummaa = mishinerii, abbaa wangeelaa, barsiisaa, barreessaa
| Biyya =
| Guyyaa dhalootaa = 1856
| Bakka dhalootaa =Hurrumu
| Guyyaa du'aa = Waxabajjii 21, 1931
| Bakka du'aa =Naqamte
}}
[[File:Portrait of Onesimus Nesib.jpg|thumb]]
'''Onesmoos Nasib''' (1856 - Waxabajjii 21, 1931) dhalataa [[Oromoo]] [[Kiristaanummaa Luteraanii]] fudhatee fi yeroo jalqabatiif [[Macaafa Qulqulluu]] [[Afaan Oromoo]]tti hiike. Maatiin isaa yeroo ijoollumma isaa maqaa Hiika jedhamu baasaniif; boodarra erga [[Kiristaana]] ta’ee maqaa Onesmoos jedhu [[Macaafa Qulqulluu|Macaafa Qulqullurraa]] baafate.
Onesmoos Nasib [[Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii]] [[Ameerikaa]] keessatti akka qulqulluutti(saint) galmeeffameera, gaafa Waxabajjii 21 jireenyi isaas yaadatamee hin oola. [[Waldaa Makaana Yesuusii|Waldaan Makaana Yesuusii]] mana barumsa Wangeelaa isaani ikan [[Finfinnee]] jiru yaadanno Onesmoosiif jecha maqaa isaatin moggaasun isa kabajaniiru.
==Jireenya Isaa==
Onesmoos Nasib bara 1856 godina [[Iluu Abbaa Booraa]] bakka [[Hurrumuu]] jedhamutti dhalate. Abbaan Onesmoos yeroo umuriin isaa 4 du’e. Hiikaan yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin bara 1869 butamee gabrumatti gurgurame. Nasib yeroo 8 ol nama adda addaatti erga gurguramee booda namni Warner Manzinger (1832-1875) jedhamu, [[Masawwaa]]tti Itti-aanaa Qoonsilaa Faransaayi kan ture (naannoo [[Galaana Diimaa]]tti, [[Eertiraa]] keessa) bilisa isa baase. Itti aansees [[Mishinerii Wangeelaa Iswiidin|Mishinarii Wangeelaa Iswiidin (Swedish Evangelical Mission)]] biratti [[Wangeela]] barachuuf carraa argatee iddoo [[Imkulluu]] jedhamutti wangeelas barate. Barumsarrattis barataa cimaa ta’ee aragame, gaafa ayyaana Faasikaa Sanbata Bitootessa 31, 1872tti cuuphame. Itti aansee barumsa dabalataa waggaa shaniif akka fudhatuuf [[Iswiidin]], Johannelunds Teologiska Högskola Biromaaitti ergame. Erga achii deebi’ee booda, Masawwaatti Mihiret Hayiluu fuudhe.
Onesmoos dafee gara [[Oromoo Maccaa]] (gara biyya isaa) deemee [[Wangeela]] barsiisee [[Kiristaana]] taasisuuf karoorfate. Garuu [[Minilik II]] mishinariin biyya alaa kamiyyuu biyya keessa akka hin seenne waan dhorkeef karaa Sudaan [[Wallagga]] seenuuf yaali godhe. Gareen Onesmoos garuu Asoosa darbaa fagaatee odoo deemin duubatti gara Famakaatti akka deebi’u dirqame. Onesmoos achitti dhukkubaan qabamee dhukkubsatee ture. Kanaan booda gara [[Kaartum]]itti deebi’uf waan dirqamaniif gaafa Ebla 10, 1882 Kaartum ga’an. Onesmosis dhibee isaarraa fayyee gara Imkulluutti deebi’e. Achittii qajeelfama eeggachaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu jalqabe. Bara 1886, erga yeroo lammataaf [[Wallaga]] seenuuf yaalii godhee milkaa’uu dadhabee booda, guutummaa [[Macaafa Qulqulluu]] [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootti]] hiikutti deebi’e.
Onesmoos erga umurii ijoollummaa isaatii kaasee ummata Oromoo keessa jiraachaa waan hin turiniif jechoota fi jechamoota baayyee wan sirriitti hin beekneef gargaarsa isa barbaachise. Kanaafis nama isa gargaaru [[Asteer Gannoo]] (1874-1964) argate. Asteer Gannoo fi Onesmoos waliin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikan.
Bara 1904, Onesmoos gara [[Wallagga]]atti deebi’e. Bulchaan [[Wallagga]] [[Kumsaa Morodaa]]s kabajaan isa simate. Onesmoosis haala duraan hin baramneen Wangeela Afaan Oromootin barsiisa ture. Kunimmoo Qeesonni warra Ortodoksii akka isa jibban godhe. Jaalala ummanni Oromoo isaaf qabuu fi [[Afaan Oromoo]]n barsiisuun isaa warri qeesotaa Durbee Maaramii arrabsa jedhanii akka himmannaa irratti banan godhe. Bara 1906 Onesmoos himannaa kanaan [[Abuna Maatewoos]] duratti dhiyaate Abunichis akka inni biyya ba’u murteesse. Haa ta’u malee [[Minilik II]]n murtee Abuunichaa jijjiiree akka inni [[Naqamte]]tti deebi’u godhe; Macaafa Qulqulluu garuu akka hin barsiifne dhowwame.
Waggoota itti aananiif hojiin Onesmoos mana barumsaa [[Naqamte]]e keessatti barsiisuu caalaa waan biraa hojjachuu hin dandeenye. Sanayyuu ta’ee biyyaan ari’ama yaaddoon jedhu yeroo hunda isarra jira ture. Bara 1916, [[Lij Iyyaasuu]]n Onesmoosiif akka [[Wangeela]] barsiisu eeyyameef. Iyyaasuun erga aangorraa bu’ees booda eeyyamni wangeela lallabuu irraa hin fudhatamne ture. Onesmoosis hanga du’a isaatti Wangeela lallabaa fi [[Macaafa Qulqulluu]] [[Afaan Oromoo]] ummataaf rabsaa ture.
Suuta suutaan diinummaan Ortodoksiin warra mishineriitii qabu erga abunichi du’ee hirrachaa deeme. Warri mishinerii fi Onesmoosis ummata wangeela barsiisuu, dhukkubsataa yaaluu, fi dargaggoota mana barumsaa keessatti barnoota barsiisuu itti fufan.
Onesmoos erga nagaa kana argee booda umurii isaa wagga 75tti gaafa Dilbataa Waxabajjii 21, 1931tti du’e. Guyyaan sun Dilbata barii ture, Onesmoosis Wangeela lallaba/barsiisa jedhamee eeggama ture. Garuu guyyaa san tasa dhukkubsatee du’e. Achuma magaalaa [[Naqamtee]] keessati awwaallamee. Awwaalli isa iddoowwan seena magaalaa [[Naqamtee]] keessaa isa tokko.
==Kitaabolee Inni Maxxanse==
# Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa gara Afaan Oromootti hiike.
# Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiike.
# Bara 1885tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo-Siwiidiin, kan jechoota 6000 qabu qopheesse.
# Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.
# Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.
# Macaafa Qulqulluu. 1893
# The Oromo Spelling Book. Moncullo: Swedish Mission Press, 1884.<ref>Kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10</ref>
== Geessituu alaa ==
* [http://www.dacb.org/stories/ethiopia/onesimus_nesib.html|Onesimus Nesib. Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY)Ethiopia]{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }}
* Blucha, Mekura (1995) [http://www.njas.helsinki.fi/pdf-files/vol4num1/bulcha.pdf|"Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing"]{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }}, Nordic Journal of African Studies 4(1): 36-59
* [http://www.njas.helsinki.fi/pdf-files/vol4num1/bulcha.pdf Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing]
== Wabii ==
[[Category:Ummata Oromoo]]
[[Category:Oromoo Beekkamoo]]
qm9hyn2d40z6nyr38kbk7m21i77htac
38068
38067
2022-08-03T03:57:22Z
Ahrada2021
8027
wikitext
text/x-wiki
{{Saayintistii|
| Maqaa = Onesmoos Nasib
| File =[[File:Portrait of Onesimus Nesib.jpg|thumb]]
| Ogummaa = mishinerii, abbaa wangeelaa, barsiisaa, barreessaa
| Biyya = Oromiyaa

ro8nw1guce9pa60aql5dkr83iob1xw9
Asteer Gannoo
0
3545
38069
24432
2022-08-03T04:27:17Z
Ahrada2021
8027
wikitext
text/x-wiki
{{Saayintistii|
| Maqaa = Asteer Gannoo
| File = [[File:Asteer Gannoo.jpg|thumb|Asteer Gannoo Barreessituu Oromoo]]
| Ogummaa = Barreessituu
| Biyya = Oromiyaa
| Guyyaa dhalootaa = 1872
| Bakka dhalootaa =
| Guyyaa du'aa = 1964
| Bakka du'aa =
}}
'''Asteer Gannoo''' (1872 - 1964) dubartii [[Macaafa Qulqulluu]] [[Onesmoos Nasib]] wajjin ta'uun [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootti]] hiiktee. [[Macaafni Qulqulluu|Macaafni Qulqulluun]] kunis bara 1899tti maxxanfame.
Asteer bilisummaa keessatti kan dhalatte yoo ta'u booda garuu mootii Limmuu Inaariyaattin gabrummatti gurguramte. Bara 1886tti dooniin [[Ixaaliyaa]] bidiruu ishiin itti fe'amtee gurguraaf gara biyya [[Araba|Arabaatti]] geeffamaa turtee qabee bilisa ishii baasan. Achiis gara [[Eertiraa]] ishii geessan; achitti manni barnoota wangeelaa Imkulluu kan Iswiidinootan geggeeffamu ishii fudhate. Asteeris mana barumsaa kanatti baratte. [[Onesmoos Nasib]] batalummatti Asteer kennaa sammuu fi jaalala [[Afaan Oromoo]] akka qabdu bare. Ishiittis galmee jechootaa Afaan Oromo (Oromo dictionary) akka qopheessitu dirqamni kennameef. Galmeen jechoota kunis hiikaa [[Kakuu Haaraa|Kakuu Haaraa Macaafa Qulqulluu]] kan bara 1893 maxxanfamerratti faayidaarra oole.
Asteer kitaaba waa'ee [[Mcaafa Qulqulluu]] (book of Bible stories) [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootti]] hiiktee. Akkasumas hiiphoo Afaan Oromoo 500 ta'an, [[mammaaksa]], oduu durii fi faaruu/weedduu walitti qabdee bara 1894 maxxansite. Boodarrammoo [[Onesmoos Nasib|Onesmoos]] wajjin macaafa weedduu/faaruu Afaan Oromoo qopheessurratti hirmaatte. Arén akka barressetti kuusaan aadaa ishiin walitti qabde baayyeen isaa kan hin maxxanfamne akka ta'ee fi maatii HYlander harka olkaawwamee akka jiru dubbate.
Asteeri fi [[Onesmoos Nasib|Onesmoos]] [[Macaafa Qulqulluu]] guutummaasaa [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootti]] hiikuu xumuruan, bara 1899ttis maxxansiisan. Mata dureeni fi seenaan macaafichaa kan hiike Onesmoos akka ta'e yoo ibsu gumaachi Asteer goote baayyee iddoon hin kennamneef, amma harraattiyyuu. Bara 1904tti, Asteer fi Oneimoos, [[Oromoo|Oromoota]] biraa wajjin, [[Eertiraa|Eertiraadhaa]] ka'ani gara [[Wallagga Bahaa|Wallaggaatti]] galan. Achittis manneen barnoota kan dhaaban yoo ta'u Asteeris [[Naqamte|Naqamtetti]] akka barsiiftutti tajaajilaa turte.
== Wabii ==
* Arén, Gustav (1978). ''Evangelical Pioneers in Ethiopia''. Stockholm: Stockholm: EFS Forlaget.
* Kebbede Hordofa Janko and Unseth, Peter (2003). "Aster Ganno". ''[[Encyclopaedia Aethiopica]]'', vol. 1, edited by Siegbert Uhlig, pp. 387,388. Wiesbaden: Harrassowitz.
== Liinkii Alaa ==
*[http://www.njas.helsinki.fi/pdf-files/vol4num1/bulcha.pdf Mekuria Bulcha, "Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing"], ''Nordic Journal of African Studies'' 4(1): 36-59 (1995)
*[http://www.dacb.org/stories/ethiopia/onesimus_nesib.html Dirshaye Menberu, "Onesimus Nesib"], Dictionary of African Christian
[[Category:Ummata Oromoo]]
hi5o349vgzdlkitl4wkts0l95tsu12r
Bilillee/Mehbuba
0
8054
38066
38045
2022-08-03T03:52:46Z
Ahrada2021
8027
/* Wabii */
wikitext
text/x-wiki
[[File:Mahbuba or Bilille.jpg|thumb|Mahbuba An Oromo Girl]]
{{Infobox noble|Maqaa=bilille|Mata-duree=}}
'''[[:wikt:om:Bilillee|Bililleen]]''' (Mehbuubaa ykn Ajiyamees ni jedhamti) intala Oromoo garbummaatti gurguramtee ilma mooticha biyya [[Jarmanii|Jarmaniitin]] bitamte. Ilmi mootichaa kun Bililleedhaa maqaa Maahibuubaa itti moggaase. Kunis Afaan Arabaatin 'jaalallee koo' jechuudha. Ilmi mootichaa kun Bilillee jaalallee isaa godhate.
== Seenaa ==
[[File:Schloss Branitz Innen 21.jpg|thumb|Artistii hin beekamneen ''1840'' kan kaafame]]
Bililleen maqaa maatiin ishee akkuma [[aadaa]] fi [[duudhaa]] Oromtichaatti ishiif baasani. Kan dhalatte [[Oromiyaa]] dhihaa bakka [[Gummaa]] jedhamuutti . Barri isheen dhalattee 1820n keessa. Dhalattee yoo waggaa kudhan guuttuu, bara 1835-6, biyya isheen dhalatetti lolli ka’e. Abbaa fi oobboleewwan ishee ja'an ni ajjeefaman. Bilillee fi oobboleetiin ishii ammoo booji’amanii gabrooman. Sanaan booda obboleewwan lamaan kun gara [[Gondor|Gondoritti]] fudhatamuun achittis gargar bahan; sana booda deebi’anii wal hin agarre.
Umriin ishee ijoollee haata’u malee, yaannii fi hojiin ishii akka nama guddaa ture. Kun ammoo Paklaar daran akka ishii jaalaatu taasise. Qulqullina garaa ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddaa qalbii isaa fudhate. Kanarraa kan ka’e, [[Afaan Arabaa]] fi [[Afaan Jarmanii]] akka barattu waan barbaadeef, bakka daawwachuu deemu hundattu Mahibuubaa of biraa hin hambisu ture. Yaadni isheen iddoo tokko erga daawwatte booda kennitu baay’ee isa ajaa’ibsiisaa ture. Amalli ishii kun amala cimaa Paklar yeroo [[Yuurooppi|Awurooppaadhaa]] dhufu qabu akka jijjiirratu godhe. Kanaaf, Paklar yeroo tokko, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen, yeroo baay’ee booda nama dhugaa ta’e,” jedhee barreesse.
Biyyoota bahaa waggaa sadiif erga daawwatanii booda, bara 1840 Paklarii fi Mahbuubaan gara [[Awurooppaa]] deebi’an. Yeroo kana Mahibuubaa dhukkubni sombaa fi heexoo waan qabeef, baay’ee dhukkubsatte. Nafti ishees baay’ee huqqattee lafeetti baate. Paklaar osoo garaan jibbuu Mahibuubaa mana isaa Muskaa jiru keessatti dooktora isaatti amaanaa kennatee haadha manaa isaa dhukkubsatte gaafachuu [[Barliin]] deeme. Yeroo kana baay’ee dhukkubsattullee, Mahibubaan dardarri biyya ishee Oshuu Aagaa kan jedhamuun wal barte. Oshuu Aagaa irraan immoo, hayyicha [[Jarmanii]] kan [[Afaan Oromoo]] qoratu, [[Tuucheekiin]], walbarte. Sirba Oromoo kan Bililleen sirbite hayyichi kun galmeesee dhalootaaf dabarsee jira.
Ijoollummaa isheetii kaasee guddisee jaalallee akka ija isaatti ilaalu kan taasise, Paklaar, haati manaa isaa waan guddaa dhukkubsateef [[Barliin]] gara Mahibuubaatti deebi’uu hindandeenye. Garuu xalayaa ni barreessaaf ture. Mahibuubas dhukkubni guyyuma guyyaan itti cimaa adeeme. Akka hindandamanne garaan waan beekeef, yoo duutu Paklar akka ishee bira taa’u guddaa hawwite.Fedhii ishee kanas dhukkubsatte barreessuu waan dadhabdeef dooktorri ishee barreesseef. Yeroo xalayaan kun harka Paklar gaheetti haati manaa isaa daran waan dhukkubsatteef gara Mahibuubatti hatattamaan deemuu hin dandeenye. Kanaaf, rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan ‘Maahibuubaa’ jedhu irratti bocame ergeef. Garuu yoo xalayichifi meetichi Onkololeessa 27, 1840 [[Muskaa]] gahu, Bililleen garuu arguu hin dandeenye; isheenis, isa dhumaaf addunyaa kanarraa boqatte.
==Awwaalcha==
Awwaalli ''Machbuba''/[[Bilillee]], bakka awwaalchaa waldaa Pirootestaantii [[Baad Maskaawu]] keessatti kunuunfamee jira. Ebla 23, 2004 Jarmanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa ''Aadde'' '''Hiruy Amanu’eel''' awwaala kana daawwataniiru.
[[File:Machbuba Totenmaske Cottbus.jpg|thumb|Awwaalcha Bilillee kan mormi citee irra jiru]]
==Wabii==
* Barnoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 9, 2012
[[Category:Oromoo Beekkamoo]]
oim0wtaimjij5ii9bka92zbwkxkf6sx
Ganamee Yaa'ii
0
8057
38058
2022-08-03T02:54:59Z
Ahrada2021
8027
Fuula Harra: Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni Oromoo garbummaan biyyootii adda addatti gurguramanii hedduudha. Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu waa'ee shamarree tokkoo iyyafanneerra. Ganamee Yaa’ii Shaseedaa Odaa maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti. ====Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurgura...
wikitext
text/x-wiki
Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni Oromoo garbummaan biyyootii adda addatti gurguramanii hedduudha.
Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu waa'ee shamarree tokkoo iyyafanneerra.
Ganamee Yaa’ii Shaseedaa Odaa maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti.
====Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte?====
Ganameen godina Jimmaa, bakka Gumaa jedhamutti jalqaba bara 1830’n keessa akka dhalatte hima, barsiisaan lammii Jarmanii seenaa jireenya ishee barreesse Liidarhoos jedhamu.
Daldala garbaa yeroo sana tureen, ijoolleen hedduun maatii isaanii jalaa hatamanii ykn ammoo waraana gosota jidduutti uumamuun fudhatamanii garbummaatti gurguramu ture jechuun barsiisaan afaanii fi og-barruu Obbo Tafarii Nigusee BBC’tti himaniiru.
Ganameenis maatii ishee jalaa daldaltoota garbaan hatamtee ta’uu akka malu hima.
883a8dke3imzu9j2l1ujmpbag7434z7
38059
38058
2022-08-03T02:57:00Z
Ahrada2021
8027
wikitext
text/x-wiki
Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni [[Oromoo]] garbummaan biyyootii adda addatti gurguramanii hedduudha.
Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu waa'ee shamarree tokkoo barreeffama ibsu.
Ganamee Yaa’ii Shaseedaa [[Odaa]] maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti.
====Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte?====
Ganameen godina Jimmaa, bakka Gumaa jedhamutti jalqaba bara 1830’n keessa akka dhalatte hima, barsiisaan lammii Jarmanii seenaa jireenya ishee barreesse Liidarhoos jedhamu.
Daldala garbaa yeroo sana tureen, ijoolleen hedduun maatii isaanii jalaa hatamanii ykn ammoo waraana gosota jidduutti uumamuun fudhatamanii garbummaatti gurguramu ture jechuun barsiisaan afaanii fi og-barruu Obbo Tafarii Nigusee BBC’tti himaniiru.
Ganameenis maatii ishee jalaa daldaltoota garbaan hatamtee ta’uu akka malu hima.
3mi1cg781vcv7ofy3377vwttsgrz94i
38060
38059
2022-08-03T02:58:57Z
Ahrada2021
8027
wikitext
text/x-wiki
Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni [[Oromoo]] garbummaan biyyootii adda addatti gurguramanii hedduudha.
Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu waa'ee shamarree tokkoo barreeffama ibsu.
[[File:Ganamee Yaa'ii.webp|Ganamee_Yaa'ii]]
'''Ganamee Yaa’ii Shaseedaa [[Odaa]]''' maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti.
====Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte?====
Ganameen godina Jimmaa, bakka Gumaa jedhamutti jalqaba bara 1830’n keessa akka dhalatte hima, barsiisaan lammii Jarmanii seenaa jireenya ishee barreesse Liidarhoos jedhamu.
Daldala garbaa yeroo sana tureen, ijoolleen hedduun maatii isaanii jalaa hatamanii ykn ammoo waraana gosota jidduutti uumamuun fudhatamanii garbummaatti gurguramu ture jechuun barsiisaan afaanii fi og-barruu Obbo Tafarii Nigusee BBC’tti himaniiru.
Ganameenis maatii ishee jalaa daldaltoota garbaan hatamtee ta’uu akka malu hima.
rf4cle6bvluj0e16hw978ll3yzmu9gg
38061
38060
2022-08-03T03:06:36Z
Ahrada2021
8027
/* Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte? */

Seenaa jireenya Ganamee Yaa'ii qorachuun kan barreesse Liidarhoos, abbaan ishee waraana irratti yeroo isheen daa’ima ganna ja’aa turte akka ajjeefame barreesseera.
Umurii ganna sagalitti guyyaa tokko utuu bakka awwaalcha abbaa ishee daawwattuu daldaltoota garbaan butamtee akka fudhatamte seenaan jireenya kun ni hima.
Sana booda “Jimma irraa gara Gondar, achirraa gara Masriitti gurguramte,” jedhu Obbo Tafariin.
Masirii keessatti yeroo 12 irra deddeebiin erga gurguramtee booda, akka qabeenya lammii Masrii, Mehmeet Alii jedhamuutti Kaayirootti geeffamte jedha barreeffamni Liidarhoos.
Gola isaa keessa hojjachaa akka turtee fi amantaa Islaamaas hordofaa akka turte barreessee jira.
“Bara 1847’tti lammiin Jarmanii Joon Baaroon yeroo Masiriitti imale, jireenya ishee jijjiire,” jedha qorataa fi piroofesarri duraanii lammii Jarmanii Wolbart Simiidti.
Lammiin Masirii kun Ganamee akka kennatti Joon Baarooniif dabarsee ishee kenne.
Yeroo Jarman, Kornitaal geessutti maqaan ishii Fatimaatti jijjiramee akka turee fi cuphaa kiristaanumma booda maqaan ishee gara Pooliin Johaanitti akka geeddarame Liidarhoos eeruun Wolbert Simiidti qorannoo isaa irratti maxxanseera.
====Barnootaa fi jireenya mishinaarii====
djobq8z4b0ooa0bfpkdkyhwke45dmki
38062
38061
2022-08-03T03:09:08Z
Ahrada2021
8027
/* Barnootaa fi jireenya mishinaarii */

Jarmanitti Ganameen erga bitamte booda akkataa itti mana kunuunsan (home care) akka barattuuf mana baruumsaa yemmuu seentetti “baruumsaan baay'ee cimtuu waan taateef” mishinaroota waliin gara hojjechuutti dabarte jedhe Obbo Tafariin.
Dandeetti isheen qabdu keessaa kan himamu tokko, Afaan Oromoo, Afaan Jarmanii fi Afaan Arabaa dabalatee afaanota gara shanii ni dandeessi turte kan jedhudha.
Ganameen amantaa Kiristaanummaa fudhachuun bara 1852’tti erga cuphamtee booda, dhiyeenyaan luboota fi mishinaroota waliin hojjachuu eegalte.
====Guumacha aadaa fi Afaan Oromoo barsiisuu====
Obbo Tafariin akka jedhanitti Ganameen sochii wangeela uummata Oromoo bira geessisuu keessatti ga’ee guddaa qabdi turte.
Ganameen kiitaabaa seenaa ishee mata duree ‘Intala Oromoo’ jedhu kan isheen barreessite boodarra erga isheen duutee maxxanfamee gara afaanota 30 oliitti hiikameera.
Kitaaba ishee kana xumuruun kan maxxanse lammii Jarmanii, Liidarhoosiidha.
“Oromoo addunyaatti, keessumaayyuu Awurooppatti kanaan beeksisteetti,” jedhu Obbo Tafariin.
Ebla 1855 keessa Ganameen fedhii wangeelli uummata ishee, uummata Oromoo bira akka ga’uuf qabdu ibsuun mishinarootaaf xalayaa ni barreessiti ture.
Mishiniin ykn ergamni wangeelaa gara uummata Oromootti guddaan hundaa’uu isaaf Ganameen sababa isa guddaa ta’uu akka maltus himaniiru.
Mishiniin kun saba Oromoo bira ga’uuf, wangeela Afaan Oromootti hiikuu yaaluu fi hojiilee biroon gumaacha godheera.
Kitaabne ganamee “Intala Oromoo” jedhu kunillee yemmuu gurguramutti galiin isaa mishinii kanaaf kennamuun gargaara akka ture ni himama.
Mishiniin kun boodarra Oromiyaa keessatti manneen barnootaa, mana amantaa fi wiirtuulee adda addaa ijaaruu keessatti ga’ee guddaa qaba.
Ganameen Adoolessa 1855 keessa tasa dhibee hargansuu waliin wal qabateen hubamtee, Fulbaana 11, 1855 lubbuun ishee darbe.
Wolberti Simiidt akka barreesseetti, Ganameen magaalaa Riyeen keessatti awwaalamte.
m37hnazzh2vuo6wvep6ext4wdpegpke
38063
38062
2022-08-03T03:09:35Z
Ahrada2021
8027
/* Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte? */
wikitext
text/x-wiki
Jarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa lakkoofsi dhalattoonni [[Oromoo]] garbummaan biyyootii adda addatti gurguramanii hedduudha.
Isaan keessa tokko kan taatee fi eenyummaa ishee utuu hin dagatiin guddina afaani fi og-barruu Oromoo keessatti gummaacha bu'uuraa kan qabdu waa'ee shamarree tokkoo barreeffama ibsu.
[[File:Ganamee Yaa'ii.webp|Ganamee_Yaa'ii]]
'''Ganamee Yaa’ii Shaseedaa [[Odaa]]''' maqaa dhaloota isheeti, Jarmanii keessatti garuu caalatti maqaa Pooliin Faatimaa jedhamuun beekamti.
===Ganameen eenyu, akkamiin garbummaan gurguramte?===

rv0l0nvfvtayyhrfjfdig7liermtzpt
38064
38063
2022-08-03T03:10:24Z
Ahrada2021
8027
/* Guumacha aadaa fi Afaan Oromoo barsiisuu */

===Guumacha aadaa fi Afaan Oromoo barsiisuu===

papocnqx5fuamv7p1xhs9vicaq1j1ny
38065
38064
2022-08-03T03:52:15Z

3l240wuqmgvn0k8j3zbs4u30u4fjp2l