Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.39.0-wmf.23 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Gadget Gadget talk Gadget definition Gadget definition talk Alii Birraa 0 3501 38074 37078 2022-08-06T23:01:26Z Yupik 666 /* Jireenya Isaa Finfinneetti */ [[Finfinnee]]tti wikitext text/x-wiki {{Artistii‎| | Maqaa = Alii Birraa | Maqaa dhalootaa = Alii Mahaammad | File = | Guyyaa dhalootaa = Fulbaana 29, 1950 | Bakka dhalootaa = [[Dirre Dhawaa]], [[Itoophiyaa]] | Ogummaa = Weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa | Akaakuu = Sirba addaaddaa | Meeshaa = sagalee | Bara hojjate = 1961 - ammaa }} '''Alii Birraa''' weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa [[Oromo|Oromoo]]ti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa [[Dirre Dhawaa]] naannoo [[Lagaharree]] jedhamutti dhalate. ==Jireenyaa Ijoollummaa Isaa== Aliin kan dhalate [[Dirre Dhawaa]] keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee [[Afaan Arabaa]] barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo [[Afran Qalloo]] kan aadaa [[Oromo|Oromoo]] guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara [[Finfinnee]]tti gale. ==Jireenya Isaa Finfinneetti== Aliin erga [[Finfinnee]]tti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa [[Oromo|Oromoo]] [[Ahimad Taqii]] wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti [[Afaan Amaaraa]], [[Afaan Arabaa]], [[Afaan Hararii]] fi [[Afaan Sumaaleetiin]] sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka [[Mahaammud Ahimad]], [[Xilaahun Gassasaa]], fi [[Buzunash Baqqalaa]]faatti makame. Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara [[Sudaan]]is deemee wellistoota bebbeekkamoo akka [[Mahaammad Waardii]]faa wajjin sirbe. Yeroo [[Finfinnee]] jiru, waltajjii gurguddaa akka [[Haagar Fiqir]]ii fi [[Raas Tiyaatir]]iifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee [[Finfinnee]] gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, [[Ahimad Taqii]] baha [[Itoophiyaa]] keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe ''Yaa Hundee Bareedaa''
''Yaa Fiixee Miidhagaa''
(Hundeen maqaa kan bira [[Ahimad Taqii]] ture) Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba [[Oromoo]] keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba. ==Biyya Alaatti== [[Leellisaan|Leellistuun]] Alii Birraa, Imbaasii [[Iswiidin]] kan [[Finfinnee]] jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte [[Istookoolmi]] [[Iswiidin]] keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii [[Sawud Arabiyaa]]tti jijjirramate, Aliinis ishee faana [[Sawud Arabiyaa]]tti gale. Haa ta’u malee, [[Sawud Arabiyaa]]n Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara [[USA]] deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti [[Sharaaten Addis]] kaasuun ni danda’ama. Bara 2009tti, Aliin dhukkuba [[Kaanserii]] marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama. ==Badhaasa== Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, [[Yuunivarsiitii Jimmaa]] irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti [[Dorgommii Daddaraaroo]]rratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera. ==References== * https://web.archive.org/web/20130822094245/http://alibirra.com/biography * http://oromiamusic.blogspot.com/ [[Category:Oromoo]] jafqn1zwqengooiujfko9vvhk6bz6ir Qubee Laatinii 0 5083 38075 33642 2022-08-06T23:03:48Z Yupik 666 [[Yuurooppi]]n wikitext text/x-wiki Qubee Laatinii kan durii, Qubee Roomaaniis jedhamee kan beekkamu, sirna barreeffamaa kan qubee Giriikirraa dhufedha. Qubeen Giriikii, [[Giriik]] duriiyyuu dabalatee, abijaadii Foneeshiyaa irraa dhufe. Itirooskanonni Room jalqabaa bulchanh, qubee Giriik fudhachuudhan fooyyessanii hojiirra oolchan. Qubeen Itirooskan ammoo dabree isaatin, Roomanota duriitin fooyya'ee Afaan Laatinii ittiin barreesuf hojiirra oole. Bara giddu-galeessaa keessa, barreessitoonni afaanota Roomaansii, kan qajeelton Laatiniirra dhufan, barreessuufii akkasumas afaanota akka Seltiikii, Jarmaniikii, Booltikii fi Islaavikii barreessuf qubee Laatinii fudhatan. Bara koloniyaalizimii fi wangeela Kiristaanaa baballisuu keessa, qubeen Laatinii [[Yuurooppi]]n alatti tatamsa'ee afaan dhalatoota Ameerikaa, Austireeliyaa, Oostirooneeshiyaa, Oostiroo'eehiyaatiik fi afaanota Afrikaa barreessuf ooluu jalqabe. Yeroo as dhiyootti, qorattoonni afaanii yeroo barreessan ykn afaan Yuurooppi kan hin taanef yeroo seera barreeffamaa waaltessan, kan akka qubee wabii Afrikaa, qubee Laatinii ykn IPA (kan ofumaafuu irraa guddaa qubee Laatiniirraa dhufe) filatu. Jechi alfabeetii Laatinii jedhu yookan alfabeetii afaan Laatinii barreesuf oole (akka barruu kana keessatti ibsametti), yookan ammoo alfaabeetii kan biraa kan qubee Laatinii irraa dhufan ibsuu danda'a. Alfabeetota Laatiniirraa dhufan keessatti, kan akka alfabeetii Ingiliffaa dabalatee, qubeewwan Laatinii tuuta qubee hunda isaanii keessa jirudha. Alfabeetonni Laatinii kan akkasii kun qubee gatuu, akka alfabeetii Rotokasitti, ykn qubee haaraa dabaluu, akka alfabeetii Daanishii fi Noorweyitti, danda'u. Bocni qubeewwanii jaarraa baayyee keessaa jijjiiramaa dhufe, kunis qubee xixiqqaa kan Laatinii durii keessa hin jirre Laatinii Giddu-galeessatif uumuu dabalatee jijjiirama Laatiniin keessa darbedha. ==Wabii== [[Category: Oromoo]] pz3v4yli09h4mrmwfs6i5b8u58r9mr1 Wikipedia:Seerluga Afaan Oromoo 4 6678 38076 37604 2022-08-07T10:33:14Z 196.190.248.27 Fakkeenya wikitext text/x-wiki [[File:Latin A.png]] [[Seerluga]] yookaan caasluuga afaan Oromoo bakka baay'eetti afaanota biroo irraa adda waan ta'eef qoratamuu qaba. Fkn. Afaan Ingiliffaa keessatti [[Matima]] + [[Gochima]] + [[Aantima]] yoo ta'u kan afaan Oromoo immoo [[Matima]] + [[Aantima]] + [[Gochima]] ta'a. = [[Qubee Afaan Oromoo|Qubee]] = '''Qubeen Afaan Oromoo''', [[Afaan Oromoo]] baruuf bu'ura dha. Qubeen kun ka'umsi isaa [[Laatinii]] yoo ta'u yeroo ammaatti bal'inaan itti hojjetamaa kan jiru dha. Qubeen [[Afaan Oromoo]] qubee guguddaa fi qubee xixiqqaa jedhamuun lamatti qoodama. == Qubee Guguddaa == Gabateen armaan gadii qubee [[Afaan Oromoo]] gurguddaa agarsiisa: {| class="wikitable" width="40%" border="0" |- | colspan="4" style="text-align:center; background:#7FFFD4" | Qubee gurguddaa |- | style='text-align:center' | A | style='text-align:center' | B | style='text-align:center' | C | style='text-align:center' | D |- | style='text-align:center' | E | style='text-align:center' | F | style='text-align:center' | G | style='text-align:center' | H |- | style='text-align:center' | I | style='text-align:center' | J | style='text-align:center' | K | style='text-align:center' | L |- | style='text-align:center' | M | style='text-align:center' | N | style='text-align:center' | O | style='text-align:center' | P |- | style='text-align:center' | Q | style='text-align:center' | R | style='text-align:center' | S | style='text-align:center' | T |- | style='text-align:center' | U | style='text-align:center' | V | style='text-align:center' | W | |- | style='text-align:center' | X | style='text-align:center' | Y | style='text-align:center' | Z | |} Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen [[Afaan Oromoo]] qubee guguddaa warra qubee dachaa ta'an torba of keessaa qaba. Isaanis: {| class="wikitable" width="30%" |- | colspan="2" style="text-align:center; background:#7FFFD4" | Qubee Dachaa |- | style='text-align:center' | CH | style='text-align:center' | DH |- | style='text-align:center' | NY | style='text-align:center' | PH |- |style='text-align:center' | TS | style='text-align:center' | ZY |- | style='text-align:center' | SH |} Hubachiisa: P, TS, V, Z, fi Zy n sagalee fi jechoota afaan ollaa fi addunyaa biraa irraa ergiffanne. Itti gargaaramuuf akka salphatuuf kan uumame malee sagalee dubbifamaa kanniin [[Afaan Oromoo]] keessatti hin argaman == Qubee Xixiqqaa == [[Afaan Oromoo]] qubee xixiqqaa gabatee armaan gadii keessatti agarsiifaman qaba: {| class="wikitable" width="40%" border="0" |- | colspan="4" style="text-align:center; background:#7FFFD4" | Qubee Xixiqqaa |- | style='text-align:center' | a | style='text-align:center' | h | style='text-align:center' | o | style='text-align:center' | v |- | style='text-align:center' | b | style='text-align:center' | i | style='text-align:center' | p | style='text-align:center' | w |- | style='text-align:center' | c | style='text-align:center' | j | style='text-align:center' | q | style='text-align:center' | x |- | style='text-align:center' | d | style='text-align:center' | k | style='text-align:center' | r | style='text-align:center' | y |- | style='text-align:center' | e | style='text-align:center' | l | style='text-align:center' | s | style='text-align:center' | z |- | style='text-align:center' | f | style='text-align:center' | m | style='text-align:center' | t | |- | style='text-align:center' | g | style='text-align:center' | n | style='text-align:center' | u | |} Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo qubee xixiqqaa warra qubee dachaa ta'an of keessaa qaba. Isaanis: {| class="wikitable" width="30%" |- | colspan="2" style="text-align:center; background:#7FFFD4" | Qubee Dachaa |- | style='text-align:center' | ch | style='text-align:center' | sh |- | style='text-align:center' | dh | style='text-align:center' | ts |- |style='text-align:center' | ny | style='text-align:center' | zy |- |style='text-align:center' | ph | |} Hubachiisa: p, v, z, ts, fi zy n aadaa sabafi sablammii naannoo [[Oromoo]] jiraatanii calaqqisiisuuf kan uumamani malee [[Afaan Oromoo]] keessa hin jirani. Garuu, jechoota ergissan dhufan waajin, qubeewwan kun amma tokko Afaan Oromoo keessatti hojiirra oolaniiru. == Qubee Dachaa == Qubeen dachaa qubee sagalee addaa ta'e, kan qubeewwan digdamii jahan keessa hin jirre of keessaa qabu. Sagalee qubee kanniinii qubeewwan dubbifamaa gara garaa lama walitti fiduun barreeffamu. Qubeewwan dachaan kunniin qubee akka SH, NY ,CH, DH, PH fi TS ti. Qubeewwan dachaa kanniin keessa qubeen ''TS'' quboota akka ''P'',''V'' fi ''Z'' dabalatee qubee ergifanna ykn qubee alagaa jedhamani beekkamu. {| class="wikitable" width="30%" |- | colspan="2" style="text-align:center; background:#7FFFD4" | Qubee Dachaa |- | style='text-align:center' | CH | ch | style='text-align:center' | SH | sh |- | style='text-align:center' | DH | dh | style='text-align:center' | TS | ts |- |style='text-align:center' | NY | ny | style='text-align:center' | ZY | zy |- |style='text-align:center' | PH | ph | |} = [[Sagalee]] = = [[Dhaamsaga]] = [[Birsaga]] = = [[Herregaa]] = = [[Gaalee]] = = [[Ciroo]] = = [[Hima]] = Himni yoo xiqqaate [[Matima|matimaa]] fi [[gochima]] kan qabu, ergaa kan dabarsuu danda'uu fi sirna tuqaatin kan goolabamu. Himni sadarkaa caaseffama isaa irratti hundaa'uun bakka gurgoddoo afuritti qoodama. ==A. [[Leexima]] == Leeximni gaalee 'hima leexaa' jedhurraa dhufe. Himni leexaan gochima tokko qofa of keessaa qaba. Kana jechuun dabal gochima hin qabu jechuu dha. Fakkeenya: 1. Inni mana ijaare. 2. Obbo Gadaan bara darbe oomisha gaarii argate. ==B. [[Dachima]] == ==C. [[Xaxima]] == ==D. [[Dachima Xaxima]] == [[Xiinhima]] (Saayinsii waa'ee himaa qoratu) keessatti waantonni murteessoon saddeeti. Isaanis:- 1. [[Maqaa]]
2. [[Bamaqaa]]
3. [[Maqibsa]]
4. [[Gochibsa]]
5. [[Gochima]]
6. [[Walqabsiistuu]]
7. [[Durduubee|Durgala]]
8. [[Raajeffannoo]]
Jechi kamiyyuu hima keessatti murteessota kanarraa adda ta'uu hin danda'u. == 1. [[Maqaa]] == [[Hima]] keessatti akka galumsaa fi faayidaa isaatti maqaan bakka jahatti qoodama. === 1.1 [[Maqaa Matayaa]] === === 1.2 [[Maqaa Gamtaa]] === === 1.3 [[Maqaa Abaadaa]] === === 1.4 [[Maqaa idloomaa]] === === 1.5 [[Maqaa Killayyaa]] === === 1.6 [[Maqaa Lakkaa'amaa]] === = [[Keeyyata]] = = [[Barreeffama]] = 6ppzjdtd43dvortpv30hygd1sw81sp8 User talk:MdsShakil/header 3 8058 38072 2022-08-06T16:27:47Z Pathoschild 124 create header for talk page ([[m:Synchbot|requested by MdsShakil]]) wikitext text/x-wiki

[[File:Circle-icons-megaphone.svg|75px|link=[[m:User_talk:MdsShakil]]]]

Welcome to my talk page!

Hey! I am Shakil Hosen. I patrol many projects, and where I don't know the language I only act in cases of serious vandalism. If you think I have done anything wrong, feel free to [[m:User talk:MdsShakil|message me]] on Meta wiki. If you don't like that you can leave me messages here too, but since I do not watch all of my talk pages, your message might not get a timely response. Thanks! [[File:Face-smile.svg|18px|link=[[m:User:MdsShakil]]]]

6ns6eellkw7iqc4yteyjnszfjmo2yio User talk:MdsShakil 3 8059 38073 2022-08-06T18:01:31Z Pathoschild 124 add talk page header ([[m:Synchbot|requested by MdsShakil]]) wikitext text/x-wiki {{User talk:MdsShakil/header}} tbo8m2n1p4y1shpmyu07h1k0g9pq65d