Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.39.0-wmf.25 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Gadget Gadget talk Gadget definition Gadget definition talk Tarree Walaloo 0 6518 38097 37714 2022-08-20T14:19:11Z 196.189.243.111 /* Yaa Qubee Koo */ wikitext text/x-wiki '''Tarreen''' kun [[walaloo]] gabaaboo beekaman akka fekkeenyaaf tahuuf dhiheessa. ==Yaa barumsa== Kitaaba barataa Afaan Oromoo irrattii walaloo akka fakkeenyaatti dhihaateedha. <blockquote><poem> Yaa Barumsa Yaa Barumsaa Yaa Madda Bekumsaa Wa'e Fayidaa Kee Meeqansaan Ibsa Inni Tokkofanii Sammuu Nama Cimsa Barumsii Qabenyaa Kan Hunduma Keenyaa Kan Bu'ee Hin Cabne Kan Moofa'e Hin Shamne Kan Hattuun Hin Hanne Warrii Baratan Xiiyyaraa Oofuu Warrii Hin Baranne OKkite Sofuu! Okkotee sofuun barumsa Garuu barnootni safuu nama barsiisa</poem></blockquote>u ==Barumsa== <blockquote><poem> Utubaa guddinaa Kan fuuldurrii banaa Haabarannuu jabaannee Sabaa keenyaaf ibsaa taanee Walaalli duukkana Keessaa bahuuf hin laafinaa Kan barateef akki godhaa Fakkiin isaan murteessadha Sammuu keenyaa hidhatnee Marrii barnootaaf kaanee Walummaan tolaatti hin dhaabbatamuu Baruuf namnidirfama kan qabatuu </poem></blockquote> ==Nu hin buqqisu== <blockquote><poem> Tokkumaan Humna! Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee Yoo wal-hubannee wal dhagenyee Yoo wal jalaa kaafne dhagaa Yoo waliif yaadne nagaa Tokkummaan wal qabannee Yoo walii wajjiin dhaabbanne Kattaan gaaraa yoo dhodho’e Cabbiin roobee yoo lola’e Buubbeen kaabaas haa bubbisu Nu hin sochoosu nu hin buqqisu! </poem></blockquote> ==Yaa Qubee Koo== <blockquote><poem> Qawween koo boraatiin koo Kan rasaasa liqimsu Yaadni garaa koo keessaa Danda’ee naaf hin ibsu Rasaasa itti guuttadhee Gaafan banu cancala Biyyi gurra qabatee Fiigee lixa daggalaa Wal caccabsee gulufa Wanta qabu harcaasee Qawween nageenya hin fidu Nagaa dhahee mancaasee Allaattiin waaqarra kaattu Bineensi bosona kessaa Sagalee qawwee kootii Hin jaallatu ni dheessa Ati garuu qubee koo Qubee koo quba jabduu Nagaa buusuufis taanaan Gita tokkoyyuu hin qabdu Nagaa Buusuufis Taanaan Gita Tokkoyyuu Hin Qabdu </poem></blockquote> Ajgmj Tpgnjgm Jnja.Dwt Madwja Jagadw ==Sin jaalladha hiriyaa koo== <blockquote><poem> Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa Bakka rakkoo kiyyaatti Situ dursee argama Aantiidhaafi obbolaa koo Dursitee natti siqxa Caba koo naaf dhidhiibdee Dhiiga koo narraa dhiqxa Kaasuu keetti na fuutee Qabdee lafaa na kaasta Dugda keetti na baattee Bowwaa keessaa na baafta Gaafa guyyaaa gammaachuu Wajjiniin nyaannee kolfaa Gaafa guyyaa dhiphinaa Kan dhukkubaa fi golfaa. </poem></blockquote> ==Wabii== [[category:Walaloo]] [[category:Afaan Oromoo]] a4zfxz7vnpyezv1j0bk93gt6gejhl84