Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.47.0-wmf.1
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Ciigoo
0
3079
45653
44230
2026-05-06T16:44:47Z
~2026-27622-88
13984
qilleensi Baranaa karamitti bubbisa eessaa fiddee daaraa natti uwwiste
45653
wikitext
text/x-wiki
'''Ciigoon''' [[Oromoo|ummata Oromoo]] biratti tooftaa dubbii haala dhoksaa ta'een yeroo dabarsuun barbaadamu itti fayyadamuudha. Ciigooon jecha ykn gale ykn hima hiika mul’ataa fi dhokotaa of keessaa qabu ta’ee kan himoota yaada Walqabataa qaban lamaan himamu dha.Ciigoon qaamota gurguddoo sadii of keessatti qabata isaanis; dubbii dacha,soorgoo fi sookoo fa’a dha
= Qaamoolee Ciigoo =
'''1.Dubbii dacha/sobbooqoo:''' dubbii dacha qaama ciigo ta’ee jecha , gaalee ykn hima ciigoo Sana keessatti hiika dhaanquu(hiika mul’ata fi dhokataa)
of keessatti qabatuu dha.
hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaafi isa itti aanu waliin xiinxaluu gaafata.
'''2.soorgoon:''' ciigoo keessatti ergaa ifaa yoo ta’u, qabiyyyee walalichaatiin tokko
waan ta’eef argachuunsaa xiinxala sammmuu(gadi fageenyaan yaaduu)hin gaafatu.
'''3.Sookoo:''' sookoon immo hiika dhokotaa itti yaaduu gaafatu dha.
Hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaa fi isa itti aanurratti xiyyeeffachun kan barbaachisu osoo hin taane hiika dubbiin dacha qofaasaa dhaabbatee kennuu xiiinxaluu dha. yommuu ciigoo tokkof sookoo isaa barbaannu dubbi dacha ciigoo sanaa irra deddeebinee sagaleessuu, sagalee jechootaa jijjiiruu dhaan (dheeressun, gabaabsuun, laaffisuun, jabeessuun) sagaleessuu gaafata.
'''''Fakkeenyota ciigoo'''''
# Ani buna hin dhugu garaa kutadheera
Buna kee lammaffaa eegaa kutadheera
'''Jecha dachaa''' :buna kee lammafaa
'''Soorgooo''': buna dhugaatii dhiiseera
'''Sookoo''':barakaa ykn bina kee 2<sup>ffa</sup> hin dhugu .
# Adaamaa yoo deemtu Finfinneedhaa kaate
Karaa kee gubbaatti Bishooftuu argite
'''Jecha dachaa :'''Bushooftuu
'''Sorgoo''':Magaalaa Bushooftuu agarte
'''Sookoo''':Waan badaa ,fokkisa agartee
# Miila lama qabdaaf mulka lama hin kortu
Tokkuma filadhu hamma garaa hirtu
'''Jecha dachaa:'''hamma garra hirtu
'''Sorkoo''' :muka tokko filadhuu kori
'''Sookoo''' :waan tokko hojjechuuf hin mamin
# Daadhiis ta’e farsoo hundarraa of eegaa
Qulqulluu bishaaniii isa wayya dhugaa
'''Jecha dachaa:'''Isa wayya dhugaa
'''Soorgaa :'''bishaan wayya bishaan dhugaa
'''Sookoo :''' waan dhugaa ta’e waayya ,dhugaa dubbachuu wayya
# Hojjaa hin bulchinaa mee fixaa bayeessa
Wayyaaas miiccadhaa bareechaa addeessaa
'''Jecha dachaa:'''addessaa
'''Soorgoo''' :qulqulleessuun adii godhaa
'''Sookoo''' :ji’a ykn baatii
# Mi’a baate malee ofii nama hin hubuu
Bakka geessu hin beeknu inni abbaa hin qabu
'''Jecha dachaa''':Inni abbaa hin qabu
'''Soorgoo''' :kan eeyyuyyuu miti /mi’ichi abbummaa hin qabu
'''Sookoo''' : inni abbaa dhalche hin qabu
# Yoom facaasuudhaaf lafa babbaqse
Balleessumaaf jedhee ija qabee cabse
'''Jecha dachaa:''' Ija qabee cabse
'''Soorgoo''' :Ija masaaqulaa qabee cabse
'''Sookoo''':Agartuu( ija ) isaa qabee cabse
# Kumsaan kan Wallaggaa ,sheek Huseen kan Baalee
Osoo bira jirruu hundumaa wallaalle
'''Jecha dachaa''':Hundumaa wallaalle
'''Soorgoo''' :Waan hundumaa wallaalle /beekumsa dhabne
'''Sookoo''' :Nama Hundumaa jedhamu wallaalle
# Garbuu biyya shanan ,buna biyya Jimmaa
Ni nyaatta ni dhugda siifan fida amma
'''H.D''' :Siifan fida amma
'''Soorgoo''' :siifan dhiheessa
'''Sookoo''' :nama ‘’Siifan ‘’jedhamun dhiheessaa
# Nutta tolu jennee
Harree manna baafne
'''Jecha dachaa''':Harree manaa baafne
'''Soorgoo''' :harree beeyilada manaa manaa baafne
'''Sookoo''' :xurii haxoofneee (qulqulleessine ).
==Kanas ilaali==
[[Tarree Ciigoo Oromoo|Tarree Ciigoo Oromo]]
== Wabii ==
[[Category:Afaan Oromoo]]
c3nibywuprwlptq6yrfqvc7jwbvxluf