Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.48.0-wmf.1
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Alii Birraa
0
3501
46002
45996
2026-10-31T22:12:00Z
BYMDA
14558
/* Biyya Alaatti */
46002
wikitext
text/x-wiki
{{Artistii|
| Maqaa = Alii Birraa
| Maqaa dhalootaa = Alii Mahaammad
| File =
| Guyyaa dhalootaa = Fulbaana 29, 1950
| Bakka dhalootaa = [[Dirre Dhawaa]], [[Itoophiyaa]]
| Ogummaa = Weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa
| Akaakuu = Sirba addaaddaa
| Meeshaa = sagalee
| Bara hojjate = 1961 - ammaa
}}
'''Alii Birraa''' weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa [[Oromo|Oromoo]]ti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa [[Dirre Dhawaa]] naannoo [[Lagaharree]] jedhamutti dhalate.
==Jireenyaa Ijoollummaa Isaa==
Aliin kan dhalate [[Dirre Dhawaa]] keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee [[Afaan Arabaa]] barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate. <br />
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo [[Afran Qalloo]] kan aadaa [[Oromo|Oromoo]] guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara [[Finfinnee]]tti gale.
==Jireenya Isaa Finfinneetti==
Aliin erga [[Finfinnee]]tti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa [[Oromo|Oromoo]] [[Ahimad Taqii]] wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti [[Afaan Amaaraa]], [[Afaan Arabaa]], [[Afaan Hararii]] fi [[Afaan Sumaaleetiin]] sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka [[Mahaammud Ahimad]], [[Xilaahun Gassasaa]], fi [[Buzunash Baqqalaa]]faatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara [[Sudaan]]is deemee wellistoota bebbeekkamoo akka [[Mahaammad Waardii]]faa wajjin sirbe. Yeroo [[Finfinnee]] jiru, waltajjii gurguddaa akka [[Haagar Fiqir]]ii fi [[Raas Tiyaatir]]iifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee [[Finfinnee]] gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, [[Ahimad Taqii]] baha [[Itoophiyaa]] keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
''Yaa Hundee Bareedaa''<br />
''Yaa Fiixee Miidhagaa''<br />
(Hundeen maqaa kan bira [[Ahimad Taqii]] ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba [[Oromoo]] keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.
==Biyya Alaatti==
[[Leellisttn|Leellistuuun]] Alii Birraa, Imbaasii [[Iswiidin]] kan [[Finfinnee]] jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte [[Istookoolmi]] [[Iswiidin]] keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii [[Sawud Arabiyaa]]tti jijjirramate, Aliinis ishee faana [[Sawud Arabiyaa]]tti gale. Haa ta’u malee, [[Sawud Arabiyaa]]n Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara [[USA]] deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti [[Sharaaten Addis]] kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba [[Kaanserii]] marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
==Badhaasa==
Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, [[Yuunivarsiitii Jimmaa]] irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti [[Dorgommii Daddaraaroo]]rratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.
==References==
* https://web.archive.org/web/20130822094245/http://alibirra.com/biography
* http://oromiamusic.blogspot.com/
[[Category:Oromoo]]
0bsz2i9pf58q0t8ztwfutifyvyoo2pe