Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.48.0-wmf.3
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo
0
5227
46023
37105
2026-11-11T00:40:43Z
~2026-59704-32
14959
Undid revision [[Special:Diff/37105|37105]] by [[Special:Contributions/InternetArchiveBot|InternetArchiveBot]] ([[User talk:InternetArchiveBot|talk]])
46023
wikitext
text/x-wiki
'''Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo''' kitaaba seerluga [[Afaan Oromoo]] kan bara 1973 maxxanfamedha. Kitaaba kana kan barreesse Dr [[Hayilee Fidaa|Hayilee Fidaati]] yoo ta'u [[Paaris|Paarisitti]] maxxanfame. Hirmaatni Dubbii Afaan Oromoo kitaaba yeroo jalqabaaf [[qubee Afaan Oromoo|qubee Afaan Oromootin (Laatiniin)]] maxxanfame yoo ta'u kunis seena [[hogbarruu]] [[Oromoo]] keessatti kan addaa isa godha.
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo seerluga Afaan Oromoorratti xiyyeeffata. Seensa kitaaba kanaa keessa barreeffama armaan gadiitu jira:
''“Afaan Oromoo baláa dha. Afaan sooressaa dha. Garuu sabni Oromoo wal irraa fagaatee iddoo hedduutti hiramee bara baayée gatii dabarseef, kana irrattis caaffata otuu hin qabaatin waan hafeef, har’a Oromoon hundi yoo walii galuu danda’eyyuu, akki dubbii isaa sirriitti tokko miti…. Haráaf dafnee walii galuudhaaf yoo nu rakkiseyyuu, bor sooruma dhuma hin qabne ta’a … Si’as hundi keenya rakkina malee walii galuu dandeenya.”''
[https://www.gadaa.com Gadaa.com] waggaa afurtammaffaa kitaabni kun itti maxxanfame barruu Hagayyaa 1, 2013 baasen kabajeera.
==Wabii==
* [http://gadaa.com/oduu/21048/2013/08/01/40th-year-remembrance-of-the-publications-of-hirmaata-dubbii-afaan-oromoo-and-bara-birraan-barihe/ 40th Year Remembrance of the Publications of ''HIRMAATA DUBBII AFAAN OROMOO'' and ''BARA BIRRAAN BARIHE'']'','' dhihootti kan baname: Adoolessa 18, 2015
* Mekuria Bulcha. The Language Policies of Ethiopian Regimes and The History of Written Afaan Oromoo: 1844-1994
* [http://seenaa.com/seenaa-goototaa/haile-fida/ Haile Fida, The Father of Qubee Afaan Oromo], dhumarratti kan baname: Adoolessa 18, 2015
[[Category:Ogbarruu Oromoo]]
p6wxvbozmhoqm5gfokbjk83m1ynhpw7
Kaalsiyeemii
0
9747
46022
44137
2026-11-10T21:50:49Z
Nnabiilee aliyi Abdullahi
14958
/* growthexperiments-addlink-summary-summary:2|0|0 */
46022
wikitext
text/x-wiki
[[File:Calcium_unter_Argon_Schutzgasatmosphäre.jpg|thumb]]
[[File:Ca-TableImage.svg|thumb| Kaalsiyeemii]]
'''Kaalsiyeemiin''' sibiilli lallaafaa adii meetawaa yoo ta’u, salphaatti elektiroonota lama dhabee faalkaa oksideeshinii +2 uuma. Innis elementii baay'inaan irralafaa keessatti argamu keessaa isa shanaffaa yoo ta'u, yeroo baay'ee dhagaa hoofii, jipsamii fi filooraayitii keessatti argama. Bishaan waliin haala giddu galeessaan walnyaatee kaalsiyeem haayidirooksaayidii fi gaasii haayidiroojiinii uuma. Kaalsiyeemiin sirna [[baayoloojii]] keessatti, keessumaa lafee fi ilkaan uumamuu, hojii maashaalee fi [[Dhiiga|dhiigni]] akka dhangala’u keessatti gahee guddaa qaba. Industirii keessatti simintoo, hadiida hojjechuu, akkasumas xinsibiila keessatti akka hir’isutti fayyadama.
j2fxem0no3py7atjqsa1kb62qscwhr3