Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.47.0-wmf.3
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Oromiyaa
0
2508
45673
42677
2026-05-23T19:37:22Z
~2026-30905-83
14047
/* Seenaa */ meyra
45673
wikitext
text/x-wiki
{{kanas ilaali|Oromoo}}
{{Naannoo|
| Maqaa = Oromiyaa
| Alaabaa = [[File:Flag of the Oromia Region.svg|190px]]
| Asxaa uffata waraanaa = [[File:Oromia Region emblem.png]]
| Kaartaa = [[File:Oromia in Ethiopia.svg|270px]]
| Biyya = Itoophiyaa
| Magaalaa Guddaa = Finfinnee (Addis Ababa)
| Afaan Hojii = Afaan Oromoo
| Ballina = 353,690 km²
| Baayyina ummataa = 35,467,001
| Tuuta'insa ummataa = 95/km²
}}
'''Oromiyaan''' ({{lang-en|Oromia}}) [[Naannoolee Itoophiyaa|kutaalee Itoophiyaa]] kudha tokko keessaa tokko kan taateedha. Ballina lafaa Bahaa hanga Kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'e qabatee, baayyina ummataa bara 2002 tilmaamaan hanga miiliyoona digdamii-afurii qabdi (24,000,000), kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyya keessaa tokkoffaa ishee taasisa. Isheenis kan ofii keessa [[Template:Qabdu|qabdu]]: kutaa [[Arsii]], [[Baalee]], [[Harargee]], [[Iluu Abbaa Booraa]], [[Shawaa]], [[Wallagga]], [[Godina Gujii|Gujii]] fi [[Godina Booranaa|Boorana]]. Magaalaan guddoon Oromiyaa [[Finfinnee]] dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebite. Magaalonni gurguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman [[Adaamaa]], [[Amboo]], [[Asallaa]], [[Bishooftuu]], [[Dambidoolloo]], [[Fiichee]], [[Gimbii]], [[Gobbaa]], [[Jimma|magaalaa Jimmaa]], [[Mattuu]], [[Nageellee]], [[Naqamtee]], [[Shaashamannee]], [[Bulee Horaa]] dha.
Haala yeroo ammaatiin Oromiyaan naannoo [[Tigraay]] irraa kan hafe naannolee hundaan wal daangessiti ykn wal tuqxi. Kunimmoo yeroo tokko tokko walitti bu'iinsa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo [[Sumaalee]] keessatti.
Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman
[[Arsii]],
[[Arsii Lixaa]],
[[Baalee]],
[[Boorana]],
[[Gujii]],
[[Harargee Bahaa]],
[[Harargee Dhihaa|Harargee]] ,
[[Iluu Abbaa Booraa]],
[[Jimma]],
[[Shawaa Bahaa]],
[[Shawaa Dhihaa]],
[[Shawaa Kaabaa]],
[[Shawaa Kibba Lixaa]],
[[Wallagga Bahaa]],
[[Wallagga Dhihaa]],
[[Horroo Guduruu Wallaggaa]] fi
[[Qeellem Wallaggaa]], ti.
== Seenaa ==meyraa abdalla
{{kanas ilaali|Seenaa Oromoo}}
Jaarraa digdamii tokkoffaan duratti, magaalaan guddittii Oromiyaa [[Finfinnee]] turte, kunis maqaa biraa [[Finfinnee|Addis Ababaa]] jedhamuunis nibeekamti (maqaan kun [[Afaan Oromoo]] miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara [[Adaamaa]]tti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fidee ture. Morkattoonni akka jedhanitti bulchaan [[Itoophiyaa]] [[Finfinnee]]n Oromiyaa keessatti argamuu ishee hinbarbaadne jedhaniiru.<ref>Mosisa, Abraham T. [https://web.archive.org/web/20060222235224/http://oromostudies.org/lettertoUNSecretaryGeneral.htm Letter to U.N. Secretary-General]</ref> Karaa biraammoo, [[Finfinnee]]n afaan, aadaafi seenaa [[Oromoo]] guddisuudhaaf mijataa miti jechuudhaan mootummaan nidubbata. Waxabajjii 10, 2005 keessatti [[Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo|Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO)]] kan kutaa bulchaa [[Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa|Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)]] ta'e, magaalaa guddoo Oromiyaa akka [[Finfinnee]]tti deebisu ifa godhee.
[[Seenaa Itoophiyaa Sirrii|Seenaa Itoophiyaa sirrii]]
== Faaruu Oromiyaa ==
Oromiyaa, Oromiyaa haadha seenaa guddaa Handhuura Oromootaa galma Sirna Gadaa Dachee heeraa fi seeraa haadha Caffee Odaa Badhaatuu, gabbattuu magarsituu hundaa; Xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee Wareegama qaaliin alaabaa kee ol qabnee Gammannee gammadii bokkuu deebifannee: Nagaaf dimokraasii tabaroo namummaa Misoomaa amansiisaa guddina hatattamaa Ummatootaa wajjiniis jaalalaafi tokkummaa Wabii jireenyaatiif goonee kaayyoo cimaa; Irree gamteeffannee kaanee nu abdadhuu Oromiyaa lalisii dagaagii jiraadhuu!
== Afaanota ==
{{Kanas ilaali|Afaan Oromoo}}
[[Afaan Oromoo]], kan yeroo ammaa qubee Laatiniitiin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa %83.5 ta'a. Afaanonni kan biraa kan baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu [[Wallagga Bahaa]] fi [[Shawaa Kaabaa]] keessatti), afaan [[Guraagee]] ([Sabatbeet [Guraagee]], [[Sooddoo]] fi [Silxee]), [[Afaan Hadiyyaa]], afaan [[Geedi'oo]] (0.98%) (keessumaayyuu [[Shawaa Dhihaa]] fi [[Shawaa Bahaa]] keessatti), [[Tigiriffa]] (0.25%). Afaanonni [[Oomotiik]] ummata muraasaan naannoo [[Jimmaa]], [[Iluu Abbaa Booraa]] fi [[Wallagga Lixaa]] keessatti nidubbatama; afaanonni [[Naayiloo-Sahaaraa]] ([[Koomoo]], [[Majangi]], [[Gumuzii]] fi [[Bartaa]]) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.
== Diinagdee ==
[[Image:Farm mechanization in Oromia.jpg|thumb]]
Akka ATI (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti, bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083 oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa 44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%), fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree 278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070 (37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.
Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba, kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).
dvsn0i7bom75fy4bxawfq7h4q1jpwnb
Sirna Biiftuu
0
8233
45675
43866
2026-05-24T05:38:56Z
Omarius257
13543
/* */ Fakkii Sirna Biiftuu bifa dhugaatiin barreeffama wajjin dabalame
45675
wikitext
text/x-wiki
{{Infobox planetary system|title=Sirna Biiftuu|age=Waggaa kuma kitila 4.568|image=Solar System True Color OM.png|image_scale=1.5|caption=[[Biiftuu|Aduu]] fi Bakkalleelee Sirna Biiftuu.
| location = Duumeessa Urjiilee Gidduu Naannoo, Qoffoo Naannoo, .
Harka Arbagaadduu–Cygnus, [[xuree aanannoo| Karaa waraabessaa]]
| system_mass = Hangaaduu 1.0014
| neareststar = [[Proxima Centauri|Seenteroos kaluu]](4.22 [[waggaa ifaa|Wi]]<nowiki>)}} |</nowiki>[[Alpha Centauri| Alfaa seenteroosii]] system (4.37 ly
| nearestplanetary = Sirna alfaa seenteroosii{{!}}(4.37 ly)
| semimajoraxis = {{nowrap|30.10 [[Astronomical unit|AU]]{{nbsp|2}}{{smaller|(4.503 billion km)}}}}
| Kuiper_cliff = 50 AU
| stars = 1 ([[Biiftuu]])
| noknown_stars = Ee
| planets = [[Meerkurii|Bakkallee arreedduu]], [[Bakkalcha]], [[Lafa|Dachee]], [[Maarsii|Gofoo]], [[Juupitaar| Ejabula]], [[Lafqubeellaa| Bakkalmartii]], [[Yuuraanis| Falaqoo]] fi [[Neeptuuniin| Dotila]]
| outerplanetname = [[Neeptuuniin| Dotila]]
| noknown_planets = Ee
| dwarfplanets = Seerees, Puluutoo, Haawmiyaa, Makmakeefi Eeris
| satellites = 427
(170 kan bakkallee 257 kan bakkallee maandhoo)
| minorplanets = 638,836 (akka bara 2014-04-15)
| comets = 3,263 (akka bara 2014-04-15)
| roundsat = 19
| roundsatlink = List of gravitationally rounded objects of the Solar System#Satellite planemos
| inclination = 60.19°8
| galacticcenter = 27,000 ± 1,000 ly
| orbitalspeed = 220 km/s
| orbitalperiod = 225–250 [[Myr]]
| spectral = [[G-type main-sequence star|G2V]]
| frostline = ≈5 AU
| heliopause = ≈120 AU
| hillsphere = ≈1–2 ly}}
{| class="wikitable" style="margin:1em auto 1em auto; clear:middle; float:middle; margin:10px"
| colspan="8" |Bakkalleewwaniifi mallatoolee isaanii
|- style="font-size:smaller; text-align:center;"
|1
[[Meerkurii]]
[[File:Mercury_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Mercury_symbol.svg|16x16px|{{unicode|☿}}]]
|2
[[Bakkalcha]]
[[File:Venus_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Venus_symbol.svg|16x16px|{{unicode|♀}}]]
|3
[[Lafa|Dachee]]
[[File:Earth_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Earth_symbol.svg|16x16px|{{unicode|🜨}}]]
|4
[[Maarsii|Gofoo]]
[[File:Mars_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Mars_symbol.svg|16x16px|{{unicode|♂}}]]
|5
[[Juupitaar|Ejabula]]
[[File:Jupiter_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Jupiter_symbol.svg|16x16px|{{unicode|♃}}]]
|6
[[Lafqubeellaa|Bakkalmartii]]
[[File:Saturn_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Saturn_symbol.svg|16x16px|{{unicode|♄}}]]
|7
[[Yuuraanis|Falaqoo]]
[[File:Uranus_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Uranus_symbol.svg|16x16px|{{unicode|⛢}}]]
|8
[[Neeptuuniin|Dotila]]
[[File:Neptune_symbol.svg|link=https://so.wikipedia.org/wiki/File:Neptune_symbol.svg|16x16px|{{unicode|♆}}]]
|}
'''Sirni Biiftuu''': [[Biiftuu|Aduu]], [[Pilaaneetoota|bakkalleelee(planets)]] 8tan, Addeessoota hedduu bakkalleeleen naanna'an, '''bakkalleelee jaagee(dwarf planets)''' hedduu fi '''bungulkaataalee(asteroids)''', '''qorsoota(comets)''', '''qaanqorsoota(meetiyoorota)''' fi wantoota xixiqqoo biroo hedduu of keessaa qaba; isaan hundinuu biiftuu wiirteefachuun naanna'u. Sirni Biiftuu qaama [[Xurree Aannannoo|ruuda Karaa Waraabeessaa(MIlkyway)]] ti. Pilaaneetonni, adeessoonni, pilaaneetonni jaagee fi wantootni sirna kana keessa jiran hundi gara waggoota [[Bitila|kuma kitila]] 4.5 dura akka uumaman himama.
Irra caalaan ulfaatinaa fi rukkina sirna biiftuu Aduu yoo ta'u itti-aansuun Ejabula: bakkalleelee saddeet keessaa guddaa ta’e keessatti argama. Pilaaneetonni keessoo afran—Meerkurii, Bakkallee, Lafaafi Goofoo—pilaaneetota akdachee jedhamuun beekaman, adda durummaan dhagaa irraa ijaaramaniiru. Karaa biraatiin, pilaaneetonni alaa afran, kanneen pilaaneetota ak-ejabula jedhamanii beekaman, jechuunis Ejabula(Jupiter), Bakkalmartii(saturn), Falaqoo(Uranus) fi Dotila(Neptune) baayʼee guddaa kan taʼanii fi adda durummaan [[Gaazii|'''qilleensiyyee(gas)''']] irraa kan ijaaramanii dha.
Pilaaneetonni gurguddoon lamaan Sirna Biiftuu keessatti argaman Ejabulafi Bakkalmartii haayidiroojiinii fi heeliyum irraa kan ijaaraman yoo ta’u, Yuuraanis fi Neeptuuniin ammoo wantoota cabbaawoo irraa kan ijaaraman yoo ta’u, irra caalaan isaanii cabbii dha. Haa ta’u malee, Sirni Biiftuu naannoowwan wantoota xixiqqoodhaan guutamanis of keessaa qaba.Fakkeenyaaf, Sabbatni asteroyidii [[Maarsii|Goofoo]] fi [[Juupitaar|Ejabula]] gidduu jiru akkuma pilaaneetota akdachee qaamolee xixiqqoo sibiilaa fi kattaa irraa hojjetaman of keessaa qaba. Neeptiyuunii bira darbee naannoon Sabbata kuuparii jedhamuun beekamu qaamolee xixiqqoo puluutoo wajjin wal fakkaatan of keessaa qaba. Naannoo kun wantoota 10,000 ol kan of keessatti hammate yoo ta'u, osoo baay'ee guddaa ta'anii ofii isaanii pilaaneetii ta'uu danda'u. Wantoonni xixiqqoo Kuiper Belt keessa jiran tokko tokko pilaaneetota xixiqqoo Ceres, Pluto fi Eris jedhaman of keessatti qabatu. Pilaaneetota keessaa jaha, yoo xiqqaate pilaaneetota xixiqqoo sadii fi wantootni xixiqqoo biroo wantoota xixiqqoo ji'a jedhamuun beekamaniin naanna'u. Juupitaar ji'oota baay'ee kan qabdu yoo ta'u, walumaa galatti [[addeessa]] 67 qaba.
== Seenaa Sirna Biiftuu ==
Namoonni yeroo hundumaa addunyaaleen biroo lafaan wal fakkaatan yoo jiraatan hubachuu fi argachuu hawwaa turan. Pilaaneetonni shan ( Veenus, Meerkikurii, Maarsii, Juupitaariifi Saaturn) ijaan mul’atan kan beekaman ta’us, jaarraa hedduudhaaf waa’ee isaanii waan xiqqoo hubatameera, ta’us garuu namoota yeroo sanaa irratti dhiibbaa geessisaniiru. Bara durii ogeeyyiin urjii ifaan tokko tokko akkamitti akka samii keessa socho'u kan beekan yoo ta'u, urjiileen tokko tokko yeroo mul'atan kan ilaalan yoo ta'u, beekumsa kana fayyadamuun fuula lafaa fi galaana bal'aa keessa imalu turan. Qaroominni durii kan akka Giriikii, Chaayinaa, Baabiloon fi kanneen biroo, Lafti wiirtuu marlaalee guutuu akka taate amanu turan.
=== Baabiloonii ===
Qaroominni jalqabaa beekumsaa fi hubannoo pilaaneetotaa guddifate Baabilonii yoo taatu, Mesopotaamiyaa keessatti argamti. Baabiloon, dhugumatti qaroominni ammayyaa duraa hundi, yeroo dhaloota dura waggoota 2,000 fi 1,000 gidduutti, waa’ee pilaaneetota beekumsa tokko tokko qabu turan. Barreeffamoonni durii naannoo waggoota 700 Kiristoos dura, qaroomina Baabiloon irraa, Veenus (Bakkalcha) dabalatee pilaaneetota hedduu tarreessu. Dabalataanis, barreeffamoonni kun sochii pilaaneetota akka Veenus, Meerkikurii (Bakkallee arreedaa), Maarsii (Goofoo), Juupitaar (Ejabula), fi Saaturn (Bakkalmartii), akkasumas yeroo fi bakka samii keessatti halkan itti mul’atanii fi danda’an galmeessaniiru waggaa guutuu kabajamuu qaba.
=== Hindii ===
Dh.K.D naannoo bara 499tti, ogeessi astronomer Aryabhata Hindii irraa dhufe, lafti siiqqee ishee irratti akka naanneffatu ibseera, kunis naanneffannaa lafaa dhihaa irraa dhufu jedhee ibseera. Akkasumas pilaaneetonni biroo, hundi isaanii wanta guddaa tokkotti kan naanna’an akka jiran amana ture. Haa ta'u malee, bara 1500 Dh.K.D barataan astronomy Nilakantha Somayaji jedhamu foormulaa Aryabhata caalaatti guddisee, lafti naannoo siiqqeewwan giddu galeessaa tokkotti orbiiti dheeraa akka gootu, akkasumas pilaaneetonni akka Merkurii, Veenus, Maarsii, Juupitaarii fi Saaturn hundi isaanii naannoo Aduutti akka naanna'an ibseera .
=== Mootummaa Muslimootaa ===
Jalqaba jaarraa 11ffaa keessa beekumsi fi saayinsiin impaayera Islaamaa hubannoo fi itti fayyadama xiinurjii baayyee tarkaanfachiise. Manneen barnootaa addaa urjiilee qorachuuf of kennan kan turan siʼa taʼu, achitti waaʼee yeroo fi bakka urjiileen itti mulʼatan kan baratan siʼa taʼu, imaltoonni kun imaltoonni doonii irra deemuudhaaf itti fayyadamu turan. Walakkeessa jaarraa 12ffaa keessa ogeessi urjii Ibn Bajjah tuqaawwan dukkanaa’aa lama Aduutti baay’ee dhihoo ta’an kan arge yoo ta’u, boodarra jalqaba jaarraa 13ffaa keessa saayintistii Qotb al-Din Shiraziin pilaaneetota Meerkikurii fi Veenus akka ta’an hiikameera jedhameera. Kunis beekumsa ol’aanaa Muslimoonni yeroo sanaa waa’ee astronomy fi akkaataa itti fayyadaman qaban agarsiisa.
== Biiftuu ==
[[File:Sun_poster.svg|thumb|290x290px]]
Biiftuun qaamolee sirna biiftuu keessaa bu’a qabeessa kan taateedha. Sababni isaatiis hoo’aafi ifa waan kennituufi. Osoo biiftuun hinjiraanne ta’ee, lafti baay’ee waan qabbanooftuuf lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hindanda’anture. Biiftuun Sirna biiftuu keessaa qaama baay’ee guddoodha. Kunis 99.86% taati. Biiftuun urjiilee jiran keessaalafatti baay’ee dhiyaattee kan argamtuufi lafa irraa fageenya 150,000,000 Kiiloo meetira ta’u irratti argamti.Urjiin fageenya lafa irraa sadarkaa lammaaffaatti argamtu Alfaaseencharii jedhamti. Caarallaan ifa aduu irraa ka’eelafa gahuuf hamma 8 daqiiqaa ta’u itti fudhata. Biiftuun qaama gara alaa ishiitiin hoo’a hamma 6000ºc kanmaddisiiftu yoo ta’u qaama ishii gara keessaatiin immoo hamma 13,000ºc maddisiisti. Waytii halkanii urjiileen baay’een nimul’atu garuu, guyyaa guyyaa hinmuldhatan. Kunis kan ta’eef urjilee biroo irra biiftuun lafattidhiyaattee argamuu ishii irraa kan ka’e ifti maddisiistu kan urjilee biroo caalaa muldhata. Wahiyyoo 70 ol aduukeessatti argama. Isaan keessaa haayidiroojiinii 72%fi hiiliyeemiin 26% yoo ta’u, handhuurri aduu keessatti immoohiiliyeemiin 38% ta’a. akkuma nuti aduurra naannofnu aduun keenyas sirna aduu qabattee si’a tokko waggaamiiliyoona 250 ta’uun gaalaaksii keenya miilkiweeyii irra naannofti! Baqqaana aduu kan ta’an inni gubbaa gonfee(corona)jedhama. As biratti dhukkubicha gonfee sana miti kuni sana duras kan itti mogga’ee turedha. Baqqaannikun garmalee kan hoo’uufi yeroo '''Gaadiddeessuu Aduu (solar eclipse)''' kan muldhatudha. Inni biraa immoo'''“chromosphere” ykn kiroomoosfeerii''' yommuu ta’u garmalee haphii kan ta’eefi innis yeroo Gaadiddeessuu Aduukan muldhatudha. Gaadiddeessuu Aduu jechuun yeroo addeessi keenya gidduu aduufi lafaa ooltudha; biyyakeenyatti waxabajjii 14 bara darbe kan mudate ni yaadanna jedheen amana. Inni biraas kan “photosphere” ykn naaniftina jedhamu isa garjalatti argamuufi Qaama aduu isa ija keenyaan arginu sanadha.
Handhuura aduu keessatti walnyaatiinsa wiirbuxusaa (nuclear reaction) ni geggeefama; innis handhuura (core)ishee keessatti haayidiroojiinii gara hiiliyeemii yeroo jijjiirtu (maktoo gaggeessitu) hangi isaanii gara anniisaa(energy) yommuu deebi’u (foormullaa E=MC2 fayyadamuun, waa’ee foormullaa kana pdf ani qopheesse kanabeektuu jedhu irratti ni argattu) suudifa (photon) uumama. Footooniin immoo suudoowwan (particle) xixiqqaa kanifti irraa hojjatame waan ta’eef isaan kun immoo ifti akka uumamu godhu. Sana boodafootooniin kun handhuura (core) keessatti uumamte gara dirraa (surface) aduu kan“radiation zone” ykn Godina madanaa jedhamu bira gahuuf waggaa miiliyoona 1 yommuuitti fudhatu sana booda lafa dhaqqabuuf daqiiqaa 8 qofa itti fudhata. Kanaafuu, yeroo ifaaduu irraa dhufu argitan kan waggaa miiliyoona 1fi daqiiqaa 8 laakkofsiisa.Baqaanoota BiiftuuBaqqaanoota biiftuu kanneen jedhamangonfee, naannaduu, fi naaniftini baqqaana alaa biiftuu yoo ta’aan handuura, godina madanaa fi godina naannee o'aa immoo baqqaana kessooti.
=== Hadhuura Biiftuu (The Sun's Core) ===
Anniisaa karaa walnyaatinsa teermooniyuukilaaraa kan uumamu yoo ta'u, kunisho'a garmalee gadi fageenyaan wiirtuu Aduu keessatti uuma.Godina madana - Anniisaa suuta gara alaatti kan socho'u yoo ta'u, baqqannii Aduu kana keessaa balaqqeessa'uufwaggoota 170,000 ol fudhata.
=== Godina naannee o'aa (Convection Zone) ===
Anniisaa karaa yaa’insa huffisoo(koonveestionii) gaasii ho’aa fiqabbanaa’een gara gubbaatti socho’uu itti fufa.
=== Kiroomosfiiraa ykn nannaduu ===
Baqqaana Aduu haphii ta'e kun sarara dirree maagneetii pilaasmaa aduuelektirikiidhaan chaarjii qabu to'atuun bocame. Darbee darbee amala pilaasmaa gurguddoon, kanneen calanqee biiftuu (prominences) jedhaman, uumuu fi fagoo gara gonfee baay’ee dadhaboo fi ho’aa ta’etti babal’atu, yerootokko tokko meeshaa Aduu irraa fagaatu.
=== Gonfee ===
Wahiyyoowwan ayoonisaayizeeshinii gonfee (ykn hawaa aduu) keessa jiran raajii(x-ray) fi dheerina dalgee dhilgeerraa(Ultraviolet) garmalee keessatti ni ibsu. Meeshaaleen NASA footosfiirri dheerina dalgee kana keessattibaayyee dukkanaa'aa waan ta'eef anniisaa ol'aanaa kanaan gonfee Aduu suuraa kaasuu danda'u.
=== Yaa'a koroonawaa ===
Pilaasmaan gonfee gara alaatti yaa'u sarara dirree maagneetiitiin gara bifa tapered coronalstreamers jedhamutti kan bocame yoo ta'u, isaanis maayilii miliyoonaan lakkaa'aman gara hawaatti babal'atu.
== Bakkallee ==
Jechi pilaaneetii jedhu ‘jooraa’ jechuudha. Sababni isaas pilaaneetonni samii halkanii keessa tarree malee waan naanna’an fakkaatu. Urjiileen kun bahaa gara dhihaattis samii qaxxaamuranii kan socho’an yoo ta’u, walii isaanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu garuu dhaabbataa ta’anii mul’atu. Pilaaneetonni ammoo urjiilee dhaabbataa ta’an waliin walqabatee kallattii duubatti deebi’aa fi gara fuulduraatti waan socho’an fakkaatu. Kanaafidha jooraa jedhaman. Jeechi afaan oromoo bakkallee jedhu jecha bakkalcha jedhurraa kan dhufee yoo ta'u hiikkan isaa pilaaneetii veenasii jechuudha. Afaan ormoo keessatti jecha bakkalleen alatti jecha '''fakkardii''' jedhuunis ni jira. Qaama xiinurjaawaa urjii ykn haftee urjii tokkotti naanna'ufi ulfaatina harkisa ofii isaatiin naanneffamuu danda'u, yoo ta'u garuu xamma'insaa hoo'ina nuklaraa fiduuf ulfaatina gahaa hin qabnee, fi naannoo isaa dhiyoo pilaaneetota xixiqqoo qulqulleesse.
Hiikkaan Bakkallee seera qabeessaan yeroo jalqabaaf Hagayya,2006 Gamtaa Astiroonoomii Addunyaatiin kenname. Hiikkaa kanaan Piluutoon Bakkallee salgaffaa ta’uunsaa hafe. Bakkalleen qaama:
1) Biiftuutti naanna’u,
2) Hanga gahaa giraavitii mataa isaatiin marfame qabu, fi[[image:Terrestrial_planet_sizes2.jpg| Bakkallee kattaa'oo|right|thumb]]3) Daangaa wantoota xixiqqoonaannoo isaa ifa kan godhe.
Wantootni ulaagaa 1) fi 2) guutan garuu 3) hin guunne,kanneen akka Piluutoo yookaan Siiresii, pilaanetoota jaagee ykn cuggee jedhamu.
== Bakkallee cuggee ==
yeroo ammaatti Bakkallee xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Bungulkattaa) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko Bakkalleexixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;
• Aduurra naanna’uu qabu,
• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,
• Jeema mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi
• Addeessota kan hin ta’iniidha.
'''Seerees'''
Diyaameetiriin (dheerinni mudhii) ishee 950km.Teempireecharri dirra seerees -105o C
Pilaaneetii diwaarfii aduutti hiiqxee argamtuudha.
• Addeessa hin qabdu.
• Altokko aduurra naanna’uuf waggoota 4.6 itti fudhata.
• Bakkallee xixiqqaa yeroo jalqabaaf Doonii hawaa keessa adeemuun daawwatamteedha. • Seerees sakondii tokkotti hanga ishee keessaa 6kg sababa hurkaatiin dhabdi. • Hanga sabbata astirooyidii keessaa tokko sadaffaa gumaachiti
== Dabalataaf: ==
{| class="wikitable" style="font-weight: margin-left: auto; margin-right: auto; text-align: center;"
|+ Qaamoolee Sirna Biiftuu keessatti argaman
|- style="background: black;"
| [[File:Our Sun.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Jupiter by Cassini-Huygens.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Saturn during Equinox.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Uranus2.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Neptune Voyager2 color calibrated.png|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:The Earth seen from Apollo 17.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Venus-real.jpg|frameless|upright=0.5]]
|-
| Biiftuu<br /><small>(Urjii)</small>
| [[Juupitaar|Ejabula]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| [[Lafqubeellaa|Bakkalmartii]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| [[Yuuraanis|Falaqoo]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| [[Neeptuuniin|Dotila]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| [[Lafa|Dachee]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| [[Bakkalcha]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
|- style="background: black;"
| [[File:Mars Hubble.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Ganymede g1 true 2.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Two Halves of Titan.png|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Mercury in color - Prockter07-edit1.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Callisto.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Io highest resolution true color.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:FullMoon2010.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
|-
| [[Maarsii|Goofoo]]<br /><small>(bakkallelee)</small>
| Ganymede<br /><small>(Addeessa Ejabula)</small>
| Titan<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Dusaa<br /><small>(bakkallelee)</small>
| Callisto<br /><small>(dayax Ejabula)</small>
| Io<br /><small>(Addeessa Ejabula)</small>
| Ji'a<br /><small>(Addeessa Lafaa)</small>
|- style="background: black;"
| [[File:Europa-moon.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Triton moon mosaic Voyager 2 (large) - non-edit version.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Titania (moon) color cropped.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:PIA07763 Rhea full globe5.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Voyager 2 picture of Oberon.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Iapetus as seen by the Cassini probe - 20071008.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:PIA00040_Umbrielx2.47.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
|-
| Europa<br /><small>(Addeessa Ejabula)</small>
| Triton<br /><small>(Addeessa Dotila)</small>
| Titania<br /><small>(Addeessa Uraano)</small>
| Rhea<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Oberon<br /><small>(Addeessa Falaqoo)</small>
| Iapetus<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Umbriel<br /><small>(Addeessa Falaqoo)</small>
|- style="background: black;"
|
| [[File:Dione (Mond) (30823363).jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Inset-sat tethys-large.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
|
| [[File:Vesta_full_mosaic.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Enceladus from Voyager.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:PIA18185 Miranda's Icy Face.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
|-
| Ariel<br /><small>(Addeessa Falaqoo)</small>
| Dione<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Tethys<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Ceres<br /><small>(bakkallelee jaagee)</small>
| Vesta<br /><small>(Bungulkattaa)</small>
| Enceladus<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| Miranda<br /><small>(Addeessa Falaqoo)</small>
|- style="background: black;"
| [[File:Proteus Voyager 2 croped.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Mimas moon.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Hyperion in natural colours.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Phoebe cassini.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:PIA12714 Janus crop.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:PIA09813 Epimetheus S. polar region.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
| [[File:Prometheus 12-26-09a.jpg|center|frameless|upright=0.5]]
|-
| [[Proteus (moon)|Proteus]]<br /><small>(Addeessa Dotila)</small>
| [[Mimas (moon)|Mimas]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| [[Hyperion (moon)|Hyperion]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| [[Phoebe (moon)|Phoebe]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| [[Janus (moon)|Janus]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| [[Epimetheus (moon)|Epimetheus]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
| [[Prometheus (moon)|Prometheus]]<br /><small>(Addeessa Bakkalmartii)</small>
|-
| colspan="7"|
|-
|}
[[Category:Xin-hawaa]]
5tmqltfcscaxpkb2saefvjwjts3x5hs
Talk:Hawaasa Itoopiyaa
1
9963
45674
2026-05-23T20:10:08Z
~2026-30939-21
14049
/* Hawaasa Itiyoophiyaa */ new section
45674
wikitext
text/x-wiki
== Hawaasa Itiyoophiyaa ==
maaliif hawaasni Oromoo miidhama [[Special:Contributions/~2026-30939-21|~2026-30939-21]] ([[User talk:~2026-30939-21|talk]]) 20:10, 23 Caamsaa 2026 (UTC)
8i856ie3hdg6xv9e3sg4k9kjwai3cb9