Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.47.0-wmf.3 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Event Event talk Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa 0 4220 45677 45498 2026-05-25T11:29:48Z ~2026-31230-26 14056 /* */ 45677 wikitext text/x-wiki '''Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa''' waldaa mirga ummata [[Oromoo|Oromoof]] qabsaawuf dhaabbate. Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka [[Maammoo Mazammir]], [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammadaa]] fi Alamuu Qixxeessaa faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota [[Oromoo]] gurguddoo lama kan [[Maccaa]] fi [[Tuulama]] jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta'u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture. == Seenaa == Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa [[Finfinnee]] keessatti [[Gullallee|Gullalleetti]] Amajjii 24, 1963 hundeeffame. Hundeeffamee waggaa tokko booda Caamsaa 1964tii akka waldaa gargaarsaatti akka socho'u mootummaa fiwudaalarraa eeyyama argate. Koloneel [[Alamuu Qixxeessaa]] pirezidaantii waldichaa fi hogganaa boordii, [[Baqqala Nadhii]] itti-aanaa pirezidaantii, koloneel Qadiidaa Gurmeessaa itti-aanaa pirezidaantii lammaffaa fi [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammada]] barreessaa waliigalaaaldaa waldichaa ta'anii filataman. <ref name=":0">Mohammed Hassen. REVIEW ESSAY: GEZETENA GEZOT, MATCHA AND TULAMA SELF-HELP ASSOCIATION, by Olana Zoga, Journal of Oromo Studies, 1997, 4(2), 203-238</ref> Koree seera ittiin-bulmaata waldichaa baasu kan hooggane abbaa seeraa kan ture [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammada]] yoo ta'u maqaa waldaa kanaas Maccaa fi Tuulma akka jedhamu isatu moggaase. Kana malees, odaan asxaa waldichaa akka ta'us [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammadatu]] murteesse. Waldaan kun koree adda addaa torba yoo qabaatu namoota himaammata baasan kudha-sadi'i qaba ture. <ref name=":0" /> Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef: * Mana barnootaa ijaarudhaan Oromiyaa keessatti barnoota baballissuu * Buufata fayyaa ijaarudhaan rakkoo fayyaa Oromiyaa keessa ture furuu * Daandii geejjibaa baasudhaan ummata Oromoo walqunnamsiisuu * Namoota qaama miidhamtootaa fi hojii hin qabne gargaaruu Boodarra garuu hacuuccaa ummata [[Oromoo|Oromoorra]]<nowiki/>gfi waldicharraa'urraan kan ka'e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.aa deeme Walga'iin ummata wajjinii kan jalqabaa [[konyaa Jibaati fi Maccaa]] [[Giincii|magaalaa Giincitti]] geggeeffame. Itti aansunis [[Jaldu (aanaa)|aanaa Jalduu]] keessatti walga'iin walfakkaataan geggeeffame. Achirratt [[Alamuu Qixxeessaa|koloneel Alamuu Qixxeessaa]] lafa hektaara 10,000 hojii misoomatiif akka itti fayyadamu waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi godhe waan isa gammachiisef, koloneel Alamuun, ogeessota waraanaa bebbeekkamoo [[Oromoo]] ta'an miisensa waldichaa akka ta'an affeeruf murteesse. Namoota akkaataa kanaan affeeraman keessaa tokko [[Taaddasaa Birruu|jeneraal Taaddasaa Birruu]] ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi Hayilasillaaseef amanaa kan ta'e Taaddasaan waldaa gosaan hundaa'e keessatti hinhirmaadhu jedhe dide. Hogganaa Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaaleessaa waan tureef, hojii waldichi barnootarratti hojjaturratti garuu gargaaruf waadaa seene. Barnoota baballisuuf cichee hojjachaa kan ture Taaddasaan, gaaf tokko Muummichi Ministeeraa [[Itoophiyaa]] Akliluu Habtawaldi wajjin wayita haasa'an, Akliluun akkas jedheen "baradhaa baradhaa jedchuu guddifteetta. Kuni gariidha, garuu eenyu akka baratuu gargar baaftee beeku qabda. Nuti Oromoo jaarraa tokko duubatti akka hafu goone bulchina. Ummanni Oromoo galaana waan ta'eef yoo barate nu liqimsa" jedheen. Akliluun Taaddasaan [[Oromoo]] akka ta'e hinbeeku ture. Daba sirna fiwudaalaa ummata Oromorratti hojjatu kan baree fi kananis hedduu kan aare Taaddasaan dhaqee Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makame. Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddasaan qabu keessattuu hariiroo cimaa inni Hayilasillaasee wajjin qabu fayyadamee hojii waldichaa gufuu tokko malee baballisuu barbaade. Yeroo gabaabaa kessatti Oromoonni ogummaa adda adda keessa hojjatan hedduun miseensa waldichaa ta'an. <ref name=":0" /> Maccaa fi Tuulamni ummata misoomaf dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti qabuuf, walga'ii gurguddaa ummata wajjin geggeessuu jalqabe. Walga'ii kana kan ispoonserii godhu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya'aa qaban kan akka Kabbadaa Buzunash faatin geggeeffama ture. Kabbadaa Buzunash lafa hektaara 50,000 waldaan kun misoomaaf akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa'ii seenaa qabeessa keessa tokko Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa [[Arsii]] keessaa [[Hajii Roobalee Turee|Hajii Roobalee Tureetin]] qophaa'e yoo ta'u kunis [[Oromoo|Oromoota]] bahaa fi dhihaa, [[Kiristaanummaa|kiristaanaa]] fi [[Islaamaa|islaama]] walitti fiduun tokkumaa [[Oromoo]] mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. [[Hajii Roobalee Turee]] yaa'icharratti yoo dubbatu "burqaan walitti dabalamtee laga taati, ummannis walqabatee biyya ta'a" jedhe. Hajii Roobaleen namoota muraasa waldichaa kan [[Oromoo Tuulamaa|Oromoon]] biyya mataasaa akka qabaatu yaadan keessa isa tokko. Yeroo sana [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootin]] yaa'ii kamiyyuu geggeessun seeran dhorkaa ta'uyyuu yaa'iin Itayyaa kun kan geggeeffame Afaan Oromootin ture. Yaa'icharrattis Oromoonni kiristaanni foon islaamni qale nyaachun, Oromoonni islamnis foon kiristaanni qale nyaachun tokkummaasaanii agarsiisan. Kun kan isaan naasise bulchitoonni [[Amaara|Amaaraa]], waldaa warra [[waaqa]] hinbeekne jechuun maqaa balleessuu jalqaban. Walga'ii wal fakkaatan ittuma fufuun kan geggeeffame yoo ta'u, kan keessa tokko [[Bishooftuu|Bishooftuutti]] Lammaa Guyyaatin (kaapiteenii umna qilleensaa) kan qindeeffame tokko ture. <ref name=":0" /> == Damee Adda Addaa Banuu == Waajirri [[Finfinnee]] dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon [[Oromoo]] [[Arsii]] Hajii Roobalee Turee waajira [[Finfinnee]] dhufanii walga'ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo [[Arsii]] jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan.<ref name=":1">Muhammad Sayid Abdulrahmaan (2015). Seenaafi Qabsoo Oromootaa, maxxansaa 3ffaa</ref> Warri bulchaa kutaa-biyyaa [[Arsii]], waa'ee walga'ii kanaa erga dhaga'anii booda akka hingeggeeffamne waan hinbarbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga'ii kana qindeessan hidhan. Haa ta'u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba'anii jila [[Finfinnee|Finfinneedhaa]] dhufe kana haala hoo'adhaan simatan. Walga'ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame.<ref name=":0" /><ref name=":1" /> Bulchaa [[Arsii]] kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga'ii kanarraa ba'ee gara manaatti deebi'aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga'iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka'u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa'e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka'aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa'e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka'anii 'u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna' jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse.<ref name=":0" /><ref name=":1" /> Damee [[Wallaggaa]] dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana'aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol'aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture. Damee [[Harargee]] akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira [[Sidaamoo]] dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta'u namoonni [[Oromoo]] hin taane kan akka W/Amaanu'eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri [[Jimmaa]] ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri [[Iluu Abbaa Booraa]] Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo [[Adaamaa|Adaamaatti]] hunda'ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri [[Baale|Baalee]] Sheek Huseen [[Muhammad]] (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame<ref name=":0" />.<ref name=":1" /> == Hidhamuusaanii == Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaan kun akka hinsochoone bara 1967 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta'e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi'itti qoodama. Gareen tokkoffaan: [[Taaddasaa Birruu|Jeneraal Taaddasaa Birruu]], [[Maammoo Mazammir|Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammi]]<nowiki/>r, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, [[Hayilamaariyaam Gammadaa]], [[Alamuu Qixxeessaa|Koloneel Alamuu Qixxeessaa]], Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata. Garee lammaffaan ragaa sobaa ta'anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba'an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata. Garee sadaffaan jalqaba mana murtii [[Baale|Baaletiin]] himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa [[Finfinnee|Finfinneetti]] ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimaa faadha. Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, [[Taaddasaa Birruu|Jeneraal Taaddasaa Birruu]] fi [[Maammoo Mazammir|Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir]] adabbii du'aa yoo itti murteessu, [[Alamuu Qixxeessaa|koloneel Alamuu Qixxeessaa,]] Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi'ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan [[Finfinnee]] fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse. [[Hayilamaariyaam Gammadaa]] reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga'uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Ergaa waldichi akka hinsochoone dhorkamee booda, miseensonni muraasni gara [[Somaaliyaa]] deemun mootummaa fiwudaalaa kuffisuuf of ijaaruu jalqaban. Kaan ammoo, kan akka Ejjetaa Fayyisaa, gara [[Sudaan]] deemun damee waldichaa achitti banan. Miseensonni waldichaa kan [[Finfinnee|Finfineetti]] hafan sochii lafa jalaa jalqaban; koree aadaa fi garee waliin qo'annoo adda addaa hundeessan. Gareen kunis barruu ummata dadammaqsu Afaan Oromootin, Amaariffaa fi Ingiliffaan qopheessee rabsaa ture. Barruu '''The Oromos: Voice Against Tyranny''' fi '''[[Kana Beektaa|Kana Beekta]]''' jedhaman hacuucca Oromoo ga'u ibsan maxxansiisun ummata dadammaqsaa turan. Sochii lafa jalaa kana namoota qindeessan keessaa obboleeyyan lamaan waa'ee Oromootif wareegaman [[Guddinaa Tumsaa|luba Guddinaa Tumsaa]] fi [[Baaroo Tumsaa|Baaroo Tumsaati]]. [[Baaroo Tumsaa]] sochii lafa jalaa kana qindeessuu qofa odoo hintaane, hundeeffama [[Adda Bilisummaa Oromoo]] keessattilee shoora guddaa qaba. Yeroo ammaa, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga mootummaan [[ADWUI]] akka hinsochoone dhorkamee miseensoni isaa hidhamanii booda biyya keessatti socho'aa hinjiru. Haa ta'u malee, yeroo ammaa deebi'e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira. == Gumaacha == Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga'ee guddaa ba'e. Namoonni boodarra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan baayyen isaanii miseensota Maccaa fi Tuulmaa kan turan yoo ta'u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuun shoora olaanaa ba'e. == Wabii[[Category:Dhaabbata Oromoo]] == # Merera Gudina. ''Ethiopia: From Autocracy to Revolutionary Democracy, 1960s-2011''. Addis Ababa: [s.n.], 2011. p. 25 # Fessha, Yonatan Tesfaye. ''Ethnic Diversity and Federalism Constitution Making in South Africa and Ethiopia''. Farnham: Ashgate, 2010. p. 173 # http://www.angelfire.com/alt2/gada-koo0/HISTORY.htm; Retrieved September 5, 2014 # [https://web.archive.org/web/20201020034522/https://machatulama.org/ Maccaa fi Tuulama] qbdj5g9muq133jku9ih4cky4bg8ex6r 45678 45677 2026-05-25T11:30:51Z ~2026-31230-26 14056 /* */ 45678 wikitext text/x-wiki '''Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa''' waldaa mirga ummata [[Oromoo|Oromoof]] qabsaawuf dhaabbate. Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka [[Maammoo Mazammir]], [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammadaa]] fi '''Alamuu Qixxeessaa''' faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota [[Oromoo]] gurguddoo lama kan [[Maccaa]] fi [[Tuulama]] jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta'u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture. == Seenaa == Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa [[Finfinnee]] keessatti [[Gullallee|Gullalleetti]] Amajjii 24, 1963 hundeeffame. Hundeeffamee waggaa tokko booda Caamsaa 1964tii akka waldaa gargaarsaatti akka socho'u mootummaa fiwudaalarraa eeyyama argate. Koloneel [[Alamuu Qixxeessaa]] pirezidaantii waldichaa fi hogganaa boordii, [[Baqqala Nadhii]] itti-aanaa pirezidaantii, koloneel Qadiidaa Gurmeessaa itti-aanaa pirezidaantii lammaffaa fi [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammada]] barreessaa waliigalaaaldaa waldichaa ta'anii filataman. <ref name=":0">Mohammed Hassen. REVIEW ESSAY: GEZETENA GEZOT, MATCHA AND TULAMA SELF-HELP ASSOCIATION, by Olana Zoga, Journal of Oromo Studies, 1997, 4(2), 203-238</ref> Koree seera ittiin-bulmaata waldichaa baasu kan hooggane abbaa seeraa kan ture [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammada]] yoo ta'u maqaa waldaa kanaas Maccaa fi Tuulma akka jedhamu isatu moggaase. Kana malees, odaan asxaa waldichaa akka ta'us [[Hayilamaaram Gammadaa|Hayilamaaraam Gammadatu]] murteesse. Waldaan kun koree adda addaa torba yoo qabaatu namoota himaammata baasan kudha-sadi'i qaba ture. <ref name=":0" /> Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef: * Mana barnootaa ijaarudhaan Oromiyaa keessatti barnoota baballissuu * Buufata fayyaa ijaarudhaan rakkoo fayyaa Oromiyaa keessa ture furuu * Daandii geejjibaa baasudhaan ummata Oromoo walqunnamsiisuu * Namoota qaama miidhamtootaa fi hojii hin qabne gargaaruu Boodarra garuu hacuuccaa ummata [[Oromoo|Oromoorra]]<nowiki/>gfi waldicharraa'urraan kan ka'e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.aa deeme Walga'iin ummata wajjinii kan jalqabaa [[konyaa Jibaati fi Maccaa]] [[Giincii|magaalaa Giincitti]] geggeeffame. Itti aansunis [[Jaldu (aanaa)|aanaa Jalduu]] keessatti walga'iin walfakkaataan geggeeffame. Achirratt [[Alamuu Qixxeessaa|koloneel Alamuu Qixxeessaa]] lafa hektaara 10,000 hojii misoomatiif akka itti fayyadamu waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi godhe waan isa gammachiisef, koloneel Alamuun, ogeessota waraanaa bebbeekkamoo [[Oromoo]] ta'an miisensa waldichaa akka ta'an affeeruf murteesse. Namoota akkaataa kanaan affeeraman keessaa tokko [[Taaddasaa Birruu|jeneraal Taaddasaa Birruu]] ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi Hayilasillaaseef amanaa kan ta'e Taaddasaan waldaa gosaan hundaa'e keessatti hinhirmaadhu jedhe dide. Hogganaa Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaaleessaa waan tureef, hojii waldichi barnootarratti hojjaturratti garuu gargaaruf waadaa seene. Barnoota baballisuuf cichee hojjachaa kan ture Taaddasaan, gaaf tokko Muummichi Ministeeraa [[Itoophiyaa]] Akliluu Habtawaldi wajjin wayita haasa'an, Akliluun akkas jedheen "baradhaa baradhaa jedchuu guddifteetta. Kuni gariidha, garuu eenyu akka baratuu gargar baaftee beeku qabda. Nuti Oromoo jaarraa tokko duubatti akka hafu goone bulchina. Ummanni Oromoo galaana waan ta'eef yoo barate nu liqimsa" jedheen. Akliluun Taaddasaan [[Oromoo]] akka ta'e hinbeeku ture. Daba sirna fiwudaalaa ummata Oromorratti hojjatu kan baree fi kananis hedduu kan aare Taaddasaan dhaqee Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makame. Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddasaan qabu keessattuu hariiroo cimaa inni Hayilasillaasee wajjin qabu fayyadamee hojii waldichaa gufuu tokko malee baballisuu barbaade. Yeroo gabaabaa kessatti Oromoonni ogummaa adda adda keessa hojjatan hedduun miseensa waldichaa ta'an. <ref name=":0" /> Maccaa fi Tuulamni ummata misoomaf dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti qabuuf, walga'ii gurguddaa ummata wajjin geggeessuu jalqabe. Walga'ii kana kan ispoonserii godhu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya'aa qaban kan akka Kabbadaa Buzunash faatin geggeeffama ture. Kabbadaa Buzunash lafa hektaara 50,000 waldaan kun misoomaaf akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa'ii seenaa qabeessa keessa tokko Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa [[Arsii]] keessaa [[Hajii Roobalee Turee|Hajii Roobalee Tureetin]] qophaa'e yoo ta'u kunis [[Oromoo|Oromoota]] bahaa fi dhihaa, [[Kiristaanummaa|kiristaanaa]] fi [[Islaamaa|islaama]] walitti fiduun tokkumaa [[Oromoo]] mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. [[Hajii Roobalee Turee]] yaa'icharratti yoo dubbatu "burqaan walitti dabalamtee laga taati, ummannis walqabatee biyya ta'a" jedhe. Hajii Roobaleen namoota muraasa waldichaa kan [[Oromoo Tuulamaa|Oromoon]] biyya mataasaa akka qabaatu yaadan keessa isa tokko. Yeroo sana [[Afaan Oromoo|Afaan Oromootin]] yaa'ii kamiyyuu geggeessun seeran dhorkaa ta'uyyuu yaa'iin Itayyaa kun kan geggeeffame Afaan Oromootin ture. Yaa'icharrattis Oromoonni kiristaanni foon islaamni qale nyaachun, Oromoonni islamnis foon kiristaanni qale nyaachun tokkummaasaanii agarsiisan. Kun kan isaan naasise bulchitoonni [[Amaara|Amaaraa]], waldaa warra [[waaqa]] hinbeekne jechuun maqaa balleessuu jalqaban. Walga'ii wal fakkaatan ittuma fufuun kan geggeeffame yoo ta'u, kan keessa tokko [[Bishooftuu|Bishooftuutti]] Lammaa Guyyaatin (kaapiteenii umna qilleensaa) kan qindeeffame tokko ture. <ref name=":0" /> == Damee Adda Addaa Banuu == Waajirri [[Finfinnee]] dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon [[Oromoo]] [[Arsii]] Hajii Roobalee Turee waajira [[Finfinnee]] dhufanii walga'ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo [[Arsii]] jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan.<ref name=":1">Muhammad Sayid Abdulrahmaan (2015). Seenaafi Qabsoo Oromootaa, maxxansaa 3ffaa</ref> Warri bulchaa kutaa-biyyaa [[Arsii]], waa'ee walga'ii kanaa erga dhaga'anii booda akka hingeggeeffamne waan hinbarbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga'ii kana qindeessan hidhan. Haa ta'u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba'anii jila [[Finfinnee|Finfinneedhaa]] dhufe kana haala hoo'adhaan simatan. Walga'ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame.<ref name=":0" /><ref name=":1" /> Bulchaa [[Arsii]] kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga'ii kanarraa ba'ee gara manaatti deebi'aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga'iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka'u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa'e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka'aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa'e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka'anii 'u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna' jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse.<ref name=":0" /><ref name=":1" /> Damee [[Wallaggaa]] dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana'aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol'aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture. Damee [[Harargee]] akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira [[Sidaamoo]] dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta'u namoonni [[Oromoo]] hin taane kan akka W/Amaanu'eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri [[Jimmaa]] ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri [[Iluu Abbaa Booraa]] Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo [[Adaamaa|Adaamaatti]] hunda'ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri [[Baale|Baalee]] Sheek Huseen [[Muhammad]] (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame<ref name=":0" />.<ref name=":1" /> == Hidhamuusaanii == Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaan kun akka hinsochoone bara 1967 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta'e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi'itti qoodama. Gareen tokkoffaan: [[Taaddasaa Birruu|Jeneraal Taaddasaa Birruu]], [[Maammoo Mazammir|Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammi]]<nowiki/>r, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, [[Hayilamaariyaam Gammadaa]], [[Alamuu Qixxeessaa|Koloneel Alamuu Qixxeessaa]], Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata. Garee lammaffaan ragaa sobaa ta'anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba'an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata. Garee sadaffaan jalqaba mana murtii [[Baale|Baaletiin]] himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa [[Finfinnee|Finfinneetti]] ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimaa faadha. Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, [[Taaddasaa Birruu|Jeneraal Taaddasaa Birruu]] fi [[Maammoo Mazammir|Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir]] adabbii du'aa yoo itti murteessu, [[Alamuu Qixxeessaa|koloneel Alamuu Qixxeessaa,]] Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi'ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan [[Finfinnee]] fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse. [[Hayilamaariyaam Gammadaa]] reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga'uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Ergaa waldichi akka hinsochoone dhorkamee booda, miseensonni muraasni gara [[Somaaliyaa]] deemun mootummaa fiwudaalaa kuffisuuf of ijaaruu jalqaban. Kaan ammoo, kan akka Ejjetaa Fayyisaa, gara [[Sudaan]] deemun damee waldichaa achitti banan. Miseensonni waldichaa kan [[Finfinnee|Finfineetti]] hafan sochii lafa jalaa jalqaban; koree aadaa fi garee waliin qo'annoo adda addaa hundeessan. Gareen kunis barruu ummata dadammaqsu Afaan Oromootin, Amaariffaa fi Ingiliffaan qopheessee rabsaa ture. Barruu '''The Oromos: Voice Against Tyranny''' fi '''[[Kana Beektaa|Kana Beekta]]''' jedhaman hacuucca Oromoo ga'u ibsan maxxansiisun ummata dadammaqsaa turan. Sochii lafa jalaa kana namoota qindeessan keessaa obboleeyyan lamaan waa'ee Oromootif wareegaman [[Guddinaa Tumsaa|luba Guddinaa Tumsaa]] fi [[Baaroo Tumsaa|Baaroo Tumsaati]]. [[Baaroo Tumsaa]] sochii lafa jalaa kana qindeessuu qofa odoo hintaane, hundeeffama [[Adda Bilisummaa Oromoo]] keessattilee shoora guddaa qaba. Yeroo ammaa, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga mootummaan [[ADWUI]] akka hinsochoone dhorkamee miseensoni isaa hidhamanii booda biyya keessatti socho'aa hinjiru. Haa ta'u malee, yeroo ammaa deebi'e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira. == Gumaacha == Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga'ee guddaa ba'e. Namoonni boodarra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan baayyen isaanii miseensota Maccaa fi Tuulmaa kan turan yoo ta'u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuun shoora olaanaa ba'e. == Wabii[[Category:Dhaabbata Oromoo]] == # Merera Gudina. ''Ethiopia: From Autocracy to Revolutionary Democracy, 1960s-2011''. Addis Ababa: [s.n.], 2011. p. 25 # Fessha, Yonatan Tesfaye. ''Ethnic Diversity and Federalism Constitution Making in South Africa and Ethiopia''. Farnham: Ashgate, 2010. p. 173 # http://www.angelfire.com/alt2/gada-koo0/HISTORY.htm; Retrieved September 5, 2014 # [https://web.archive.org/web/20201020034522/https://machatulama.org/ Maccaa fi Tuulama] 1j3a4rel2ys4tcwc6f2dd56t5sv9o1q Wikipedia:Link rot 4 9964 45676 2026-05-24T15:59:17Z ~2026-30991-73 14054 Fuula Harra: ABUNA PHETROS 45676 wikitext text/x-wiki ABUNA PHETROS 1he51j8y3zsnqora0n6wh137x6fjk2v