Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.47.0-wmf.8 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Event Event talk Gindabarat 0 3527 45751 44471 2026-06-25T00:08:50Z InternetArchiveBot 8356 Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead.) #IABot (v2.0.9.5 45751 wikitext text/x-wiki [[File:Shawaa Dhihaa.jpg|thumb|300px|Aanolee Shaggar Dhihaa]] '''Kuttaayee-Liiban/Gindabarat''' aanaa godina [[Shaggar Dhihaa]] keessaa tokko. Aanaan kun kan argamu kaabaa godina kanaatti yoo ta'u karaa kaabaatiin [[Mootummaa Naanoo Amaaraa]] fi godina [[Shaggar Kaabaa]]tiin, karaa kibbaa anaa [[Jaldu (aanaa)|Jalduu]], [[Ambo (aanaa)|Amboo]] fi [[Calliyaan]], karaa dhihaa godina [[Wallagga Bahaa]]tin, karaa bahaa immoo anaa [[Meettaa Roobii]]tiin wal daangessa. Anaan kun baayyinaan laggeeniin marfamtee kan argamtu yoo ta'u kana keessaa karaa kaabaa [[Laga Abbay]]in (Blue Nile) (kan [[Mootummaa Naannoo Amaaraa]]rraa gargar baasu), karaa bahaa [[Laga Mogor]] (kan godina [[Shaggar Kaabaa]] irraa gargar baasu) karaa dhihaammoo [[Laga Gudar]]iin (kan godina [[Wallagga Bahaa]]rraa gargar baasu) marfamti. Magaalaan guddon aanaa kanaa [[Kaachisii]] jedhamti. Aanaan kun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa afur qabdi. Isaanis [[Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gindabarat]], mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Culluxee, fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Gurraa jarjaraa fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qarre Dobbii jedhamu. Aanaan duraan Kuttaayee-Liiban, boodarra immoo Gindabarat jedhame yeroo ammaa bakka lamatti qoodamuun aanaa Gindabarat jedhamuu fi aanaa [[Abuunaa Gindabarat]] jedhamu uumeera. Akka yaadatti namoonni seenaa Gindoo (Kuttaayee liiban) sirriitti beektan karaa Facebook Jennenus Dajanee (Jenenus Dejene) jedhuun na dubbisaa/Na qunnamaa Waan hedduu waliin hojjenna jechuun dhaamsa kooti. Galatoomaa. ==Haala Qilleensaa== Aanaan Kuttaayee-Liiban/Gindabarat haala qilleensa badda-daree fi gammoojjii qabdi.akkasumsa albudawwan dhokatoo gatii guddaa baasan,gaasii uumaamaa,bishaan sogidda'oo,fi holqa uumamaan argaman kan hedduu nama ajaa'ibssiisan qabaachuun beekamti. Lafa aanaa kanaa keeessaa parsentii 40% baddaa-daree yoo ta'u, badda-dareen ol ka'iinsa lafaa meetira 500 amma 2604 ta'u qaba. Lafaa aanaa kanaa keessaa parsentiin 60% gammoojjii wayita ta'u kunis ol ka'insa lafaa meetira 1000 hanga 2500 qaba. Naannoon qilleensa badda-daree qabu gammoojjiirra yoo qorruu, rooba guddaa argata (gammoojjiirra). [https://doi.org/10.3390/agronomy11020372] Lafa aanaa kanaa keessaa parsentii 40% oomishaaf kan oolu yoo ta'u, parentiin 36% kaloo loonitiif oola. 1.3% lafa bosona qabu, 9% mukkeen xixiqqoo kan uwwifame, 8.8% lafa manca'ee fi qonnaaf ooluu hin dandeenye, 2% lafa bishaaniin qabame yoo ta'u kan hafe walitti parsentii 2% ta'a.[https://web.archive.org/web/20210925053335/https://www.umb.no/statisk/noragric/publications/master/2006_teshome_hunduma.pdf] ==Dimoograafii Aanaa Kanaa== Akka lakkoofa ummata bara 2007 godhameetti, baayyinni ummata aanaa kanaa 104,595 yoo ta'u kana keessa 52,726 dhiira, 51,869 immoo dubartoota. Ummanni 11,082 ykn 10.56% magaalaa keessa jiraatan yoo ta'n kan hafan baadiyaa jiraatu. Jiraattonni aanaa kanaa baayyeen amantii [[Pirootestaantii]] kan hordofan yoo ta'u kunis parsentii 55.96% ta'a. Warra hafan keessa parsentii 34.12% [[Ortodoksii]], akkasumas parsentii 9.18% amantii aadaa hordofu. Akka lakkoofsa ummataa bara 1994tti, ummanni aanaa kanaa 147,437 ture; kana keessaa 71,799 dhiira yoo ta'u, 75,638 dubartoota turan. Yeroo sana, namni 4,363 ykn 2.96% magaalaa keessaa jiraatu turan. Lammiiwaan baayyinaan aanaa kana keessa jiraatan [[Oromoo]] (99%), fi [[Amaara]] (2.1%). [[Afaan Oromoo]] aanaa kana keessatti akka afaan baayyinaan dubbatamu (98.36%). ==Haala Jireenya Ummaata isaa== Jireenyii uummata aanaa Kuttaayee-Liiban/Gindabarat baay'inaa jireenya qonnaa irratti kan hundeefame dha. Harki muuraasi hojii daldaalaa irratti kan bobba'anis ni jiru. Haalli jireenya qonnaas kan aadaa irratti hundeefame yoo ta'u waggatti al tokko oomisha argatu. Aanolee Lixa Shaggar. {{Aanolee Shaggar Dhihaa}} [[Category:Aanolee Shawaa Dhihaa]] ==References== * [https://web.archive.org/web/20230824141808/http://www.oromiyaa.com/index.php?view=article&catid=118:wshewa&id=233:gindeberet-woreda-profile&option=com_content&Itemid=466 Gindeberet Woreda's Profile] * [http://en.wikipedia.org/wiki/Ginde_Beret Ginderet, Wikipedia] [[category:Oromiyaa]] qv1bo431t2w3oblhmszocejfmwgttel