Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.47.0-wmf.13
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Meetaamorfoosisii
0
8490
45809
43678
2026-08-04T20:26:58Z
CommonsDelinker
56
Removing [[:c:File:Bjguutuu.png|Bjguutuu.png]], it has been deleted from Commons by [[:c:User:Yann|Yann]] because: per [[:c:COM:NETCOPYVIO|]].
45809
wikitext
text/x-wiki
[[File:Dragonfly_metamorphosis.jpg|thumb|Dirookfooliin dhumaa isaa keessatti, Bocjiirra (metamorphosis) keessa jiru, bifa corqaa (nymph) isaa irraa gara ga'eessaatti jijjiiramuu jalqabe.]]
'''Meetamoorfoosiin ykn Bocjijiirraan''' ykn '''unkajijjiirsiin''' adeemsa baayoloojii bineensi tokko jijjiirama dhalootaa ykn baqaqsuu dabalatee qaamaan guddatu yoo ta’u, jijjiirama mul’ataa fi tasa ta’e caasaa qaama bineensichaa irratti guddina seelii fi addaan baafamuu kan of keessaa qabudha . [[Ibiisota|Ilbiisonni]] tokko tokko, [[Qurxummiilee|qurxummiin]], [[Dagal-hareeyyii|amfibiyaanota]], qolaalqabeeyyii(mollusks), [[qurxumelellaa]](cnidarians), Bocjijirraa keessa darbu, kunis yeroo baayyee jijjiirama madda soorataa ykn amala wajjin kan dhufudha. Bineensonni gosoota Bocjijirraa guutuu (" meetaamoorfoosii Guutuu/ holometaboly "), Bocjijirraa Hanquu (" hemimetaboly "), ykn '''Bocjijirraa maleeyyii''' (" ametaboly ") jedhamanii qoodamuu danda'u.
== Bocjijirraa Guutuu ==
Meetamoorfoosiin ykn bocjijirraan guutuu gosa guddina ilbiisotaa kan hanqaaquu(egg), Jiisaa(larva), ashiilee (pupa), fi ga’eessotaa of keessatti hammate yoo ta’u, isaanis bocaadhaan garaagarummaa guddaa qabu. Marsaan jireenyaa billaachaa, mixii, tafkii, kannissaa, fuutuu ykn dhiyaana ibidda, soonsaa fi boombii fakkeenya jijjiirama guutuuti
Hanqaaquu Jiisaa Ashiilee Ga’eessa
== Bocjijirraa Hanquu ==
Meetamoorfoosiin Hanquun gosa meetaamoorfoosii ilbiisonni hanqaaquu irraa baqaqee booda sadarkaa niimfii(corqaa) hedduu keessa darbudha. Tokkoon tokkoon sadarkaa corqaa xiqqaa ge'essa guddaa fakkaata garuu umurii wajjin xiqqoo guddachaa deema. Sadarkaa corqaa isa dhumaa irratti ilbiisonni sun booda gara bifa ga’eessotaatti jijjiramuu. Marsaan jireenyaa Hawaanissaa, korophissaa, Balballaa, rirmaa, fi injiraani fakkeenya Bocjijirraa Hanquuti
'''Fakkenyaa marsaa jireenya Hawaanissaa'''
Hanqaaquu Niimfii Ga’eessa.
Adeemsi marsaa jireenyaa kun '''meetaamorfoosisii ykn bocjijirraa hanquu''' jedhama. Hanqaaquun gara niimfiitti ykn corqaattii, corqaan immoo gara ga’eessaatti jijjirama. Sanyiin kormaa fi dhalaa qaama dhalaa keessatti wal-fudhachuun fartiilaayizeeshiniin qaama keessaa gaggeeffama. Hanqaaquun gabbattee hanqaaqamte guyyaa muraasa keessatti gara hawwaannisa xiqqaatti jijjiirama. Hawaannisni xiqqaan kun '''niimfii ykn corqaa''' jedhama. corqaan sadarkaa jiisaa hawwaannisaati. Hawwaannisni meetaamorfoosisii hanquu waan gaggeessuf sadarkaa puuppaa ykn ashiilee hin qabu.
[[Category:Bineensotta]]
awr31dr03dba7l2gt8frdd6ksooij6t