Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.47.0-wmf.14 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Event Event talk Mala dubbii 0 5890 45812 42450 2026-08-09T14:53:50Z Famii harun 14411 /* growthexperiments-addlink-summary-summary:2|0|0 */ 45812 wikitext text/x-wiki '''Malli dubbii''' fayyadama afaanii kan karaa haala salphaa ta'een ergaa tokko nama hubachiisani. Malli dubbii akaakuu gara garaa kan qabu yoo ta'u isaanis akkasaa, nameessaa, habalaka, eemiti, arbeessaa, fi iddeessaadha. == 1. Akkasaa == Jechi akkasaa jedhu [[gaalee]] 'akka isaa' jedhurraa dhufe. Tajaajilli akkasaa ergaa barbaadame tokko waan aadaa hawaasichaa keessatti beekamaa ta'e tokko wajjin wal cina qabuun dhiyeessanii akka salphaatti hubatamu dandeessisuudha. Fakkeenya: Tufaan akka booyyeetti nyaata. == 2. Iddeessaa/bakka buusa == Jechi iddeessaa jedhu gaalee 'iddoo isaa' jedhurraa dhufe. Ideessaan mala dubii kan ittiin waan tokko amala waan biraa gonfachiisuun dhiyeessani. Malli dubbii kun karaa dhokataa ta'een wantoota wal dorgomsiisa; akkasaa irraa kan adda isa godhus kanuma. Fakkeenya: Sanyii kootu kanniisaa Maafan argee gadhiisa Sanyii kootu gafarsa Maafan bira dabarsa == 3. Nameessaa == Nameessi lubbu-maleeyyii yookaan lubbu-qabeeyyii biroo amala namaa gonfachiisuudhaan dubbachuudha. Haala kanaan yeroo isaan akka namaatti socho'an agarsiisa. Fakkeenya: Shan elmamus shantamni elmamus koo qiraacitti jette adurreen. Duuti ija babaaftee na ilaalte. == 4. Dubbii mul'ataa Eemiti == Jech 'eemiti' jedhu gaalee 'eeyyee fi miti' jedhanirraa uummame. Jechoonni kun lamaan faallaa waliiti. Eemitiinis akka wantoonni faallaa ta'an lama wal faana dubbataman taasisuun beekkama. Fakkeenya: Obbo Gaaddisaan ''kolfaa boo'a''. Guutamaan ''qotaa deega''. "Bishaan dhugaa dheebota" == 5. Habalaka == Habalakni tooftaa ittiin waan tokko karaa faallaa isaatin ibsaniidha. Fakkeenyaaf, Nama gabaabaadhaan birbirsoo keenya dhufe. Nama gurraachaan faranjiin keessan deeme. Nama lugnaan goota, jechuun karaa faallatiin waan sana ibsuudha. Fkn Caalaan goota. Caaltuun faranjii fakkaatti. == 6. Arbeessaa == Arbeessuun waan tokko garmalee guddisanii yookaan garmalee xiqqeessanii dhiyeessudha. Kana jechuun, waan tokko guddisanii hanga arbaa, xiqqeessanii hanga huubaa taasisuu jechuudha. Fakkeenya: Inni qallatee lilmoo ta'e. Waaben guutee sinbirri irra hin qaxxaamurtu. Ililleen qaqaa harcaase. == Wabii == * Addunyaa Barkeessaa (2016). Semmoo: Bu'ura Barnoota Afaannii fi [[Afoola]] [[Oromoo]], maxxansaa 3ffaa, Finfinnee [[Category:Afaan Oromoo]] ndnvali2meuql69sw3fvfjv05o6zmo4