Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.47.0-wmf.18 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Event Event talk Antiraaksii 0 4216 45851 41569 2026-09-08T00:07:05Z InternetArchiveBot 8356 Rescuing 0 sources and tagging 1 as dead.) #IABot (v2.0.9.5 45851 wikitext text/x-wiki [[File:Bacillus anthracis Gram.jpg|thumb|Baasiles Antiraasisii]] '''Antiraaksiin''' dhibee hamaa yoo ta'u kan inni dhufus baakteeriyaa [[Baasiles Antiraasis]] (''Bacillus anthracis'') jedhamuuni. Gosti dhibee kanaa baayyen isaa kan nama ajjeesu yoo ta'u dhibeen kun bineesotaa fi nama qaba. Yeroo ammaa dhukkuba kanaaf talaalliin kan jiru yoo ta'u erga dhibeen isaa nama qabeeyis antiibaayootiiksiidhaan yaalun gosa dhibee kanaa muraasarratti amma tokko ni hojjata. Akkuma miseensota jenasii Baasiles, [[Baasiles Antiraasis|Baasiles Antiraasisiin]] indoospoorii(gabaabumatti ispooriis ni jedhama) mugaa yoo uumuu kunis haala qilleensaa hamaa keessa waggaa kudhanii hanga jaarraa tokkoo jiraachuu danda'a. Ispooriiwwan kun ardii addunyaa hundumarratti argamu, Antaarkitiikaa dabalatee. Ispooriiwwan kun yeroo qillensa wajjiniin ykn nyaata wajjiniin qaama keessa seenan ykn madaa qaamaa irra yoo qubatan, battalumatti mugaatii isaanii keessaa dammaquun saffisaan wal horuu jalqabu. Antiraaksiin baayyinaan bineensota biqiltuu nyaatan kan manaa fi kan bosonaa qaba; kunis yeroo marga dheedan ykn yeroo afuura baafatan ispoorii kana yeroo liqimsani. Irra caalaa dhiibeen bineensota biqiltuu nyaatan kan qabu nyaata wajjin liqimsuuni. Bineensonni foon nyaatan ammoo irra caalaa bineensota dhibee kanaan qabaman nyaachudhaan qabamu. Bineensonni dhibee kanaan qabaman dhukkuba kana namatti dabarsuu danda'u; kunis foon bineensa dhukkubsatee kanaa nyaachun ykn qaaman wal-tuquun (fkn dhiigni faallame yoo madaa tuqe) ta'uu danda'a. Antiraaksiin qajeeltodhumaan dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti hin darbu; karaa ispoorii qofa namatti darba. Ispooriiwwan kun uffataa fi qopheedhan iddoo tokkoo gara biraatti geeffamuu danda'a. Reeffi bineensota dhibee kanaan du'anii madda ispoorii ta'uu danda'a. Jabina ispooriwwan kun qabaanii fi oomishuun salphaa waan ta'eef, akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuuf baayyee mijataa dha. Antraaksii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun kun yoo xiqqaate biyyoota shaaniin hojjatameera: [[Yunaayitid Kingidem]], [[Jaappaan]], [[USA]], [[Raashiyaa]] fi [[Iraaq]]. Akkasumas biyyoota biraa baayyedhaan yaallame. Hanga jaarraa 20ffatti wagga waggaadhan adunyaarratti antiraaksiin namoota fi bineensota hanga kuma dhibba tokkoo ol ajjeesse. Saayintistiin [[Firaansi]] [[Luuwii Paaster]] talaallii antiraaksii bara 1881tti yeroo jalqabaatif hojjate. Jaarraa tokkoo oliif talaalli bineensotaa, bobbaa bineensotaa qulleessuu, fi sagantaa antiraaksii balleessuu kan [[Ameerikaa Kaabaa]], [[Awustireliyaa]], [[Niwuu Ziilaandi]], [[Raashiyaa]], [[Yuurooppi]], fi kutaa [[Afrikaa]] fi [[Eshiyaa]] keessatti geggeeffameen, dhukkubni antiraaksii bineensot manaa irratti mul'atu baayyee xiqqaadha (waggaatti baayyee muraasatu gabaafamea). Antiraaksiin keessumaayyuu saree fi adurree irratti baayyee hin mullatu, fakkeenyaaf bara 2001tti [[USA]] keessatti tokko qofatu galmaa'e. Dhibeen antiraaksii bineensota foon nyaatanii fi raqa qulqulleessan (scavengers) hin qabu; yoma foon bineensa dhibee kanaan qabamee nyaataniyyuu hin qabaman. Dhukkubni kun bineensota daggalaa biratti yeroo yeroodhan deeddeebi'eet ka'a. Dhibeen kun biyyoota mana yaalaa namaa fi kan horii baayye hin qabne keessatti baayyata. Jaarraa 21ffaattillee, antiraaksiin biyyoota hin guddatin keessatti rakkoo guddaa ta'ee argama. Fakkeenyaaf biyya [[Filippiinsi]] keessatti foon bineensa dhibee kanaan du'ee nyaachuun bara 2010tti namoonni 400 ol yoo dhukkubsatan yoo xiqqaate namoonni 2 akka du'an gabaafameera. Ispoorin [[Baasiles Antiraasis]] biyyee keessa jiraata. Yeroo dheeraa jiraachuu waan danda'uuf, ispoorin antiraaksii addunyaa guutuu keessa jira keessaahuu iddoowwan awwaalaa bineensota dhukkuba kanaan du'aniitti argama. Iddoo awwaalaa tuttuqamerraan kan ka'e erga dhukkubsataan du'ee waggaa 70 booda dhibeen kun reeffarraa nama qabu danda'eera. ==Mallattoo Dhibee Kanaa== ===Somba=== Miidhaan sirna argansuu jalqaba waan akka qufaa(utaalloo) fakkaatee guyyaa muraasa kan turu yoo ta'u, itti aansee dhibee [[Nimooniyaa|nimooniyaa(pneumonia)]] fi miidhaa sirna argansuu guddaatu dhufa. Dhibeen kun nama ajjeessuun isaa 92% yoo ta'u, yoo yaaliin akkuma dhibeen kun jalqabeen kennameef garuu gara 45% gadi bu'a. Dhibee antiraaksii [[sombaa]] dhibee sirna argansuu isa kaanirraa dafanii adda baasun dhibeen kun dafee yaalii akka argatu gochuuf waan tajaajiluuf baayyee barbaachisaadha. Malli ittiin kana addaan baasanis kalaqamee jira. Dhibeen kun cimee deemnaan, ammuma fe'eyyuu yoo yaalii argate, carraan nama ajjeesuu isaa 97%. Dhibeen nama qabee kan amma nama ajjeessutti ga'uu yoo ispoorii(spore) naannoo 10,000-20,000 qilleensaan wajjin (yeroo hafuura baafatan) yoo gara qaamaa seene. Akkuma dhibee kaanii, carraan ittiin dhibeen kanaan qabaman nama tokkoorra nama biraatti gargar yoo ta'u, namoonni tokko tokko salphaatti saaxilamu; ragaan barreeffame ta'e kan giddu-galeessatti ispoorii meeqatu nama saaxila jedhu hin jiru. Antiraaksiin argansuun nama qabu kun dhibee warraa wuul footuu ykn warra wayyaa dulloomee gatame funaantuu jedhameet beekkama. Hojiiwwan kun bineensota dhibee kaan qabmaniif waan nama saaxiluuf warri hojii kana hojjatan salphaatti dhibee kanaaf saaxilamu. Hojiiwwan kanaaf nama saaxilan keessaa kan biraa gaanfaa bineensotaa kolbaa hojjachuuf caccabsuu, rifeensaa bineensotaa kan ittiin buruushii hojjatan tuttuquu, fi gogaa bineensotaa ti. Gogaan bineensaa kan dhibee kanaan du'an irraa kan dhufe ta'uu ykn ispooriin ittin godhamee lafa kan kaawwame ta'uun hin beekkamu. Malli kun dhibee kana akka meeshaa baayolojiikaawaa itti fayyadamuuf gargaara. ===Garaachaa fi marrimaan=== Antraaksin [[Garaacha|garaachaa]] fi [[Marrimaan|marrimaanii]] nama kan qabu foon dhibee kanaan qabame nyaachun dhufa; mallattoon isaas dhukkubbii garaachaa fi marrimaanii, dhiiga hoqqisuu, albaatii hamaa, garaa gubaa marrimaanii fi nyaata jibbuu dha. Marrimaan, afaanii fi qoonqoon yeroo baayyee hin madaa'a. Erga baakteeriyaan kun garaa keessa faffaca'ee booda, itti aansun gara dhiigaatti darbee qaama keessa faffaca'a, summiis oomishuu ittuma fufa. Antiraaksin garaachaa fi marrimaanii yaallamuu kan danda'u yoo ta'u yaaliin dafee jalqabuu fi turuu isaarratti hunda'ee, carraa nama ajjeesuu 25%-60% ta'u qaba. Gosti antiraaksi kanaa bayyee xiqqaadha. ===Kan Gogaa=== Antiraaksiin goaa namarratti madaa kan uumu yoo ta'u gidduun madaa kanaa hin gurraacha'a. Gurrachi madaa kanaa baayyee nama hin dhukkubu. Antiraaksiin gogaa kan inni ummamu bakka ispoorin itti gogaa namaa keessa seenetti yoo ta'u kunis erga seenee guyyaa 2 hanga 5tti jalqaba. Akka madaa kaanii odoo hin ta'in, madaan antiraaksii gogaa nama hin dhukkubu. Antiraaksiin gogaa kan uummamu erga ispoorin [[Baasiles Antiraasis]](''Bacillus anthracis'') gogaa namaa kessaa karaa madaatin seenee booda. Gosti antiraaksii kun baayyinaan kan nama qabu yoo bineensota dhibee kanaan qabame/du'e tuqanii. Antiraaksiin goaa yoo yaalii argate yeroo baayyee nama hin ajjeesu, sababiinsaas miidhaan isaa gogaa irratti kan murtaa'e waan ta'eefi. Kunimmoo dhibeen kun qaama keessoo akka hin miine godha. Yoo yaalii argachuu baate, carraan nama ajjeesuu isaa 20% ta'a. ==Ka'umsa== ===Baakteeriyaa=== [[File:Anthrax color enhanced micrograph.JPG|thumb|Color-enhanced [[Scanning electron microscope|scanning electron micrograph]] shows [[spleen|splenic tissue]] from a [[monkey]] with inhalational anthrax; featured are rod-shaped [[bacilli]] (yellow) and an [[red blood cell|erythrocyte]] (red).]] [[File:Gram Stain Anthrax.jpg|thumb|Gram-positive anthrax bacteria (purple rods) in [[cerebrospinal fluid]] sample. If present, a Gram-negative bacterial species would appear pink. (The other cells are [[white blood cell]]s).]] Baasiles Antiraasisiin bifa ulee fakkaatu kan qabu baakteeriyaa eroobiikii (aerobic bacterium) ti; guddinii isaa naannoo maayikiroomeetirii 1 amma 9 ta'a. Baakteeriyaan kun dhibee akka inni fidu kan beekkame bara 1876 Rooberti Kookin ture. Rooberti Kook kana kan argate dhiiga sa'a dhibee kanaan qabamtee fudhatee, baakteeriyaa kana erga adda baasee booda hantuuta keessa kaa'e. Baakteeriyaan kun akka indoospooritti biyyee keessa taa'a, haala kanaan waggaa kurna baayyee turuu danda'a. Bineensonni biqiltuu nyaatan, yeroo marga dheedan ykn baala nyaatan qabamu, keessaahuu yeroo biqiltoota jabaataa, kan gubuu, fi qara qabu yeroo dheedan: sababiinsaas biqiltoonni akkasii madaa garaachaa fi/ykn marrimaanii uumuu waan danda'aniif, baakteeriyaan kun salphaatti karaa madaa kana tishuu keessa seenuu danda'a. Erga liqimfamee ykn madaarra bu'ee booda, baakteeriyaan kun saaxilamaa kana keessatti wal horuu jalqaba, dhukkubsataa qabame sanas guyyoota ykn torban muraasa keessatti ajjeesa. Insoospooronni bakka itti tishuu keessa seenan sanatti biqiluun sana booda karaa dhiigatiin gara liimfatiiksiitti faffaca'u, achittis wal horu. [[Baakteeriyaa|Baakteeriyaan]] kun summii lama kan eksoo-tooksiin(exo-toxins) jedhamuu fi leetaal tooksiin (''lethal toxin'') jedhaman kan oomishuu yoo ta'u kan nama ajjeessuus summii kana. Doktoroonni du'a dhibee kanaan dhufe adda baasuf tokkoffaa tasa kan dhufe ta'uusaa, fi lammaffaa ammoo dhiiga gurraacha hin itinne kan qaama keessaa karaa uraa adda addaa yaa'un tilmaamuu danda'u. Erga dhukkubsataan du'ee booda, yeroo daqiiqaa muraasa hanga sa'a gabaabaa keessatti, baakteeriyaan antiraaksii baakteeriyaan an'eroobiikiin moo'amuudhaan ni balleessa. Haa ta'u malee, baakteeriyaan antiraaksii kan dhiiga wajiin qaama keessaa ba'e ispoorii jabaataa uumuu danda'a. Baakteeriyaan tokkoo ispoorii tokko uuma. Maaltuu baakteeriyaa antiraaksii ispoorii akka uumu akka godhu amma ammaatti wanti beekkame hin jiru, garuu ooksijiinitti saaxilamuunii fi nyaata dhabuun shoora akka tabatu ni tilmaamama. Ispooriin, tokkicha uummamnaan balleessuuf baayyee ulfaataadha. Bineeldonni biqiltuu nyaatan (yeroo tokko tokko namoonnis) dhibee kanaan karaa argansuun kan qabaman akka kanatti: ispooronni qilleensa wajjin erga liqimfanii booda, qilleensaan hooffamuudhaan sombaa keessa alviyoolaa seenuu. Ispooronni somba keessaa seelota qulleessituun (scavenger cells - macrophages) fuudhamuudhaan karaa veeseloota xixiqqoo (small vessels - lymphatics) keessa hooffamudhaan gara liimfi noodii (lymph nodes) geeffamu. Miidhaan ispooronnii fi baasiilaayi qomarraan ga'u mallattoon dhibee qomma keenyarratti akka nutti dhaga'amu fi hafuura baafachuun akka ulfaatu godha. Erga liimfi noodii seenanii booda, ispooronni biqiluudhan gara [[baakteeriyaa|baakteeriyaatti]] jijjiiramu, achiis saffisaan wal horuu jalqabu. Wal hormaata kanaan seelota qulleessituu dhoosuun [[baakteeriyaa]] baayyeen [[dhiiga]] keessa seenee gara qaama hundaatti akka faffaca'u godhu. Erga [[dhiiga]] keessa seenaanii booda, [[baakteeriyaa|baakteeriyoonni]] baasilaayi kun pirootiinota sadi'i kan letha factor, edema factor, fi protective antigen jedhaman gadi lakkisa. Pirootiinonni sadanuu mataa isaanitti summii kan hin qabne yoo ta'u, walitti makamni isaanii garuu namaaf summii hamaa ta'a. Protective antigenin warreen lamaan hafan wajjin walitti makamuun summii lethal toxin fi edema toxin jedhamu uuma. [[Summii|Summiwwan]] kun miidhaa tishuu, dhangala'uu dhiigaa, fi du'a fidu. Yoo [[Antiibaayotiiksii|antiibaayotiiksiin]] turee kennameef, antiibaayotiiksiin baakteeriyaa kana yoo ajjeesee fixeyyuu, [[summii]] kanaan dhukubsataan sun ni du'a. Sababiinsaas summiin [[baakteeriyaa]] baasilaayiin uummame kun baayyina nama ajjeesuu danda'uun [[dhiiga]] keessatti waan hafuufi. Ammeenyi dhibee antiraaksii amala [[baakteeriyaa]] kanaa lamarratti hunda'aa: (i) [[polyglutamic acid|poly-D-glutamic acid capsule]], kan baakteeriya kana faagoosaayitoosisii(phagocytosis) neutrophils dhukkubsataa irraa dhowwu, fi (ii) tripartite protein toxin, kan summii antiraaksii (anthrax toxin) jedhamu dha. Summiin antiraaksii makaa [[Pirootiinii|pirootiinota]] sadi'iitti: (i) protective [[antigen]] (PA), (ii) [[edema]] factor (EF), fi (iii) lethal factor (LF). PA fi LFn lethal toxin uumu, PA fi EF ammoo edema toxin uumu. Summiin lethal toxin du'aa yoo fidu, edema toxin ammoo dhiita'a tishuu/qaamaa fida. [[Seelii|Seeloota]] keessa seenuuf, endema fi lethal factor [[pirootiinii]] biraa kan baasiles antiraasis oomishu kan protective antigen jedhamutti fayyadamu. Protective antigen qabduu seelotaarratti argamu gosa lamatti of maxxansu. Inzaayiimii seelotaa kan pirooti'eez jedhamu PA bakka lamatti cabsa: PA<sub>20</sub> fi PA<sub>63</sub> tti. PA<sub>20</sub>n marsaa summeessuu keessaa bahee waan seelota ala turutti jijjiiraama. PA<sub>63</sub>n garuu sana booda caccabaa PA<sub>63</sub> kan biraa ja'a wajjin oligomerize gochuun prepore uuma; kunis bifa geengoo qaba. Erga bifa kana erga godhatee booda, EF ykn LF sadi'i wajjin walitti qabachuun resistant complex uuma. Itti aanuun karaa rissepteroota seelootaatin endocytosis geggeeffama, karaa kanaan summiin kun seelota keessa seenuun keessoo seelotaa argata. Naannoon asidaawaa kan endosome keessaa kun heptamer akka LF ykn/fi EF cystosolitti gadi lakkisu godha. Akkamitti akka summiin kun seelota ajjeesu garuu sirriitti hin beekkamu. ===Saaxilamuu=== Namoonni baayyeen dhibee kanatti karaa ittiin saaxilaman keessaa inni guddaan iddoo hojiitti bineeldota dhukkubstan ykn bu'aa bineeldota dhukkubsatanii (gogaa, foon, fi rifeensa(wool)) tti saxilamuudhaani. Hojjattoonni bineeldota du'anii fi bu'aa bineeldotaa kanaaf saaxilaman balaa dhibee kanaa guddaa keessa seenu, keessahuu biyyoota dhibeen kun baayyatu keessatti. Horiin yeroo goodatti bayee marga dheedu, bineensota daggalaa wajjin walitti makamuu waan danda'aniif, dhibeen antiraaksii darbee darbee karaa kana ni dhufa. Hojjattoonni baayyeen rifeensa uffata ta'urra (wool) fi gogaarra hojjatan ispoorii antiraaksii xiqqoodhaaf ni saaxilamu, garuu saaxilamni akkasii kun baayyensaa dhibee antiraaksii fiduuf ga'aa miti. Ittisni qaamaa saaxilama xixiqqaa akkasii kana ofirraa dhowwuu danda'a jedhamee yaaddama. Namoonni kun yeroo qabaman gosa dhibee kanaa kan antiraaksii gogaa jedhamuun qabamu. Seena dheeraa keessatti, antiraaksiin qilleensa wajjin seenu inni hamaan Woolsorters' disease jedhama, sababni isaas iddoo hojiitti namoota wool foo'an waan qabuufi. Yeroo amma, dhibeen karaa kana dhufu bineensonni dhibee kanaan qabaman waan hin jirreef baayyee xiqqaadha. Fakkeenyaaf, biyya [[USA]] keessatti dhibeen karaa kanaan nama qabe, yeroo dhumaaf bara 1976 yoo ta'u, kunis wool biyya Paakistaanii dhuferraa kan aka'e ture. ==Ittisuu== ===Talaallii=== Talaalliin antiraaksii kan loonii fi namootaaf kennamu seenaa qorichaa keessatti iddoo guddaa qaba, argannoo [[Luuwii Paaster]] horiirratti godhe kan jaarraa 19ffaadhaa hanga oomisha ammayyaa (Bio Thrax) jaarraa 20ffaa keessa loltoota [[USA|Ameerikaa]] waraanaa baayoloojikaawaarraa dhowwuuf ooletti dabalatee. Talaalliin antiraaksii kan namootaa [[Tokkummaa Sooviyeet]] keessatti bara 1930n keessa yoo hojjatamu, [[USA]] fi [[UK]] keessatti ammoo bara 1950n keessa hojjatame. Kan yeroo ammaa TNQ(FDA) USAn fudhatame fayyadamaa jirru bara 1960n keessa oomishame. Yeroo ammaa, talaalliin antiraaksii kan namaa gosa acellular([[USA]]) fi live spore([[Raashiyaa]]) kennama. Talaalliin amma kennaman hundi mallattoo murtaawaa fi waliigalaa dhibee (madaa, qaamni hoo'uu, gogaan qaamaa diimachuu) agarsiisa; namoota naannoo 1% ta'an ammoo miidhaa jabaan irra ga'uu danda'aa. ==Yaaluu== Antiraaksin namarraa namatti qajeeltodhaan hin darbu, garuu uffannii fi qaamni namaa ispoorii antiraaksin faallamuu danda'a. Faallama kana balleessuuf, saamunaa farra jarmii fi bishaanin sirriitti miccuu barbaachisa. Bishaan faallame qulqulleessuuf farra jarmiitin yaaluu barbaachisa. Meeshaalee biraa qulqulleessuuf, meeshaa sana daqiiqaa 30 ol danfisuu/affeeluu barbaachisa. Kilooriniin yaalun ispoorii balleessurratti bayyee bu'aa kan hin qabne yoo ta'u formaldehyden fayyadamuun garuu bu'aa qaba. Uffata faallame gubuunis mala biraa ittin ispoorota balleessani. Erga ispoorin mala kanaan balleessinee booda, nama dhibee kana qabu namoota biraarraa adda qooduun barbaachisaa miti. ===Antiibaayotiiksii=== [[Antiibayotiiksii|Antiibayotiiksiidhaan]] dafanii yaaluun baayyee murteessaa dha - yaaliin yoo turee jalqabe carraa fayyisuu isaa baayyee xiqqeessa. Yaaliin dhibee antiraaksii fi dhibee baakteeriyaan dhufan kan biraa antiibayotiiksii akka [[fluoroquinolone]]s (like [[ciprofloxacin]]), [[doxycycline]], [[erythromycin]], [[vancomycin]], or [[penicillin]] doozii baayyee liqimsuu fi waraannachuu barbaada. TNQ kan mirkaneeffaman ciprofloxacin, doxycycline, fi penicillin dabalata. Antiraaksi qilleensa wajjin somba seenuuf, dafanii antiibayotiiksii prophylaxis yaalun du'aa oolchuuf baayyee murteessaa dha. Caamsaa 2009tti, Human Genome Sciences eeyyama [[Biologic License Application]] qorichaasaa haaradhaaf galchate, qorichi kun [[raxibacumab]] kan jedhamu yoo ta'u antiraaksii qilleensa wajjin seenuf yaaluuf tajaajila. Yoo dhukkubsataan antiraaksiin du'e, reeffa sana kobaatti adda baasanii kaa'un jarmiin antiraaksii akka hin baballanne dhowwa. Reeffa awwaaluun ispoorii antiraaksii hin ajjeesu. Waggaa as dhihoo keessa, qoricha antiraaksii haaraa oomishuuf yaaliin adda addaa godhaama jira, garuu qorich duraan jiruyyuu yoo yaaliin yeroodhaan kennamuu jalqabe dhibee kanarraa ni fayyisa. ===Monoclonal antibodies=== Mudde 14, 2012tti, TNQ [[USA]] raxibacumab antiraaksii qilleensaan seenuu yaaluu akka limmoodhaan kennamu eeyyame. Raxibacumab antiibodii monoclonial kan summii Baasiles Antiraasisiin uummamu sana halaksiisa. Summiin kun tishuurratti miidhama hin fayyinee fi du'a fida. Antiibodii monoclonial kun [[pirootiinii]] antiibodii namaa fakkaatu yoo ta'u qaamota alaa nama keessa seenan kan akka [[baakteeriyaa]] fi [[vaayiresii]] barbaadanii balleessa. ==Seenaa== ===Jechichuma=== Maqaan antiraaksii jedhu kan dhufe jecha [[Giriik]] ''anthrax[''άνθραξ''] ''irraa yoo ta'u jechi kun maqaa 'dhagaa cilee' (coal) ture. Maqaan kun kan kennameefis miidhaa dhibeen kun gogaa qaamarraan ga'uu bifa gurraachaa waan qabuu fi. Dhibeen kun kan qoratamee argame bara 1876 Rooberti Kookin ture. ===Argamargama=== Doktoriin lammii [[Jarmanii]] [[Rooberti Kook]] baakteeriyaa dhibee antiraaksii fidu yeroo jalqabaatiif bara 1875 Wolsztynitti argate. Argannoon isaa kan jaarraa 19ffaa gara dhumaa keessaa kun, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) xixiqqoodhaan akka dhufu hubachiise. Yaalii (experiment) gurguddaa hojjateen, Rooberti Kook marsaa jireenyaa fi mala ittiin antiraaksiin darbu adda baasee argate. Yaaliin isaa kun antiraaksii hubachuuf qofa odoo hin taane, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) akka dhufu hubachiisu keessatti ga'ee guddaa qaba; sana dura dhibeen karaa ittiin dhufu hin beekkamu ture. Kook ittuma fufuudhaan akkataa dhibeewwan biraa ittiin darban qorate. Kanaafis, Badhaasaa Noobelii kan bara 1905 baakteeriyaa tuberkiloosis (dhukkuba somba) fidu waan argateef badhaafame. ===Talaallii Jalqabaa=== Caamsaa 1881tti, [[Luuwii Paaster]] yaalii uummataaf banaa ta'e kan yaadaa talaallii agarsiisu geggeesse. Paaster garee lamaan hoolota 25, re'ee tokko, fi saawwan muraasa qopheesse. Horii garee tokko keessa jiraniif talaalliin Paaster qopheesse garaa garummaa guyyaa kudha shan gidduutti si'a lama kennameef, garee kan lammataatii garuu talaallin wayiituu hin kennamneef. Erga talaalliin jalqabaa kennamee guyyaa soddoma booda, gareen lamaanuu baakteeriyaa antiraaksii lubbuu qabu waraannaman. Horiin garee talaallii hin fudhatin keessa turan hundi yoo dua'an, horiin garee talaallii fudhatan keessa jiran tokkollee hin duune. Talaalliin antiraaksii kan namaa bara 1954 gadi lakkifame. Talaalliin kun kan [[seelii]] hin qabne dha, kan Paaster horiidhaaf fayyadame seelii lubbuu qabu ture. Talaalliin seelii hin qabne irra fooyya'aan bara 1970tti bahe. ==Kanas Ilaali== * Meeshaa ittii antiraaksii qoranii argan * [[Talaallii Antiraaksii]] * [[Summii antiraaksii]] ==Wabii== <references/> ==Liinkii Alaa== {{Commonscat|Anthrax (disease)}} * [https://web.archive.org/web/20061121011722/http://www.bt.cdc.gov/agent/anthrax/index.asp Anthrax], [[Centers for Disease Control and Prevention]] (CDC) * {{CDCDiseaseInfo|anthrax}} * [http://www.epa.gov/nhsrc/pubs.html US EPA National Homeland Security Research Center Publications] * [http://www.cdc.gov/niosh/topics/anthrax/ CDC - Anthrax - NIOSH Workplace Safety and Health Topic] * {{ECDC|anthrax|Anthrax}} * [https://web.archive.org/web/20110715050920/http://www.pasteurbrewing.com/biography/biography/history-louis-pasteur-biography.html Louis Pasteur and the Anthrax Vaccine] * [https://web.archive.org/web/20101125031239/http://www.upmc-biosecurity.org/website/focus/agents_diseases/fact_sheets/anthrax.html Agent Fact Sheet: Anthrax], [[Center for Biosecurity]] * {{cite web|title=Anthrax |work=CDC Division of Bacterial and Mycotic Diseases |url=http://www.cdc.gov/nczved/dfbmd/disease_listing/anthrax_gi.html |accessdate=17 June 2005 }} * [https://web.archive.org/web/20080801165512/http://www.logicalimages.com/resourcesBTAgents.htm Bioterrorism Category A Agents – Information Resources] * {{cite web |title=''Bacillus anthracis'' and anthrax |work=Todar's Online Textbook of Bacteriology (University of Wisconsin-Madison Department of Bacteriology) |url=http://textbookofbacteriology.net/Anthrax.html |accessdate=17 June 2005 |archiveurl=https://web.archive.org/web/20050619085321/http://textbookofbacteriology.net/Anthrax.html |archivedate=19 June 2005 |deadurl=no }} * {{cite web |title=Focus on anthrax |work=Nature.com |url=http://www.nature.com/nature/anthrax/index.html |accessdate=17 June 2005 |archiveurl=https://web.archive.org/web/20050712070020/http://www.nature.com/nature/anthrax/index.html |archivedate=12 July 2005 |deadurl=no }} * [http://publicservice.evendon.com/DOJAnthraxIvinsM.htm 2008 Ivins Court Documents and DOJ Report]{{Dead link|date=September 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} in convenient form. * [https://web.archive.org/web/20110106071145/http://patricbrc.org/portal/portal/patric/Taxon?cType=taxon&cId=1392 Bacillus anthracis] genomes and related information at [http://patricbrc.org/ PATRIC], a Bioinformatics Resource Center funded by [http://www.niaid.nih.gov/ NIAID] * [http://www.pdbe.org/emsearch/anthrax* 3D electron microscopy structures of Anthrax toxin proteins at the EM Data Bank(EMDB)]{{Dead link|date=September 2026 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} * [http://biosecuritycommons.org/index.php?title=Anthrax Timeline resources and general review of anthrax in a security context] at Biosecurity Commons, a wiki database [[Category:Dhukkuba]] hsz6lvq55yq0xqaj3vejzpnj09fil4n Barreeffamoota Waa'ee Oromoo 0 4925 45852 45595 2026-09-08T00:07:39Z InternetArchiveBot 8356 Rescuing 0 sources and tagging 1 as dead.) #IABot (v2.0.9.5 45852 wikitext text/x-wiki Oromoo jechuun maal jechuudha, oromo jechuun saba bal'aa jechuudha yokan sabaa hammataa (kan ofitti Maxxanfatu)jechuudha. == Aadaa Oromoo == Uummatni [[Oromoo]] saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo. Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin. Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u) Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha. Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne. Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha. Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u. Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu. Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama. Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.   Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo. Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin. Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u) Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha. Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne. Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha. Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u. Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu. Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama. Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.(Lalisaa dhinsaa)   === Amantii === * [http://link.springer.com/article/10.1007/s11562-012-0234-7 Review of Terje Østebø, Localising Salafism: Religious Change among Oromo Muslims in Bale, Ethiopia] === Fiilmii Oromoo === === Ispoortii Oromoo === === Nyaata aadaa Oromoo === Cumboo: nyaata aadaa Oromooti. Tibba birraa, yeroo ayyaana masqalaa hedduminaan Kan nyaatamuudha. Uummata Oromoo Godina Wallaggaa jiraatan biratti beekamaadha. Affeellama Affellamni nyaata aadaa Oromoo Harargee keessa isa tokko Innis maqaa biraa marqaa kormaa jedhamuun beekkama === Ogbarruu Oromoo‎ === * [http://jambo.africa.kyoto-u.ac.jp/kiroku/asm_normal/abstracts/pdf/26-1/26-1-2.pdf The functions of African oral arts: The Arsi-Oromo oral arts in focus] * [https://web.archive.org/web/20041128090528/http://www.samizdat.com/cerulli.html The folk literature of Galla in Southern Abysinia] * [https://web.archive.org/web/20141021231657/http://www.oromooliterature.com/ Oromo literature] * [https://web.archive.org/web/20041128090528/http://www.samizdat.com/cerulli.html The Folk-Literature of the Galla of Southern Abyssinia] * [http://mellenpress.com/mellenpress.cfm?bookid=1538&pc=9 Geerarsa Folksong As the Oromo National Literature A Study of Ethnography, Folklore, and Folklife in the Context of the Ethiopian Colonization of Oromia] * [https://web.archive.org/web/20160304141235/http://www.ethio.nl/comments/oromo2.html Sociology of Oromo Literature and Asafa Dibaba, leading Oromo Humanist Intellectual] * [https://web.archive.org/web/20120205204222/http://www.njas.helsinki.fi/pdf-files/vol4num1/bulcha.pdf Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing] * [http://www.euni.de/tools/jobpopup.php?lang=en&option=showJobs&jobid=57931&jobtyp=5&jtyp=1&university=Jimma+University&country=ET&sid=1567&name=BA+in+Oromo+Folklore+and+Literature Afan Oromo and Literature Course] * [https://www.academia.edu/5053511/oromo_oral_literature_written_by_Eshete_gemeda Oromo literature] * [http://static.sdu.dk/mediafiles/Files/Information_til/Studerende_ved_SDU/Din_uddannelse/phd_hum/afhandlinger/2009/EsheteGemeda_part_one.pdf African Egalitarian Values and Indigenous Genres: The Functional and Contextual Studies of Oromo Oral Literature in a Contemporary Perspective]{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} * [http://books.google.co.uk/books/about/Borana_Folk_Tales.html?id=NS0dAQAAIAAJ&redir_esc=y Borana Folk Tales: A Contextual Study] * [http://www.haramaya.edu.et/academics/college-of-social-sciences-and-humanities/dept/afan-oromo-and-literature/ Afaan Oromoo and Literature] * [https://web.archive.org/web/20140106172753/http://bilisummaa.org/oromo-literature/ Oromo Literature] * [https://web.archive.org/web/20121203003054/http://gadaa.com/oduu/4795/2010/07/11/book-review-fixeensa-afan-oromo-novel-based-on-true-story-by-boruu-barraaqaa Fixeensa] * [http://oromocommentary.files.wordpress.com/2010/08/odaa-nabee-in-oromo-oral-tradition.pdf Odaa Nabee in Oromo Oral Tradition] === Qoricha Oromoo === * [http://www.ncbi.nlm.nih.gov/pmc/articles/PMC2390512/ Ethnomedicinal plant knowledge and practice of the Oromo ethnic group in southwestern Ethiopia] * [http://www.ethnobiomed.com/content/10/1/40 Medicinal plants used in traditional medicine by Oromo people, Ghimbi District, Southwest Ethiopia]{{Dead link|date=September 2026 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} * [https://web.archive.org/web/20150402025459/http://www.academia.edu/5761387/Buna_Qalaa_A_Quest_for_Traditional_Uses_of_Coffee_among_Oromo_People_with_Special_Emphasis_on_Wallaga_Ethiopia Buna Qalaa: A Quest for Traditional Uses of Coffee among Oromo People with Special Emphasis on Wallaga, Ethiopia] * [http://omicsonline.org/aspects-of-common-traditional-medical-practices-applied-for-under-five-children-in-ethiopia-oromia-region-eastern-harargie-district-dadar-woreda-2011-gc-2161-0711.1000237.pdf Aspects of Common Traditional Medical Practices Applied for Under-Five Children in Ethiopia, Oromia Region, Eastern-Harargie District, Dadar Woreda, 2011 G.C] === Tiyaatira Oromoo === === Wallee O romoo === == Qoqqoodama Oromoo == === Oromoo Baarentuu === Boorana === Kaan === == Siyaasa == * [https://web.archive.org/web/20211022054503/https://trace.tennessee.edu/cgi/viewcontent.cgi?article=1007&context=utk_socopubs Jalata, Asafa (2007) ''Oromummaa'', University of Tennessee: Knoxville] * [http://trace.tennessee.edu/cgi/viewcontent.cgi?article=1012&context=utk_socopubs Jalata, Asafa (2010) ''Oromummaa: National Identity and Politics of Liberation'', University of Tennessee: Knoxville]{{Dead link|date=March 2026 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} * [https://web.archive.org/web/20140704005439/http://gadaa.com/oduu/21141/2013/08/09/gadaa-as-the-fountain-of-oromummaa-and-the-theoretical-base-of-oromo-liberation/ Jalata, Asafa (2013) ''Gadaa As the Fountain of Oromummaa and the Theoretical Base of Oromo Liberation'', Gadaa.com] * [http://link.springer.com/article/10.1007/BF01303682 Ethiopia and ethnic politics: The case of Oromo nationalism] == Kaan == * [https://web.archive.org/web/20141230211707/https://www.oromiamedia.org/ Oromia Media] [[Category:Oromoo]] bu7byhtxrut5t2itiioyvvj34vjiknj Andy Warhol 0 6603 45850 42203 2026-09-08T00:04:46Z InternetArchiveBot 8356 Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead.) #IABot (v2.0.9.5 45850 wikitext text/x-wiki [[File:Andy_Warhol_1975.jpg|right|thumb|Andy Warhol 1975 keessa]] '''Andii Warhol''' ([[Afaan Ingiliish|Afaan Ingiliish]]: Andrew Warhol, Jr. yookin Andy Warhol; A.L.A Hagayya 6, 1928 - Guraandhala 22, 1987) artistoota beekamoo [[Ameerikaa]] jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko. Namootni baay'een Warhol ′′bellwether of the art market" jedhuun ibsu. [[File:Warhol12.JPG|link=https://simple.wikipedia.org/wiki/File:Warhol12.JPG|thumb|1979{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }} BMW Group 4 M1 Andy Warholin kan dibame]] Warhol iddoo [[Pittsburgh]], [[Pennsylvania]] gaafa Hagayya 6, 1928 kan dhalate yoo ta'u gara [[New York|Niiw Yoorki]] dhaquun dura Carnegie Institute of Technology irraa eebbifamee ture. Hojii guddaan isaa inni jalqabaa Hagayya 1949 keessa Barruu Glamouriif fakkii akka kaasu yeroo gaafatame kan hojjateedha. Inni dhuma maqaa isaa irraa 'a' hirrisuun barreeffama "fakkii Andrew Warhol" jedhuun barruu irra kan galateeffame. Warhol Campbells' and Watties' soup cans halluu dibuuniis kan beekamu dibata adda adda 300 dibeera. Jalqaba akka artistii daldalaa ta'etti yeroo hojjatu wantoota akka advertisements fi window displays mana kuusaaf dizaayinii godhaa ture. Yeroo gabaabaatti sochii aartii Pop kan yeroo hunda wantoota fi suuraawwan miidiyaa fayyadaman keessatti beekkamaa ta'e. Fakkiin isaa beekamoo keessaa tokko fakkii taatoo American movie, [[Marilyn Monroe]]ti. Erga isheen duute booda gadi fageenyaan itti waan dhagahameef yaadannoo muraasa uumuu barbaadeeti. Bara 1968 Warhol Valerie Solanasiin rukutame. Innii istuudiyoo isaa warshaa magaalaa Niiw Yoorkitti argamu kan hojiin isaa baay'een itti uumamaniin kan beekamu. Bara 1987 Warhol hospitaala magaalaa Niiw Yoorki keessatti opireeshinii garaa irra ture. Hirriba keessa osoo jiruu sababa post-operative cardiac arrhythmian umuri 58tti kan inni du'e. Maatiin isaa arrhythmian sababa kunuunsa dhabuu fi summi bishaaniin mudate jechuun hospitaala himataniiru. == Wabii == == Geessituu alaa == * [http://www.Warholfoundation.org/ Warhol Foundation] in New York City * [http://www.Warhol.org/ Andy Warhol Collection in Pittsburgh] * [https://web.archive.org/web/20161213225907/http://www.warhol.org/collection/archives/ Time Capsules: the Andy Warhol Collection] * [https://web.archive.org/web/20181105232142/http://www.contemporaryartdaily.com/tag/andy-warhol/ Documentation of recent exhibitions of work by Andy Warhol] * [https://web.archive.org/web/20210203033018/http://www.ubu.com/sound/warhol.html The work of Andy Warhol] spoken about by David Cronenberg on UbuWeb * Andy Warhol on IMDb * [https://web.archive.org/web/20110903053913/http://www.thefirstpost.co.uk/46784,in-pictures,news-in-pictures,in-pictures-andy-warhol-exhibition-in-paris Warhol in Paris]—slideshow by ''The First Post'' * [https://www.youtube.com/watch?v=3oqUd8utr14 Andy Warhol makes a digital painting of Debbie Harry at the Commodore Amiga product launch press conference in 1985] * [https://www.pbs.org/wnet/americanmasters/episodes/andy-Warhol/a-documentary-film/44 Andy Warhol: A Documentary film] by Ric Burns for PBS [[Category:Lammii Ameerikaa]] [[Category:Artistoota]] [[Category:Halluu dibaa]] hys19zcpebgvgbyidep8tqw3hjgku2c