Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.47.0-wmf.20
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Keeyyata
0
7765
45896
45630
2026-09-23T13:20:44Z
~2026-51381-59
14656
/* 1. Keeyyata seenessaa */
45896
wikitext
text/x-wiki
Keeyyanni gurmaa'ina [[Hima|himaati]]. Qabiyyee keeyyataa irratti hundaa'uun keeyyanni bakka sadiitti qoodama. Keeyyanni Afaan Oromoo keessatti bakka gurguddoo 4tti qoodama. Isaanis; Keeyyata Addeessaa, Keeyyata Ibsaa, Keeyyata Falmisiisaa fi Keeyyata Seenessaati.
== '''1. Keeyyata [[seenessaa]]''' ==
Keeyyatni seenessaa, akka yaa‟insa isaa eegnee seenessinuuf nu gargaara. Keeyyatni seenessaa gocha, taatee fi jechoota ibsaa midhagoo ta'an of keessaa qaba (of keessatti hammata). Keeyyatni kun dubbistootni akka si'atanii dubbisan taasisa. Keeyyatni seenessaa kun keeyyata ibsaa waliin walfakkaata. Garuu keeyyatni seenessaa, seenduubee dubbistootaaf dhiyeessa. Kunis taateewwan darban ykn sababoota taatewwaan kun raawwatan kaa‟a. Keeyyatni kun barreessitoota asoosama barreessaniif baay‟ee barbaachisaadha. Akka dubbistootni fakkii isaa ilaalan taasisa. Dabalataan akka Boardman (2000) jedhutti keeyyanni seenessaa waayee seenaa dhimma tokkoo karaa salphaa ta‟een Kan kaa‟u keeyyata seenessaa jedhama. Gosti keeyyata kanaa irra guddeessa kan ibsu waayee taatee ta‟ee darbe tokko kan ibsudha. As keessatti gurmaa‟insa walfakkaataa keeyyata biraa wajjin kan qabudha. Jechuunis hima mataduree, hima deeggaraa (utubaa)fi hima xumuraa hundi gurmaa‟anii yaada walfakkaataa dabarsu jechuudha.
Keeyyata ibsa keeyyata 4
42e7vv28yakq0bosk3gpmhn9xg46wl9