Wikipedia omwiki https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura MediaWiki 1.47.0-wmf.21 first-letter Media Special Talk User User talk Wikipedia Wikipedia talk File File talk MediaWiki MediaWiki talk Template Template talk Help Help talk Category Category talk TimedText TimedText talk Module Module talk Event Event talk Lerransa 0 8394 45898 41993 2026-09-26T00:13:04Z InternetArchiveBot 8356 Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead.) #IABot (v2.0.9.6 45898 wikitext text/x-wiki {{Taxobox|name=Lerransa|image=Liger.jpg|image_width=250px|regnum=[[Bineeldoota]]|phylum=[[Lafee qabeeyyii]]|classis=[[Hoosiftoota]]|ordo=[[Sooratto Foonii]]|familia=[[Bashurreyyii]](Felidae)|genus=''[[Deeroowwan]]'' (Panthera)|species=''[[Deeroowwan leencoo]]♂ dhiiraa'' × ''[[Deeroowwan qeerrensaa]]♀ dhalaa''|color=pink}} Lerransa (Afaan Ingiliziin:Liger)uumama leenca kormaatii fi qeerransa dhaltuu irraa argamuudha. maqaa isaa jechoota Leencafi Qerrensa jedhu walitti fiduudhaan, Lerransa jedhanii itti moggaasan. Lerransi Sanyiiwwan Adurree bosona keessa jiraatan jidduu isa guddaa dha. Leencaa fi Qeerransi qubsuma garagaraa keessa waan jiraataniif, bosona keessatti uumama Lerransa kana argachuun hin danda’amu. Bineensa kana Booroo Binoo (paarkii) qofa keessatti arganna.  Gogaa isaa irraa rifeensa keelloo gara gurraachatti dhihaatu kan qabu yoo ta’u, dabalataan bifa haadhaa sarara barru gogaa irraa qaba. Warri dhiiraa ammoo akkuma leencaa morma isaanii irraa rifeensa guddaa areeda fakkaatu qabu. Haa ta’u malee kormaan hundi rifeensa kana hin qaban. Gariin isaanii akkuma dhaltuu rifeensa ofirraa hin qaban. == Qubsuma == Bara durii ardii eeshiyaa keessa Leencaa fi Qeerransi hedduminaan jiraataa turan. Kanaafuu Leenci Kormaan qubsuma qeerransaa keessa seenuudhaan walqunnamtii wal hormaataa raawwatuun salphaa ture. Amma garuu haalli kun jijjiiramee jira. Eeshiyaa keessatti lakkoofsi leencaa akkaan gad bu’uu irraa kan ka’e, Booroo Binoo (paarkii) keessatti qofa daangeffamee jira. Gama biraatiin Qeerransi ammoo bosona tuucha’aa keessa qofa jiraataa jira. Leenci ammoo bosona Eeshiyaa gad dhiisee godaanuudhaan gara Afriikaa dhufee jira. Kanaafuu carraan Lerransa bosona keessa jiraachuudhaa akkaan xiqqaadha. Waan kana ta’eef ammaan tana Lerransa kan argamu qubsuma namni qopheesseef qofa keessa ta’ee jira. [[File:Liger狮虎.jpg|left|thumb| Lerransa]] == Haala jireenyaa == Leencaa fi Qeerransi bineensota dachii kana irra jiran keessaa bineensota rahmata hin qabne jedhamuudhaan beekaman. Lerransa garuu isaan lamaan irraa argamus amala isaanii kana hin dhaalle. Namoota isatti dhihaatanitti saffisaan itti dhihaatuu ykn maxaquu danda’a. Leencaa fi Qeerransi garuu ilma namaa wajjiin wal baruudhaaf  yeroo dheeraa turu. Lerransa amala garagaraa haadhaa fi Abbaa isaa irraa dhaalee jira. Fakkeenyaaf Qeerransi bishaan ni jaalata. Akkasumas bishaan keessa daakuu ni danda’a. Faallaa kanaatiin ammoo leenci bishaan akkaan sodaata akkasumas ni jibba. Lerransa garuu waan heddu Abbaa irraa dhaalus bakka bishaanii kanatti haadhaan wal fakkaata. Dabalataan Lerransa akka Leencaa barooduu akkasumas akka qeerransaatti harquu kan danda’u yoo ta’u, baay’inaan garuu ni barooda. == Walhormaata == Lerransa wal horuu hin danda’u. Akka Harree fi Fardaa; Leencaa fi Qeerransi nagayaan waliin jiraachuu hin danda’an. Kanaafuu ilmi namaa bineesota kanniin eega Booroo Binoo (paarkii) keessatti walitti qabee itti cufeen booda, akka walqunnamtii wal hormaataa raawwatan taasisa. Uumamni kunniin lamaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf haga waggaa tokkoo waliin turuu qaban. Yeroo dheeraa kana keessatti wal lolaa, walitti bu’aa xumura irratti walitti dhihaatu. Eega wal qunnamtii raawwataniin booda, qeerransi rimaya san guyyoota 100f eega garatti qabattee ilmoolee lamaa haga afurii dhalti. Akkuma uumama adurree kaawwanii,  Lerransais gaafa dhalatu ijaan hin argu. Haga ji’a jahaatis soorataa fi wantoota garagraatiif haadha isaa irratti irkata. Lerransaoonni hedduun isaanii rakkoo waliin dhalatan ykn ammoo hanqina qaamaa waliin dhalatan, kanaafuu hedduun isaanii akkuma dhalataniin du’an. == Soorata == Sooratni uumama kanaa foon qofa. Hedduminaanis bineensota Qeerransi sooratu irratti xiyyeeffata. Dabalataan Arba Eeshiyaa xixiqqaallee adamsuudhaan ni soorata. Lerransoonni Booroo Binoo (paarkii) keessatti walitti qabaman guyyatti foon kiiloo 10 kan sooratan yoo ta’u, warri bosona keessa jiran lakkoofsaan muraasa ta’anis yeroo takkaan foon kiiloo 45 sooratuu ni danda’u == Diina == Bineensi kun hedduminaan Booroo Binoo (paarkii) keessatti waan argamuuf diina hedduu hin qabu. Kanneen bosona keessa jiraatanittis bineensi uggee itti dhihaatu hin jiru. Guddina qaamaa fi jabina waan qabaniif; akkuma leencaa fi qeerransaa bosona keessatti sodaa takka malee jiraatan. Haa ta’u malee Laaygaroonni muraasni bosona keessatti dhalatan kunniin sababa ilma namaatiin heddus bosona keessa turuu hin danda’an. Inni duraa naannoo eeshiyaatti namni bineensa kana ajjeesu akkuma warra leencaa fi qeerransa ajjeesuti sadarkaan guddaan waan isaaf kennamuuf, namuu isa ajjeesuuf carraaqa. Dabalataan ammoo bineensi kun hedduminaan waan hin argamneef, namoonni bineensa kana adamsanii Booroo Binoo (paarkii) keessatti galchuudhaan maallaqa kafalchiisaa nama daaw’achiisuu waan barbaadaniif, bosona keessa jiraachuun Lerransaiif heddu rakkisaa dha. Uumama kanarraa wanti addaa tokko ni jira. Dhiirri Lerransa irra deebi’e walqunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaan ilmo bakka buusuu hin danda’u, Dhaltuun Lerransa garuu, Leenca wajji ykn ammoo Qeerransa waliin walqunnamtii raawwatuudhaan sanyii ofii bakka buusuu dandeetti. Gaangeen deebitee ilmoo dhaluu hin dandeettu. Dhaltuun Lerransa garuu carraa kana badhaafamtee jirti. Garuu Lerransa kormaan sanyii isaa bakka buufatuu hin danda’u == Wabii == {{Reflist}}https://web.archive.org/web/20230312071444/https://nuuralhudaa.com/27547/ qhhxdf0mlt3433b0299gk9e297jedpp Eebana Daldala Ijaarsaa Ethio Resins (Ethio Resins PLC) 0 10015 45899 2026-09-26T07:08:22Z Maqafaer 14675 Fuula Harra: '''Ethio Resins PLC''' gabaa gara alaatti erguu (Export) irratti kan xiyyeeffate waajjira muummee Addis Ababaa keessaa kan qabu dhaabbata dhuunfaa ittigaafatamummaan isaa daanga'e dha. Dhaabbanni kun hawaasa haphee qumbii fi ixaanaa (Frankincense) naannolee fi aanaalee Itoophiyaa adda addaa keessaa walitti qabuun, qulqullina, gosaa fi hammangaa isaaniitiin addaan baasee, haala mijataa ta'een saamsuu fi qopheessuudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. == Omshaalee == * Boosweeliyaa P... 45899 wikitext text/x-wiki '''Ethio Resins PLC''' gabaa gara alaatti erguu (Export) irratti kan xiyyeeffate waajjira muummee Addis Ababaa keessaa kan qabu dhaabbata dhuunfaa ittigaafatamummaan isaa daanga'e dha. Dhaabbanni kun hawaasa haphee qumbii fi ixaanaa (Frankincense) naannolee fi aanaalee Itoophiyaa adda addaa keessaa walitti qabuun, qulqullina, gosaa fi hammangaa isaaniitiin addaan baasee, haala mijataa ta'een saamsuu fi qopheessuudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. == Omshaalee == * Boosweeliyaa Paapiriifeeraa (Boswellia papyrifera): Omiishni ixaanaa gosa kana irraa argamu Ethio Resins Export tiin caalaatti gara alaatti kan ergamudha. Dhaabbanni kun omiishoota kana waliandhabbii (gamtaa) Godinaalee Tigraay, Gojam fi Awii keessatti argaman irraa walitti qaba. Gosi omiisha kanaa caalaatti "Ixaana Itoophiyaa" jedhamuun kan beekamu fi gabaa irratti bal'inaan kan dhiyaatudha. * Boosweeliyaa Neeglektaa (Boswellia neglecta): Ethio Resins Export gosa omiisha kanaa Kibba Itoophiyaa, keessattuu Bahaa fi Kibba Itoophiyaa naannoo Booranaa irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. Reeziniin omiisha kanaa gurraacha fi dhuyyaa (brownish) kan ta'e fi foolii aromatic adda ta'e kan qabudha; omiishni kunis addunyaa irratti bal'inaan "Borena-type frankincense" jedhamuun beekama. * Boosweeliyaa Rivaa (Boswellia rivae): Ethio Resins Export omiisha kana Kibba Bahaa Itoophiyaa, keessattuu naannoo daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaa jiran irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. * Boosweeliyaa Ogaadeenisiis (Boswellia ogadensis): Ethio Resins Export omiisha kana Gamtaa (cooperatives) Magaalaa Goodee kan Naannoo Somaalee keessatti argaman irraa fiduudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. * Qumbii (Myrrh / Commiphora myrrha): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessatti aanaalee adda addaa irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. * Opopaanaksi (Scented Myrrh / Commiphora guidottii): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa, keessattuu Godina Afdeer keessatti qonnaan bultoota fi dhiyeessitoota irraa bituudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. == Modeela Daldalaa (Business Model) == Ethio Resins Export guutuu Itoophiyaa keessatti naannoolee ixaannii fi qumbiin keessatti omishamu hundatti kuusaa (manna omishaa) gurguddaa kan qabu dha. Maamiltoonni biyya alaas yeroo ajajan (order) dafee kan dhiyeessu ta'a. Bittoonni omiishoota dhaabbatichaa marsariitii (website) isaanii irratti argachuun ni danda'ama; akkasumas dhaabbanni kun Alibaba fi Amazon Business irratti bakka bu'oota dhaabbatichaa karaa akkaunta isaanii kan seerawaa ta'een argachuu ni danda'ama. Bittoonni Alibaba irratti karaa Trade Assurance dhiyeessii bitachuun baay'ee amansiisaa (safe) kan ta'edha; LC dhaan immoo karaa baankii ajajuun kan danda'amu yoo ta'u, FOB Djibouti dhaan ajajuun ni danda'ama, akkasumas Cargo Oromiyaa/Itoophiyaa Air Lines dhaan erguun ni danda'ama. dq6e2y5fa95lp1hbzdueni5asijpl80 45900 45899 2026-09-26T07:12:41Z Maqafaer 14675 45900 wikitext text/x-wiki '''Ethio Resins PLC''' gabaa gara alaatti erguu (Export) irratti kan xiyyeeffate waajjira muummee Addis Ababaa keessaa kan qabu dhaabbata dhuunfaa ittigaafatamummaan isaa daanga'e dha. Dhaabbanni kun hawaasa haphee qumbii fi ixaanaa (Frankincense) naannolee fi aanaalee Itoophiyaa adda addaa keessaa walitti qabuun, qulqullina, gosaa fi hammangaa isaaniitiin addaan baasee, haala mijataa ta'een saamsuu fi qopheessuudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>[https://medium.com/@roberthank/from-ethiopian-drylands-to-global-markets-the-story-behind-ethio-resins-export-d32c18b3cfe1 From Ethiopian Drylands to Global Markets: The Story Behind Ethio Resins Export | by Robert Hank | Sep, 2026 | Medium]</ref> == Omshaalee == * Boosweeliyaa Paapiriifeeraa (Boswellia papyrifera): Omiishni ixaanaa gosa kana irraa argamu Ethio Resins Export tiin caalaatti gara alaatti kan ergamudha. Dhaabbanni kun omiishoota kana waliandhabbii (gamtaa) Godinaalee Tigraay, Gojam fi Awii keessatti argaman irraa walitti qaba. Gosi omiisha kanaa caalaatti "Ixaana Itoophiyaa" jedhamuun kan beekamu fi gabaa irratti bal'inaan kan dhiyaatudha.<ref>[https://ethioresins.com/article/boswellia-papyrifera/ Boswellia Papyrifera: Ethiopian Frankincense (Gum Olibanum), Composition, Properties and Uses - Ethio Resins]</ref> * Boosweeliyaa Neeglektaa (Boswellia neglecta): Ethio Resins Export gosa omiisha kanaa Kibba Itoophiyaa, keessattuu Bahaa fi Kibba Itoophiyaa naannoo Booranaa irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. Reeziniin omiisha kanaa gurraacha fi dhuyyaa (brownish) kan ta'e fi foolii aromatic adda ta'e kan qabudha; omiishni kunis addunyaa irratti bal'inaan "Borena-type frankincense" jedhamuun beekama.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-neglecta/</ref> * Boosweeliyaa Rivaa (Boswellia rivae): Ethio Resins Export omiisha kana Kibba Bahaa Itoophiyaa, keessattuu naannoo daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaa jiran irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-rivae/</ref> * Boosweeliyaa Ogaadeenisiis (Boswellia ogadensis): Ethio Resins Export omiisha kana Gamtaa (cooperatives) Magaalaa Goodee kan Naannoo Somaalee keessatti argaman irraa fiduudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-ogadensis/</ref> * Qumbii (Myrrh / Commiphora myrrha): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessatti aanaalee adda addaa irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. * Opopaanaksi (Scented Myrrh / Commiphora guidottii): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa, keessattuu Godina Afdeer keessatti qonnaan bultoota fi dhiyeessitoota irraa bituudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. == Modeela Daldalaa (Business Model) == Ethio Resins Export guutuu Itoophiyaa keessatti naannoolee ixaannii fi qumbiin keessatti omishamu hundatti kuusaa (manna omishaa) gurguddaa kan qabu dha. Maamiltoonni biyya alaas yeroo ajajan (order) dafee kan dhiyeessu ta'a. Bittoonni omiishoota dhaabbatichaa marsariitii (website) isaanii irratti argachuun ni danda'ama; akkasumas dhaabbanni kun Alibaba fi Amazon Business irratti bakka bu'oota dhaabbatichaa karaa akkaunta isaanii kan seerawaa ta'een argachuu ni danda'ama. Bittoonni Alibaba irratti karaa Trade Assurance dhiyeessii bitachuun baay'ee amansiisaa (safe) kan ta'edha; LC dhaan immoo karaa baankii ajajuun kan danda'amu yoo ta'u, FOB Djibouti dhaan ajajuun ni danda'ama, akkasumas Cargo Oromiyaa/Itoophiyaa Air Lines dhaan erguun ni danda'ama. qmwuuiitzvprz2n2939lt494cj1xh4j 45901 45900 2026-09-26T07:13:34Z Maqafaer 14675 45901 wikitext text/x-wiki '''Ethio Resins PLC''' gabaa gara alaatti erguu (Export) irratti kan xiyyeeffate waajjira muummee Addis Ababaa keessaa kan qabu dhaabbata dhuunfaa ittigaafatamummaan isaa daanga'e dha. Dhaabbanni kun hawaasa haphee qumbii fi ixaanaa (Frankincense) naannolee fi aanaalee Itoophiyaa adda addaa keessaa walitti qabuun, qulqullina, gosaa fi hammangaa isaaniitiin addaan baasee, haala mijataa ta'een saamsuu fi qopheessuudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>[https://medium.com/@roberthank/from-ethiopian-drylands-to-global-markets-the-story-behind-ethio-resins-export-d32c18b3cfe1 From Ethiopian Drylands to Global Markets: The Story Behind Ethio Resins Export | by Robert Hank | Sep, 2026 | Medium]</ref> == Omshaalee == * Boosweeliyaa Paapiriifeeraa (Boswellia papyrifera): Omiishni ixaanaa gosa kana irraa argamu Ethio Resins Export tiin caalaatti gara alaatti kan ergamudha. Dhaabbanni kun omiishoota kana waliandhabbii (gamtaa) Godinaalee Tigraay, Gojam fi Awii keessatti argaman irraa walitti qaba. Gosi omiisha kanaa caalaatti "Ixaana Itoophiyaa" jedhamuun kan beekamu fi gabaa irratti bal'inaan kan dhiyaatudha.<ref>[https://ethioresins.com/article/boswellia-papyrifera/ Boswellia Papyrifera: Ethiopian Frankincense (Gum Olibanum), Composition, Properties and Uses - Ethio Resins]</ref> * Boosweeliyaa Neeglektaa (Boswellia neglecta): Ethio Resins Export gosa omiisha kanaa Kibba Itoophiyaa, keessattuu Bahaa fi Kibba Itoophiyaa naannoo Booranaa irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. Reeziniin omiisha kanaa gurraacha fi dhuyyaa (brownish) kan ta'e fi foolii aromatic adda ta'e kan qabudha; omiishni kunis addunyaa irratti bal'inaan "Borena-type frankincense" jedhamuun beekama.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-neglecta/</ref> * Boosweeliyaa Rivaa (Boswellia rivae): Ethio Resins Export omiisha kana Kibba Bahaa Itoophiyaa, keessattuu naannoo daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaa jiran irraa qonnaan bultoota irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-rivae/</ref> * Boosweeliyaa Ogaadeenisiis (Boswellia ogadensis): Ethio Resins Export omiisha kana Gamtaa (cooperatives) Magaalaa Goodee kan Naannoo Somaalee keessatti argaman irraa fiduudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa.<ref>https://ethioresins.com/article/boswellia-ogadensis/</ref> * Qumbii (Myrrh / Commiphora myrrha): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessatti aanaalee adda addaa irraa walitti qabuun gabaa alaatiif dhiyeessa. * Opopaanaksi (Scented Myrrh / Commiphora guidottii): Ethio Resins Export omiisha kana Naannoo Somaalee Itoophiyaa, keessattuu Godina Afdeer keessatti qonnaan bultoota fi dhiyeessitoota irraa bituudhaan gabaa alaatiif dhiyeessa. == Modeela Daldalaa (Business Model) == Ethio Resins Export guutuu Itoophiyaa keessatti naannoolee ixaannii fi qumbiin keessatti omishamu hundatti kuusaa (manna omishaa) gurguddaa kan qabu dha. Maamiltoonni biyya alaas yeroo ajajan (order) dafee kan dhiyeessu ta'a. Bittoonni omiishoota dhaabbatichaa marsariitii (website) isaanii irratti argachuun ni danda'ama; akkasumas dhaabbanni kun Alibaba fi Amazon Business irratti bakka bu'oota dhaabbatichaa karaa akkaunta isaanii kan seerawaa ta'een argachuu ni danda'ama. Bittoonni Alibaba irratti karaa Trade Assurance dhiyeessii bitachuun baay'ee amansiisaa (safe) kan ta'edha; LC dhaan immoo karaa baankii ajajuun kan danda'amu yoo ta'u, FOB Djibouti dhaan ajajuun ni danda'ama, akkasumas Cargo Oromiyaa/Itoophiyaa Air Lines dhaan erguun ni danda'ama. == Wabii == <references /> crns7361m6nqfk8tczd7g9holqvyr8p