Wikipedia
omwiki
https://om.wikipedia.org/wiki/Fuula_Dura
MediaWiki 1.48.0-wmf.4
first-letter
Media
Special
Talk
User
User talk
Wikipedia
Wikipedia talk
File
File talk
MediaWiki
MediaWiki talk
Template
Template talk
Help
Help talk
Category
Category talk
TimedText
TimedText talk
Module
Module talk
Event
Event talk
Sirna Gadaa
0
4110
46032
42982
2026-11-14T00:15:30Z
InternetArchiveBot
8356
Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead. #IABot (v2.0.9.7)
46032
wikitext
text/x-wiki
'''Sirna Gadaa''' sirna ittiin bulmaata [[Oromoo]] ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin [[siyaasa|siyaasni]], [[Dinagdee|dinagdeenii]] fi [[hawaasummaa|hawaasummaan]] ummata [[Oromoo]] ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni [[seenaa]] fi [[saayinsii hawaasaa]] hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har'aatti ittin bulaa jira.
== Sadarkaa Gadaa ==
Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.
* Dabballooma (waggaa 0-8)
* Gaammoma (waggaa 9- 16)
* Dargaggooma (waggaa 17- 24)
*Qondaala/Kuusaa Waggaa(25-32)
*
* Raaboma (waggaa 33 - 40)
* Gadooma (waggaa 41- 48)
* [[Yubooma (waggaa 49- 56)]]
=== Dabballee (Ganna 0-8) ===
== Dabballeen sadarkaa daa’immaaniiti, da'imman sadarkaa umurii 0-8 gidduutti argaman Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana hulluuqudha, amma sanatti maqaa manaatiin waamama. Maqaan manaa mararteefi jaalala maatiin qabu kan mul'isuufi jechuma hiika hin qabnellee ta'uu danda'a FKN : Qurii, Jaldeessaafaa jedhanii waamuu. Warri isaanii horii aannanii kan hin qabne yoo ta’an gosatu obaasa. dabballeen seedaafi seera mataa isaanii kana qaban yoo ta'u, kana Dabballee ta'uu danda'an ijoollee ykn daa'immaan dhiiraa qofaadha. Gadaa Oromoo kan kutaa Oromiyaa eddoo adda addaa gidduutti garaa garaummaan xiqqoon kan m ul'atu yoo ta'u kan dabballeen umurii adda hin foo'u jedhanis ni jiru. garuu seedaa jecha yoo yaaman akka dhiiraaatti adoo hin taane, akka dubraatti "Intala" jedhanii yaaman. akka ijoollee kaaniittis yoo isaan jallatan (balleessan) hin dhaanan.Bakka tokko tokkotti maqaa soolee fi itti makoo jedhamu. ==
== Gogeessa Gadaa ==
Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).
{| class="wikitable"
!Boorana
!Macca-Tuulama
!Arsii
!Gujii
!Ituu-Humbannaa
|-
|Adii Doyyoo/ Harmufaa
|Birmajii
|Birmajii
|Harmufa
|Horata
|-
|Gobbaa Bulee/ Roobalee
|Michilee / Muudana
|Roobalee
|Roobalee
|Dibbaaqa
|-
|Mandhaa Galmaa/ Birmajii
|Duuloo / Halchiisa
|Bahara
|Muudana
|Dibbeessa
|-
|Areroo Gedoo/ Muldhata
|Meelbaa / Hambissaa
|Horata
|Halchiisa
|Fadata
|-
|Agaa Adii/ Duuloo
|Roobalee
|Bultuma
|Dhalana
|Daraara
|}
Ilmi [[Oromoo]] kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.
== Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti ==
Keessumatti, bara 1270 (bara ka'umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen ni ibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan ka'e sabni Oromoo walakaansaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi bahaatti godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaattin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa akka haaraatti waan ijaarameef "Gadaa mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase" jedhamee hayyootan moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama.
==== Bara Gadaa '''Melbaa (bara 1522-1530)''' ====
Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa ittisuu qofaa dhisee biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinnonnisaa (Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe. Waraani Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu eegale. Gadaan Melbaa [[Baale]] deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun lola irratti cimaa akka ture [[Abbaan Baahireefaa]] raggaa bahee jira.
==== Bara Gadaa '''Muudana (bara 1531-1538)''' ====
Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tumatan.
# Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu
# Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin meedhacha akka hin hidhaanne kan jedhan ture.
Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahimadiin geggeefamanii kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahire.
Kun seenaa ummata oromoof kan xumura osoo hin taane kan jalqabati kanarra ka'un lafa babalifanna itti fufe.
==== Bara Gadaa '''Kiilolee (bara 1539-1546)''' ====
Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiiloleedha. Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyaa isaaf lolu moohuu hindandeenye.
Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi human waraanaa Awuroopparraa argataniin gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi Habashaa Galaawudoos Imaam Ahimadiin erga ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari'ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa''' '''dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi "kan lole" jedhu kun bara dheerina keesa "Kiilolee" jedhamuun beekkama.
==== '''Bara Gadaa Biifolee (Bar 1547-1554)''' ====
Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo'atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawdos, Adal Mabiraq moo’amuu dhaga’ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan ofirraa deebise. Lafa bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana falmee moo’ee ofirraa deebisuu waan danda’eef, waanti hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin dabaliin, odoo hin hirrisin akkuma jirutti, bifuma duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi "Bif-oole" jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo Gadaa Michilleetti dabarse.
==== '''Bara Michillee (Bara 1554-1562)''' ====
Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis:
# Namni diina hinajjeefne akka hinfuune, akka rifeensa mataasaa hin aaddanne
# Namni ganna 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatu
# Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u seera jedhu, kun immoo iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise.
Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleetti. Michillee waraana Galawudos, Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo’e, [[Faxagar|Faxagariin]] (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa [[Galawudewoos|Galawudewoosin]] waraanee moo’un ajjeesee gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru Michille [[Harariin]] qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara [[Harar|Hararitti]] deebi’uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreesetti Gadaan 5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda balleesee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee booda gara dhufetti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa (kan Porchugaalin gargaarame) akkasumas [[Affaar]] (kan [[Tarkii|Turkiin]] gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse hinjiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha. Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa Michillee jedhamee moggaafame.
==== '''Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bar 1563-1570)''' ====
Gadaan Michillee daangaa bal’aa waan bilisoomseef daangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta’eef, Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta’e.
Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni Bageemidir rukutee gosati moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baali dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan.
==== '''Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)''' ====
Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa ballisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaati, isa kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.
==== '''Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)''' ====
Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti. Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen.
==== '''Bara Gadaa Muul’ataa (Bara 1587-1594)''' ====
Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hinduulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e.
Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi [[wiktionary:om:Gadaa|Gadaa]] Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture.
Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.
== Wabii ==
* [https://oromiaeconomist.wordpress.com/2014/10/21/saba-oromoo-fi-sirna-gadaa-the-history-of-the-oromo-nation-and-the-gadaa-system/ Saba Oromoo fi Sirna Gadaa], dhumarratti kan baname Sadaasa 25, 2014
* [https://web.archive.org/web/20141229014505/http://waaqeffannaa.org/gadaa/sirna-gadaa-qomoo-maccaa/ Sirna Gadaa Qomoo Maccaa], dhumarratti kan baname Sadaasa 25, 2014
* Zelalem Tesfaye Sirna. [https://web.archive.org/web/20160304191832/http://munin.uit.no/bitstream/handle/10037/5080/thesis.pdf?sequence=2 Ethiopia: When the Gadaa Democracy Rules In A Federal State: Bridging Indigenous Institutions of Governance to Modern Democracy.] Masters of Philosophy, University of Tromsø, 2012
{{Aadaa Oromoo}}
[[Category:Aadaa Oromoo]]
ddhj8z34mc512ledyhybqh3gz8f018w
Qoricha Oromoo
0
4414
46031
45837
2026-11-14T00:11:47Z
InternetArchiveBot
8356
Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead. #IABot (v2.0.9.7)
46031
wikitext
text/x-wiki
== Liinkii alaa ==
* [http://www.ncbi.nlm.nih.gov/pmc/articles/PMC2390512/ Ethnomedicinal plant knowledge and practice of the Oromo ethnic group in southwestern Ethiopia]
* [https://web.archive.org/web/20150920205059/http://www.ethnobiomed.com/content/10/1/40 Medicinal plants used in traditional medicine by Oromo people, Ghimbi District, Southwest Ethiopia]
* [https://web.archive.org/web/20150402025459/http://www.academia.edu/5761387/Buna_Qalaa_A_Quest_for_Traditional_Uses_of_Coffee_among_Oromo_People_with_Special_Emphasis_on_Wallaga_Ethiopia Buna Qalaa: A Quest for Traditional Uses of Coffee among Oromo People with Special Emphasis on Wallaga, Ethiopia]
* [http://omicsonline.org/aspects-of-common-traditional-medical-practices-applied-for-under-five-children-in-ethiopia-oromia-region-eastern-harargie-district-dadar-woreda-2011-gc-2161-0711.1000237.pdf Aspects of Common Traditional Medical Practices Applied for Under-Five Children in Ethiopia, Oromia Region, Eastern-Harargie District, Dadar Woreda, 2011 G.C]
{{Aadaa Oromoo}}
[[Category:Aadaa Oromoo]]
arfvsi62di8z6cerx4i3s961lxhqgq8
Barreeffamoota Waa'ee Oromoo
0
4925
46029
45852
2026-11-13T23:49:31Z
InternetArchiveBot
8356
Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead. #IABot (v2.0.9.7)
46029
wikitext
text/x-wiki
Oromoo jechuun maal jechuudha, oromo jechuun saba bal'aa jechuudha yokan sabaa hammataa (kan ofitti Maxxanfatu)jechuudha.
== Aadaa Oromoo ==
Uummatni [[Oromoo]] saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin.
Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u)
Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha.
Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne.
Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha.
Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u.
Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu.
Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama.
Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.
Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin.
Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u)
Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha.
Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne.
Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha. Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha: Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo, Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa. Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a. Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha.
Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u.
Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu, Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu.
Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300 dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan herregama.
Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.(Lalisaa dhinsaa)
=== Amantii ===
* [http://link.springer.com/article/10.1007/s11562-012-0234-7 Review of Terje Østebø, Localising Salafism: Religious Change among Oromo Muslims in Bale, Ethiopia]
=== Fiilmii Oromoo ===
=== Ispoortii Oromoo ===
=== Nyaata aadaa Oromoo ===
Cumboo: nyaata aadaa Oromooti. Tibba birraa, yeroo ayyaana masqalaa hedduminaan Kan nyaatamuudha. Uummata Oromoo Godina Wallaggaa jiraatan biratti beekamaadha.
Affeellama Affellamni nyaata aadaa Oromoo Harargee keessa isa tokko
Innis maqaa biraa marqaa kormaa jedhamuun beekkama
=== Ogbarruu Oromoo ===
* [http://jambo.africa.kyoto-u.ac.jp/kiroku/asm_normal/abstracts/pdf/26-1/26-1-2.pdf The functions of African oral arts: The Arsi-Oromo oral arts in focus]
* [https://web.archive.org/web/20041128090528/http://www.samizdat.com/cerulli.html The folk literature of Galla in Southern Abysinia]
* [https://web.archive.org/web/20141021231657/http://www.oromooliterature.com/ Oromo literature]
* [https://web.archive.org/web/20041128090528/http://www.samizdat.com/cerulli.html The Folk-Literature of the Galla of Southern Abyssinia]
* [http://mellenpress.com/mellenpress.cfm?bookid=1538&pc=9 Geerarsa Folksong As the Oromo National Literature A Study of Ethnography, Folklore, and Folklife in the Context of the Ethiopian Colonization of Oromia]
* [https://web.archive.org/web/20160304141235/http://www.ethio.nl/comments/oromo2.html Sociology of Oromo Literature and Asafa Dibaba, leading Oromo Humanist Intellectual]
* [https://web.archive.org/web/20120205204222/http://www.njas.helsinki.fi/pdf-files/vol4num1/bulcha.pdf Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing]
* [http://www.euni.de/tools/jobpopup.php?lang=en&option=showJobs&jobid=57931&jobtyp=5&jtyp=1&university=Jimma+University&country=ET&sid=1567&name=BA+in+Oromo+Folklore+and+Literature Afan Oromo and Literature Course]
* [https://www.academia.edu/5053511/oromo_oral_literature_written_by_Eshete_gemeda Oromo literature]
* [http://static.sdu.dk/mediafiles/Files/Information_til/Studerende_ved_SDU/Din_uddannelse/phd_hum/afhandlinger/2009/EsheteGemeda_part_one.pdf African Egalitarian Values and Indigenous Genres: The Functional and Contextual Studies of Oromo Oral Literature in a Contemporary Perspective]{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }}
* [http://books.google.co.uk/books/about/Borana_Folk_Tales.html?id=NS0dAQAAIAAJ&redir_esc=y Borana Folk Tales: A Contextual Study]
* [http://www.haramaya.edu.et/academics/college-of-social-sciences-and-humanities/dept/afan-oromo-and-literature/ Afaan Oromoo and Literature]
* [https://web.archive.org/web/20140106172753/http://bilisummaa.org/oromo-literature/ Oromo Literature]
* [https://web.archive.org/web/20121203003054/http://gadaa.com/oduu/4795/2010/07/11/book-review-fixeensa-afan-oromo-novel-based-on-true-story-by-boruu-barraaqaa Fixeensa]
* [http://oromocommentary.files.wordpress.com/2010/08/odaa-nabee-in-oromo-oral-tradition.pdf Odaa Nabee in Oromo Oral Tradition]
=== Qoricha Oromoo ===
* [http://www.ncbi.nlm.nih.gov/pmc/articles/PMC2390512/ Ethnomedicinal plant knowledge and practice of the Oromo ethnic group in southwestern Ethiopia]
* [https://web.archive.org/web/20150920205059/http://www.ethnobiomed.com/content/10/1/40 Medicinal plants used in traditional medicine by Oromo people, Ghimbi District, Southwest Ethiopia]
* [https://web.archive.org/web/20150402025459/http://www.academia.edu/5761387/Buna_Qalaa_A_Quest_for_Traditional_Uses_of_Coffee_among_Oromo_People_with_Special_Emphasis_on_Wallaga_Ethiopia Buna Qalaa: A Quest for Traditional Uses of Coffee among Oromo People with Special Emphasis on Wallaga, Ethiopia]
* [http://omicsonline.org/aspects-of-common-traditional-medical-practices-applied-for-under-five-children-in-ethiopia-oromia-region-eastern-harargie-district-dadar-woreda-2011-gc-2161-0711.1000237.pdf Aspects of Common Traditional Medical Practices Applied for Under-Five Children in Ethiopia, Oromia Region, Eastern-Harargie District, Dadar Woreda, 2011 G.C]
=== Tiyaatira Oromoo ===
=== Wallee O
romoo ===
== Qoqqoodama Oromoo ==
=== Oromoo Baarentuu ===
Boorana
=== Kaan ===
== Siyaasa ==
* [https://web.archive.org/web/20211022054503/https://trace.tennessee.edu/cgi/viewcontent.cgi?article=1007&context=utk_socopubs Jalata, Asafa (2007) ''Oromummaa'', University of Tennessee: Knoxville]
* [http://trace.tennessee.edu/cgi/viewcontent.cgi?article=1012&context=utk_socopubs Jalata, Asafa (2010) ''Oromummaa: National Identity and Politics of Liberation'', University of Tennessee: Knoxville]{{Dead link|date=March 2026 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }}
* [https://web.archive.org/web/20140704005439/http://gadaa.com/oduu/21141/2013/08/09/gadaa-as-the-fountain-of-oromummaa-and-the-theoretical-base-of-oromo-liberation/ Jalata, Asafa (2013) ''Gadaa As the Fountain of Oromummaa and the Theoretical Base of Oromo Liberation'', Gadaa.com]
* [http://link.springer.com/article/10.1007/BF01303682 Ethiopia and ethnic politics: The case of Oromo nationalism]
== Kaan ==
* [https://web.archive.org/web/20141230211707/https://www.oromiamedia.org/ Oromia Media]
[[Category:Oromoo]]
betcsnt2yxubg2zzqpsplecu0alu0w9
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo
0
5227
46030
46023
2026-11-13T23:57:08Z
InternetArchiveBot
8356
Rescuing 2 sources and tagging 0 as dead. #IABot (v2.0.9.7)
46030
wikitext
text/x-wiki
'''Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo''' kitaaba seerluga [[Afaan Oromoo]] kan bara 1973 maxxanfamedha. Kitaaba kana kan barreesse Dr [[Hayilee Fidaa|Hayilee Fidaati]] yoo ta'u [[Paaris|Paarisitti]] maxxanfame. Hirmaatni Dubbii Afaan Oromoo kitaaba yeroo jalqabaaf [[qubee Afaan Oromoo|qubee Afaan Oromootin (Laatiniin)]] maxxanfame yoo ta'u kunis seena [[hogbarruu]] [[Oromoo]] keessatti kan addaa isa godha.
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo seerluga Afaan Oromoorratti xiyyeeffata. Seensa kitaaba kanaa keessa barreeffama armaan gadiitu jira:
''“Afaan Oromoo baláa dha. Afaan sooressaa dha. Garuu sabni Oromoo wal irraa fagaatee iddoo hedduutti hiramee bara baayée gatii dabarseef, kana irrattis caaffata otuu hin qabaatin waan hafeef, har’a Oromoon hundi yoo walii galuu danda’eyyuu, akki dubbii isaa sirriitti tokko miti…. Haráaf dafnee walii galuudhaaf yoo nu rakkiseyyuu, bor sooruma dhuma hin qabne ta’a … Si’as hundi keenya rakkina malee walii galuu dandeenya.”''
[https://www.gadaa.com Gadaa.com] waggaa afurtammaffaa kitaabni kun itti maxxanfame barruu Hagayyaa 1, 2013 baasen kabajeera.
==Wabii==
* [https://web.archive.org/web/20160423065808/http://gadaa.com/oduu/21048/2013/08/01/40th-year-remembrance-of-the-publications-of-hirmaata-dubbii-afaan-oromoo-and-bara-birraan-barihe/ 40th Year Remembrance of the Publications of ''HIRMAATA DUBBII AFAAN OROMOO'' and ''BARA BIRRAAN BARIHE'']'','' dhihootti kan baname: Adoolessa 18, 2015
* Mekuria Bulcha. The Language Policies of Ethiopian Regimes and The History of Written Afaan Oromoo: 1844-1994
* [https://web.archive.org/web/20160311032153/http://seenaa.com/seenaa-goototaa/haile-fida/ Haile Fida, The Father of Qubee Afaan Oromo], dhumarratti kan baname: Adoolessa 18, 2015
[[Category:Ogbarruu Oromoo]]
g1bky91ykp7zdmr20o58mt4dkb94jr5
Tarree marsariiti Afaan Oromoo
0
6542
46033
46020
2026-11-14T00:18:32Z
InternetArchiveBot
8356
Rescuing 1 sources and tagging 0 as dead. #IABot (v2.0.9.7)
46033
wikitext
text/x-wiki
Yuusuf Abdallaa Adamee Marsariiti [[Afaan Oromoo]] fi waa'ee Oromoo bu'uura godhatan sadarkaa [https://web.archive.org/web/20200717180422/http://alaxa.com/siteinfo alexa] kan Hagayya 27 bara 2020 akka armaan gadi tarreeffamani.
{|class="wikitable sortable" style="margin: 1em auto 1em auto;"
|-
!#
!Marsariiti
!Sadarkaa alexarank
!Yaadanoo
|-
|1
|[https://voaafaanoromoo.com voaafaanoromoo.com]
|465,435
|Mootummaa USA
|-
|2
|[https://web.archive.org/web/20170617052305/http://www.oromp3.com/ oromp3.com]
|654,682
|Ferhan Abdusalam
|-
|3
|[https://web.archive.org/web/20250327234042/http://oromiyaa.gov.et/ oromiyaa.gov.et]
|761,858
| Mootummaa Itoophiyaa
|-
|4
|[https://web.archive.org/web/20210918011917/https://oromoculturalcenter.gov.et/ oromoculturalcenter.gov.et]
|724,509
|Mootummaa Itoophiyaa
|-
|5
| [https://web.archive.org/web/20201101121416/http://gadaapost.com/ gadaapost.com]
|849,981<ref>{{cite web|url=https://www.worthofweb.com/website-value/gadaapost.com/|title=worth of website|website=worthofweb.com}}{{Dead link|date=August 2021 |bot=InternetArchiveBot |fix-attempted=yes }}</ref>
| dhuunfaa
|-
|6
|[https://web.archive.org/web/20211019040912/https://kichuu.com/ kichuu.com]
|1,078,098
|
|-
|7
|[https://web.archive.org/web/20200809053436/https://oromiamedia.com/ oromiamedia.com]
|1,261,126
| [[Oromia Media Network]]
|-
|8
|[https://web.archive.org/web/20211005102351/https://www.opride.com/ opride.com]
|1,551,083
|Mohammed Elamo
|-
|9
|[https://web.archive.org/web/20170914075016/http://ayyaantu.com/ ayyaantu.com]
|2,110,801
|
|-
|10
|[https://web.archive.org/web/20210415092154/http://obnoromia.com/ obnoromia.com]
|2,316,736
|[[Oromia Broadcasting Corporate]]
|-
|11
|[https://web.archive.org/web/20211016232415/https://ilqso.gov.et/ ilqso.gov.et]
|2,574,195
|Mootummaa Itoophiyaa
|-
|12
|[https://web.archive.org/web/20210921115803/https://www.afaan-oromoo.com/ afaan-oromoo.com]
|2,869,302
| Abdisa Jaarraa
|-
|13
|[https://web.archive.org/web/20210411175232/http://www.gadaa.com/ gadaa.com]
|3,184,239
|
|-
|14
|[https://web.archive.org/web/20210617212336/https://oromoimages.com/ Oromoimages.com]
|3,405,661
|
|-
|15
|[https://Nuuralhudaa.com Nuuralhudaa.com]
|4,281,828
| [[Nuuralhudaa]] TV
|-
|16
|[https://Oromianeconomist.com Oromianeconomist.com]
|5,026,355
|Yuusuf Abdallaa Adamee
|-
|17
|[https://awashpost.com awashpost.com]
|5,426,995
|
|-
|18
|[https://oromoliberationfront.org oromoliberationfront.org]
|5,466,288
| [[Oromo Liberation Front]]
|-
|19
|[https://advocacy4oromia.org advocacy4oromia.org]
|6,110,227
|
|-
|20
|[https://web.archive.org/web/20210226090938/http://xalayaa.com/ xalayaa.com]
|6,360,012
|
|-
|21
|[https://web.archive.org/web/20210927095200/https://siifsiin.com siifsiin.com]
|6,359,997
| Barruu [[Siifsiin]]
|-
|22
|[https://oromostudies.org oromostudies.org]
|6,794,191
| [[OSA]]
|-
|23
|[https://web.archive.org/web/20211107152306/https://finfinnetribune.com/ finfinnetribune.com]
|8,623,248
|
|-
|24
|[https://web.archive.org/web/20210123195306/https://www.gadaamedia.com/ gadaamedia.com]
|10,236,186
|
|-
|}
==Marsariiti Afaan Oromoo of keessa qaban==
Marsariiti armaan gadi Afaan Oromoo afaanota biro waliin kan qabaniidha.
* [https://bbc.com/afaanoromoo bbc.com/afaanoromoo]
* [https://web.archive.org/web/20200806004219/https://www.press.et/afanoromo/ press.et/afanoromo]
* [https://fanabc.com/afanoromo fanabc.com/afanoromo]
* [https://web.archive.org/web/20200925123843/https://www.ena.et/afanoromo/ ena.et/afanoromo]
* [https://jw.org/om jw.org/om]
==Marsariiti hunda==
Marsariiti Oromoo kan intarneeta gubba mullatan.
* ademmisoma24.wordpress.com
* afaan.com.au
* athletdani2.blogspot.de
* autonomousoromia.wordpress.com
* ayyaantuu.net
* bakkalcha.wordpress.com
* bariisa.com
* bbcafaanoromoo.com
* becauseamoromo.blogspot.de
* bilisumma.com
* bilisummaa-oromo.blogspot.de
* birhanumlenjiso.blogspot.de
* boonaa.com
* boorantitti.blogspot.de
* caboowanci.com
* caffeeoromiyaa.gov.et
* calgaryoromocommunity.org
* daandiiragabaa.wordpress.com
* daballeestudios.com
* dandi4130.wordpress.com
* danieltadesse.wordpress.com
* demissiebulto.com
* depts.washington.educommtranOCCagency.htm
* dhaamsaogeetti13.wordpress.com
* eessaakaram.blogspot.com
* elemomusic.com
* englandoromocommunity.wordpress.com
* etefa.wordpress.com
* ethiofreespeech.blogspot.de
* ethiopia-and-or-oromia.simplesite.com
* everybarataa.com
* fayyisoromia.wordpress.com
* fincilaoromoo.wordpress.com
* finfinnepost.blogspot.de
* free-oromiyaa.blogspot.de
* freedomfororomo.wordpress.com
* freeoromia.blogspot.de
* gadaa5.rssing.com
* gadaaoromia.wordpress.com
* gemuchu.wordpress.com
* gubirmans.com
* guubooao.com
* hassanismailfatou.blogspot.de
* independentoromia.org
* iowo.org
* ittafaa.webs.com
* jajjaboosabaa.blogspot.de
* jimmatimes.com
* kakuu.org
* kelbessac.wordpress.com
* kfai.orgoromocommunityradio
* kfai.orgvoiceoforomiyaa
* kichuu.com
* librationfororomiya.blogspot.de
* maaddiijaalaalaa.blogspot.de
* maddawalaabuupress.blogspot.com
* maddawalaabuupress.blogspot.de
* meeshaalee.nl
* networkoromostudies.com
* obiiftuuislaamaa.com
* ocasa2020.blogspot.de
* ococ.gov.et
* odanabi.com
* ogina.org
* oneoromiyaa.wordpress.com
* oneoromo.org
* opdo.org.et
* ora.gov.et
* originaloromantic.blogspot.de
* oroict.com
* orointbank.com
* oromedia.net
* oromia.today
* oromiachr.blogspot.de
* oromiacoffeeunion.org
* oromiafreevoice.blogspot.de
* oromiafreevoice.blogspot.no
* oromialandinfo.wordpress.com
* oromialawyers.wordpress.com
* oromian.netOromoRogalandindex.html
* oromianeconomist.wordpress.com
* oromianews.wordpress.com
* oromiannationalacademy.com
* oromiapo.gov.etindex.phpen
* oromiapost.blogspot.de
* oromiatimes.org
* oromiatourism.gov.et
* oromiaviaambo.blogspot.cz
* Oromiffa.com
* oromo-deutsch.de
* oromo-liberationfront.org
* oromochurchdc.com
* oromochurchla.comoelc
* oromochurchmn.org
* oromochurchoslo.org
* oromochurchphx.com
* oromocommunityireland.com
* oromocommunityny.org
* oromocommunityolv.org
* oromodemocraticfront.org
* oromodictionaries.com
* oromodictionary.com
* oromodoc.wordpress.com
* oromoenglish.com
* oromofederalistcongress.net
* oromogospel.org
* oromoland.wordpress.com
* oromolawyers.org
* oromoliberationfront.info
* oromoliberationfront.net
* oromoliberationfront.org
* oromomn.org
* oromoo.tumblr.com
* oromooliterature.com
* oromooswiss.blogspot.de
* oromoparliamentarians.org
* oromopress.blogspot.de
* oromoprotests.wordpress.com
* oromoreliefassociationuk.com
* oromosda.org
* oromoshop.com
* oromosportfedau.webs.com
* oromostudents.wordpress.com
* oromotv.com
* oromowomensinternationalconferenceonline.com
* oromsisonline.wordpress.com
* orosoftblog.blogspot.com
* orto.gov.et
* osfna.org
* osra-egypt.webs.com
* peoplesafd.org
* qeerroo.org
* qubee.org
* qubegeneration.wordpress.com
* reinventethiopia.wordpress.com
* sammubani.com
* samsondoya.blogspot.de
* saphaloo.wordpress.com
* seenaa.com
* shaggarindex.blogspot.de
* sheekkosheekko.blogspot.com
* shegeronline.com
* siitube.com
* sikk.over-blog.com
* swiss-oromocommunity.com
* tboj.de
* tedjaleta.com
* thefighteroffreedom.blogspot.de
* unionoromia.wordpress.com
* uora-egypt.webs.com
* voicee.wordpress.com
* waaqeffannaa.com
* waaqkenna.blogspot.de
* waldaaoromo.org
* yared.de
==Wabii==
{{Category:Afaan Oromoo}}

6wsov6q30epkb1mf58x4ssal1b5wfdt