Afaan Oromoo

From Wikipedia

Afaan Oromoo afaan baay'innaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaa irra jira. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan Kiswahiliitiif afaan Hawusaatti aana jechuudha.Afaan arabaa fi afaan kiswaahilii afaan biyya ormaa yoo ta'an, afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa tokkoffaa ta'a; osoo mootummaa qabaatee immo Addunyaa irraatti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala.